Barnoota Telegram kutaa 8ffaa – waa’ee Bot baradhu

Telegram irratti Bot faayyadamuun Appii playsore fi website kamirraayyuu jiru buufachuu fi suuraa barreeffama qabu irraa barreeffama isaa qofa karaan ittiin fudhachuu dandeenyu.

1. Bot Appii barbaadne ittiin buufannu

Appii update ta’an argachuu fi buufachuun namoota tokko tokkoof rakkisaadha. update gochuuf akkasumas kan update ta’e playstore irraa buufachuuf email qabaachuun dirqama ta’a. Akkasumas bilbila keenya irratti playstore sirnaan kan dalagu ta’uu qaba.

Kana hundaaf furmaata kan ta’u Telegram keessan irratti Bot faayyadamuun ni dandeessu. Telegraama irraa kallattiidhaan Appii barbaaddan buufachuu ni dandeessu. Email qabaachuun dirqama miti, akkasumas Appii playstore irraa qofa osoo hin taane website kamirraayyuu buufachuu isin dandeessisa.

Bot kana fayyadamuuf tartiiba kana hordofaa:

  • t.me/apkdl_bot seenuun start godhaa
  • Maqaa Appii buufachuu barbaaddanii barreessuun itti ergaa.
  • Maqaa Appii fi description gosa baay’ee isiniif fida. isaan keessaa kan barbaaddan filadhaa.
  • Bakka maqaan Appii barbaaddan sanaa jiru bira barreeffama mallattoo ‘/’ jalqabu tuqaa. yeroo tuqxanitti waa’ee Appii sanaa fi suuraa appichaa isiniif fida.
  • Appichi kan barbaaddan ta’uusaa adda baafachuun yoo kan isin barbaaddanidha ta’e bakka ‘dowload file’ jettu cuqaasaa.
  • Sekoondii muraasa booda Appicha isiniif fida. Download gochuun install gootanii faayyadamuu dandeessu.
  • Linkii Appii buufachuu barbaaddanii yoo qabaattan immoo baay’ee gaariidha. linkii Appichaa paste gochuun yoo itti ergitan kallattiidhaan appicha isiniif fida. Download gochuun install gootanii fayyadamuu dandeessu.

Haa ta’u malee Bot kun hanqina tokko qaba. Hanqinni isaas Appii hammi isaa 50MB olii isiniif hin buusu. ta’uus furmaatni isaa kana armaan gadiiti:

Linkii app hammi isaa 50MB olii yoo itti ergitan faayilichi guddaa ta’uusaa isinitti himuun linkii kan biroo ‘https://checker.in/go/1729101‘ akka kanaa isiniif kennee t.me/uploadbot tti ergi isiniin jedha.

Isiniis t.me/uploadbot start gochuun linkicha itti ergitu. Kallattiidhaan appichaa isiniif fida. Download gochuun fayyadamuu dandeessu.

2. Bot telegramaa suuraa irraa barreeffama qofa ittiin fudhachuu dandeenyu

Bot kun suuraa barreeffama qabu barreeffama isaa qofa nuuf kenna. haa ta’u malee barreeffamni suuraa irra jiru kan sirritti mul’atu ta’uu qaba. Fknf, barreeffama tokko screenshot goonee gara barreeffamaatti deebisuu dandeenya. Fayyadamni isaa salphaadha. tartiiba kana sirnaan hordofaa:

  • t.me/imagetotext_bot seenuun start godhaa
  • Itti aansuun suuraa barreeffama qabu itti ergaa

Kallattiidhaan barreeffama suuraa irra jiru isiniif fida. qulqullinni suuraa keessanii gad bu’aa yoo ta’e, barreeffamicha guutummaatti isiniif fiduu dhiisuu danda’a ykn barreeffama dogoggoraa keessaa hir’isee isiniif fida. suuraan itti ergitan qulqullina gaarii yoo qabaate Bot kuniis barreeffama qulqullina gaarii qabu isiniif fida. Barreeffama isiniif dhufe copy gochuun dhimma itti bahuu dandeessu.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time