Faayila kamuu akka yoomuu hin bannetti ol kaayachuuf

Maxxansa har’aa keessatti akkaataa faayiloota keessan (Suuraa, Sagalee, Vidiyoo, Barreeffamaa fi Lakkoofsa namootaa) ol kaayachuu dandeessan isin agarsiifna. Ati nama faayilli jalaa baduun rakkate yoo taate kuni furmaata filannoo hin qabneedha. Akkaataa nuti isin agarsiifnun faayila keessan yoo ol kaayattan yoomuu na jala bada jettanii yaadda’uun hin jiru.

Tarii bilbilli/mobaayilli keessan baduu danda’a. Garuu faayila isin ol kaayattaniifi bilbila keessan wanti walitti hidhu tokkolleen hin jiraatu. Faayila bilbila duraanii irra ture bilbila haaraya irratti ykn kompiitara keessan irratti argachuu ni dandeessu. Malli kun haaraya ta’uu baatus hanga ammaatti gaaffilee namoonni irra deddeebin gaafataniidha.

Faayila kamuu akka yoomuu si jalaa hin bannetti ol kaayachuun kuni akkamitti taha?

Dursa irratti waan hubatamuu qabu. faayilli ol kaayamu ‘E-mail’ keessaniin walitti hidhama. Hanga email kee beektutti faayila kee guutuu Gosa bilbilaa kamuu irratti, Gosa kompiitaraa kamuu irratti, Biyya kamuufi yeroo kamuttuu argachuu ni dandeessa. Faallaa kanaatin Email kee dagatte yoo ta’e faayila keetis bakka jiru dagatte jechuudha.

Dhaabbanni Google tajaajiloota 200 ol kenna. isaan keessaa kan Nuti baay’inaan beeknu, Youtube, Play Store fi Gmail tahuu danda’a. Garuu kanaan ala kan osoo faayyadamnee hedduu irraa gargaaramuu dandeenyu ni jiru. Fkn, kanneen akka Har’a ilaaluf deemnu..

Google Nama tokkoof (email tokkoof) kuusaa 15GB bilisaan (free) kenna. Kuusaa ykn storage siif kenname kana irra faayila gosa kamuu kaayyachuu dandeessa. Faayilli Ati ol kaayachuu barbaaddu kana caalaa guddaa yoo tahe Kuusaa dabalataa Google irraa bitachuu ni dandeessa. kuusaa kanaas gara GB 100, 200 fi kanaa olitti siif guddisu.

Yoo kafaltii raawwachuu hin dandeenye Aappii biroo tajaajila wal fakkaataa kennan akka dabalatatti faayyadamuu ni dandeessu. Fkn; Dropbox fi OneDrive filatamoodha. kunneenis GB dabalataa argachuuf kafaltii si gaafatuu danda’u. Garuu bakka hundaa 5GB, 10GB, 15GB yoo argattan kuni isiniif galaana.

Haa ta’uu malee kuusaan Google isiniif kennu 15GB jechuun SUURAA, VIDIYOO fi AUDIO murteessoo qofa yoo irratti feetan isin gahuu danda’a. Barreeffamni fi Lakkoofsi bakka guddaa hin fudhatu waan taheef yaachisaa miti.

Faayiloota asii olitti jenneefi Dokumantiilee adda addaa Sarvara Google irra kaayyachuuf kanneen isin tajaajilan Aappii gosa 4tu jira. isaan keessaa Lama bilbila ammayyaa yeroo ammaa waliin dhufu, Lama immoo kan download godhamaniidha. Haa ilaalluu:

  1. Google Photos
  2. Google Drive
  3. Google Keeps
  4. Google Contacts

Aappiiwwan kanneen maqaa isaanii ilaalun salphatti maalif akka nu gargaaran hubachuu dandeenya. Garuu Hordoftoota keenya maraaf akka ifa ta’uuf jecha tokkon tokkoon isaanii bifa asii gadiitin ilaalla.

1. Google Photos

Google Photos irratti Suuraalee lakkoofsan baay’ee tahan irratti fe’achuu dandeessu. Google Photos bilbiloota ammayyaa hedduu waliin waan dhufuuf bilbila keessan irra ilaalaa yoo dhabdan Google Photos tuquun download godhadhaa.

2. Google Drive

Google Drive irratti faayiloota gosa adda addaa baay’ee irratti fe’achuu dandeessu. Nuti kan isin gorsinu Vidiyoo fi Sagalee akka irratti feetan isin gorsina. Akkasuma faayila akka PDF fi Dokumantii adda addaa yoo irratti fe’attan gaaridha. Suuraas irratti fe’achuu ni dandeessu.

Garuu kan jalqaba jenne ‘Google Photos’ suuraadhaf waan qophaayee jiruuf suuraaf jecha Google Drive faayyadamuun dirqmaa miti. Google Drive bilbiloota ammayyaa hedduu waliin waan dhufuuf bilbila keessan irra ilaalaa yoo dhabdan Google Drive tuqaa buufadhaa.

3. Google Keeps

Google Keeps barreeffamoota adda addaa baay’ee tahan akka irratti fe’attaniif isin gargaara. Barreefamni kuniis yoomuu isin jalaa baduu hin danda’u. Yaadannoo (Note) yemmuu qabattaniis asuma Google Keeps irratti qabachuu dandeessu. Kan adda isa godhu, Fakkeenyaf; yeroo yaadannoo barreessitu sagaleedhan (record) godhaa yaadannoo kee bira kaayyachuu dandeessa. akkasuma suuraa yaadannoo sanaan wal qabatu itti dabaluu dandeessa. Google Keeps bilbila hedduu waliin waan hin dhufneef buufachuuf kunoo Google Keeps.

4. Google Contacts

Google Contacts filannoo biroo kan Lakkoofsa bilbilaa namoota irratti qabachuu dandeenyudha. Akkuma hundi keenya beeknu bilbilli kamuu ‘Contacts’ ofirraa ni qaba. Yoo fedha keenya tahe kanuma bilbila keenya irra jiru gargaaramuu dandeenya. Yoo bifa fooyyee qabuun faayyadamuu barbaanne Google Contacts buufachuu dandeenya.

Aappii ‘Contacts’ gosa feetan yoo faayyadamtan Lakkoofsa bilbilaa akka hin bannetti Save gochuuf garaagarummaan hin jiru. SABABNI ISAA; kan isin Save gochuu qabdan Email keessan irratti waan ta’eefi. Ati faayyadamaa gosa bilbilaa fi Contacts kamuu yoo taate yogguu lakkoofsa Save gochuuf deemtu filannoo 3 argatta. isaan keessaa kan Email kee irratti Save godhu filachuun sirra jiraata. Fkn, asii gadiitin.

  • Phone (qafoo irratti save gochuuf)
  • Simcard (siimii irratti save gochuuf)
  • Google (Email kee irratti save gochuuf) Akka yoomuu hin banneef kan Google kana filatta. yoo bilbila kee irraa email baay’ee qabaatte hunda siif baaseeti isa sirrii akka filattu si gaafata.

Dhuma irratti kan isin yaadachiisnu faayilli keessan Email keessaniin walitti hidhama. Isin hanga email fi password (jecha darbii) keessan beektanitti; Gosa bilbilaa kamuu irratti, Gosa kompiitaraa kamuu irratti, Biyya kamuufi yeroo kamuttuu faayila kana deebistanii argachuu ni dandeessu. Kanaafuu; Email kee akka salphatti waan ilaalamuu hin qabneedha.

Namni biroo email kee argannaan faayila kee guutuu argachuu danda’a. yoo si jalaa bade immoo faayila kee guutuu dhabuu dandeessa. Akka si jalaa hin hatamneef waan akka waraqaa fi nootii adda addaa irratti barreessuu dhiisuu, Sammuu kee qofa keessatti qabachuu. Google faayila kana argachuuf eenyummaa kee naaf mirkaneessi jedhee akka si hin rakkifneef Email kee irratti Recovery phone (Lakkoofsa yoo si jalaa bade Teelee irraa argachuu dandeessu) akka irratti dabalattu si gorsina.

11 Comments
  1. Izeddin kelifa says

    Thanks Galatooma ✅ an Erga bara 2013 tiin itti fayyadama bilbilli format ta’us dhiisus wanti keessa jiru hin badu! Gamas darba!

    1. abdulwasi says

      Kuni Nama Gammachiisa

  2. Naziiruu muzamil says

    Galatomiii motiii barumsaa heduu barbabachiso tahaan heduu siraaa barachaa jiraaa jabadhuuu

    1. abdulwasi says

      Galatoomaa

  3. Ramadan says

    Hubannoo dabalataa hedduu irraa argadhee
    Harka keettin bulii bro

    1. abdulwasi says

      Tole!

  4. Nasru aliyi says

    Hedduu waan bareedadha itti fayyadamaa ani itti fayyadamen jiraa isinis akka itti fayyadamtan abdiin qaba

    1. abdulwasi says

      Ati itti faayyadamtee namoota biroo gorsuun kee hedduu nu gammachiisa.

  5. Mahdii says

    Galatoomi ani gaafin qaba
    Emaili koo password wallaale
    Forgot psw yeroo heddu godhus koodii dhufe itti galchus banamu dide woggaa hedduuf itti fayyadame. Yoo ati dandeettii qabaattee emaili koo deebiste dadhabbii keetiif gatii nan kaffala

  6. Dechasa says

    Gltomii hojii gaari

  7. Mohammed Bushra says

    Galatoomi, Kobbeen kee haa mirgidu

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time