Appii fi koodii sobaa maallaqni keenya ittiin hatamu akka itti beekuu dandeenyu fi of eeggannoo gochuu qabnu

Yeroo ammaa karaa lamaan kaardiin bilbilaa nu jalaa hatamuu danda’a. kuni akkamitti ta’a? Furmaatni isaa hoo? Qabxiilee asii gadii laman sirnaan hubadhaa.

1. Moosaajii/Appii maallaqa hatu

karaan kun telegram irratti kaardii bilbilaa nama biroo hatuuf baay’inaan mul’ataa jira. Group fi channel garaagaraa irratti Appii ittiin maallaqni hatamu hedduun dalagamee maxxansama. karaa keessatiinis namatti dhufanii nama gowwoomsuf kan yaalan ni jiru.

Aappiwwan kanneen download goonee install yoo goonu hayyama keenya malee osoo nuti hin beekin kallattiidhaan maallaqa keenya butuun gara SIM cardi nama birootti dabarsa. namoonni gocha kana irratti bobba’an yeroo hedduu Appii badii kana ergaalee nama hawwatan waliin maxxansu. kanaafuu, Nuti ergaalee nama hawwatan kan maddi isaa hin beekamne dafnee amanuu dhiisun furmaata tokko.

Aappii maallaqa hatuu fi kan biroo akkamiin adda baasnee beekuu dandeenya?

  • Moosaajiiwwan (Appiwwan) maallaqa namaa hatan hammi isaanii baay’ee xiqqoodha. yeroo hedduu size isaanii 1MB gadi yoo ta’an, yoo baay’ate 2MB hin caalu. Kanaafuu Appii 2MB gadi keessumaa 1MB gadi ta’an shakkuu qabdu. Appin nama gowwoomsuf oolu kun kan dhugaa fakkaatee isiniif dhufuu danda’a. Fkn maqaa fi Astaa facebook qabatee dhufuu danda’a. telegram irratti Appin gosa ‘Apk’ salphatti download waan tahuuf ariifatuu hin qabdan
  • Moosaajiiwwan maallaqa hatan download gootanii yeroo install gochuuf jettan permission Appii sanaa jalatti “directly call phone number, this may cost you money” jechuun isiniif fida. yeroo kanatti install gochuu yoo dhiistan gaariidha. tarii Appii maallaqa hatu ta’uu fi ta’uu dhiisuu isaa adda baafachuu yoo barbaaddan osoo install hin godhin dura bilbila keessan flight mode irra godhaa.

Yeroo install gootanii open gootan flight mode irraa akka kaastan kan isin gaafatu yoo ta’e Appichi kan maallaqa hatuudha. yeroo kanatti Flight mode irraa yoo kaastan kallattiin maallaqa keessan gara kan nama birootti dabarsa. Kanaafuu, osoo flight mode irraa hin kaasin Appicha bilbila keessanirraa haqaa.

2. Koodii bilbilaa ittiin kaardiin hatamu

Tooftaan kun immoo ‘kaardii dachaadhaan isiniif guutama’ jechuun hanna raawwatamudha. Yeroo baay’ee Facebook irratti suuraa loogoo Itiyoo telekoomii fayyadamuudhaan nama gowwoomsuu yaalu. 

Akkamiin hatama kan jedhuuf, koodii bilbila isaanii irratti kaardii keessan guutu isiniif kaa’u. Koodicha yoo fayyadamtan kaardichi dachan isiniif guutama jedhu. Fakkeenyaaf lakkoofsa bilbilaa 0920304050 irratti kaardiin akka guutamu gochuuf koodii *805*lakk. Dhoksaa kaardii*920304050# fayyadamaa jedhu.

Kana xiqqoo waanti adda godhee nama gowwoomsu lakkoofsa bilbilichaa ‘0’ jedhee jalqabuu dhiisuu isaati malee koodiin kun kaardii akka namaaf guutu waan namni hundi beekudha. Haa ta’u malee lakkoofsi zeeroon jiraates jiraachuu baates ni hojjata. Bifa kanaan kaardii keessan hatu jechuudha.

Walumaa galatti kaardiin dachaa guutamu hin jiru. Akka tasaa kaardiin keessan bifa kanaan yoo hatame lakkoofsa bilbilaa inni irratti darbe SMS dhaan waan isiniif dhufuuf lakkoofsa bilbilichaa Teeleetti gabaasuu qabdu.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time