Barnoota Telegram kutaa 7ffaa – waa’ee Bot bardhu

Bot telegramaa faayyadamuun jecha kamiiyyuu gara afaanota addunyaa irra jiranitti hiikuu akka itti dandeenyu fi odeeffannoo dhibee koroonaa biyya keessaa ittiin argannu.

Barannoo kana keessatti bot lamaa fi faayyadama isaanii kan ilaallu ta’a:

1. Bot jecha tokko gara afaanota addunyaa irra jiraniitti nuuf hiiku

Bot kun bot salphaa fayyadamni isaas mijataadha. Jecha tokko afaan barbaadne irraa gara afaan barbaadne kan birootti nuuf hiika. Akka biyya keenyatti afaan Amaaraa of keessatti hammatee jira. Yeroo dhiyootti Afaan Oromoo akka dabalatus ni eegama.

Akkaataa faayyadama isaa

  1. t.me/bettertranslatebot start godhaa
  2. Jecha hiikkachuu barbaaddan qubeeffama (spelling) sirriidhaan barreessuun itti ergaa.
  3. Afaan itti jijjiirrachuu barbaaddan filannoo isiniif fida. Afaanota baay’ee waan qabuuf tartiiba qubeetiin fuula muraasatti qoodee jira. Fknf, Afaan Inglizii fuula lammaffaa irra jira. Gara fuula itti aanuutti darbuu fi duubatti deebi’uuf mallattoolee ( < fi > ) gara gadii jiran fayyadamaa. Afaan itti jijjiirrachuu feetan yoo tuqxan kallattiidhaan afaan sanatti hiikee isiniif fida.

2. Bot haala fi odeeffannoo dhibee koroonaa Itoophiyaa isiniif dhiyeessu

Erga dhibeen koroonaa biyya seenee kaasee bot maqaa ministeera fayyaatiin banaman hedduun ni jiru. Haa ta’u malee baay’een isaanii sobaadha. Bot isiniif dhiyeessinu kun garuu kan ministeera fayyaa ta’uunsaa mirkanaa’ee verify kan ta’e fi odeeffannoo dhugaa kan kennudha.

Bot kana fayyadamuuf t.me/covid19ethiopiabot seenuun start godhaa. Akkuma start gootaniin filannoo jaha isiniif dhiyeessa. Bot kun afaan Amaaraa kan fayyadamu yoo ta’u filannoowwan armaan gadii isiniif dhiyeessa.

ወቅታዊ መረጃ : kana yoo filattan oduu wayitaawaa ministeera fayyaa irraa darbu isiniif dhiyeessa
መልስ ያግኙ : Kana yoo filattan dhibee koroonaan walqabatee wantoota gaaffii namatti ta’anii fi deebii isaa isiniif dhiyeessa
ለተጟዦች ምክር : Kana yoo tuqxan gorsa dhibee koronaa namoota geejjiba fayyadamaniif dhiyeessa.
ከበሽታው ለመከላከል : Kana yoo filattan akkaataa dhibee koroonaa irraa of eegnu isiniif dhiyeessa.
ሀሰተኛ መረጃዎች : Kana yoo filattan dhibee koroonaan walqabatee odeeffannoo sobaa faffaca’aa jiran isiniif dhiyeessa
ዜናዎች : Kana yoo filattan oduu walii galaa dhibee koronaan walqabatan isiniif dhiyeessa

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time