Waa’ee Vaayirasii bilbilaa hangam beektu?

Qiinqanii (virus) jechuun koodii kompiitaraa ykn kan progiraamaa yemmuu ta’u, yeroo hedduu kan uumamu namoota ogummaa kompiitaraa gad fageenyan qabaniin hojjatama. Vaayirasiin gosoota hedduutu jira. isaan keessaa: Spyware virus, Malware virus, Ransonware virus, Adware virus, Trojan virus fi kkf.. jedhamuun waamamu. Hundi isaanii akkuma maqaa isaanii hojiin isaanitiis wal adda.

Hojiin Vaayirasii Maali?

  • Bilbila keenya balleessuu (Damage) gochuu.
  • Faayiloota barbaachisoo ta’an nu jalaa balleessufi dhoksuu. Fkn, Music. Photo, Video, Application fi Document adda addaa akka nuti deebisnee argachuu hin dandeenyetti dhabamsiisuu danda’a.
  • Bilbila keenya Password ykn Pattern nuti hin beeknen cufuu. kana jechuun Jecha Darbii kan keenya malee kan nuti hin beeknen hidhama. yeroo hedduu namoonni gocha kana raawwatan Jecha Darbii hidhameen sana isiniif kennuuf kafaltii hin barbaachifne nama gaafatu.
  • Hojii Operating System (OS) bilbila keenyaa wal keessa laaquu. kana jechuun bilbilli keenya hojii isaa sirnaan akka hin hojjanne gufuu itti taha jechuudha, yeroo kanatti bilbilli keenya osoo nuti hin ajajin ofumaa of ajajuu eegala. Fkn, Aappii tokko banee cufuu, Flight Mode irra gochuu, Swich off gochuu, deebisee ofumaaf banuu fi amaloota akkanaa hedduu agarsiisa.
  • ‘Software File’ Delete gochuu. Software File haqamnaan bilbila keenya sirreessun baay’ee ulfaatadha.

Kanneen asii olitti tarreeffaman hundi Eeyyama Abbaa bilbila sana malee raawwatama. Hojiilee vaayirasii eega hangana jennee Amma gara Ofirraa ittisuufi Furmaata isaatti haa ceenuu.

Vaayirasii bilbila keenya irraa ittisuuf Qabxii 7

1. Bakkoota hin beekamneefi marsaariitii Fake tahan irraa waa download gochuu dhiisuu. Fkn, Application tokko yoo barbaanne Playstore fi Appstore keessatti search gochuun barbaaduu qabna. yoo marsaariitii maalummaan isaa hin beekamne irraa download kan goonu tahe, vaayirasii qabatee bilbila keenya keessa seenuu danda’a.

Marsaariitii Fake tahan irratti yeroo hedduu vaayirasiin baay’inaan gadhiifamuun beekama. kanaafuu, bakka Amansiisaa tahe qofarraa wanta barbaaddan Download godhachuun ni gorfama.

2. Softweerii bilbila keenyaa yerootti Update gochuu. Akkuma beekamu bilbilli keenya yeroon Update itti godhamu yoo gahe, notification irratti nu beeksifama. yeroo kanatti har’aa, boru jechuu osoo hin taane battalumatti Update gochuun gaaridha. bilbilli keenya Software Update yoo godhame yeroo waliin akka tarkaanfatu taasisa. kuni immoo carraan vaayirasiin huubamuu isaa akka xiqqaatu godha.

Software Update gochuuf:

Yeroon update itti godhamu yoo gahe akkuma olitti jenne notification irratti isin beeksifamuu danda’a. yoo isin hin beeksifamin ofuma keessanii software update ajajuu dandeessu. kuniis: Setting > gad deemun dhuma irratti > About Phone kan jedhu tuqaa. itti aansun Software Update kan jedhu ni arganna seenun Click goona. yeroon isaa kan gahe yoo tahe update tahuu ni eegala.

3. Farra Qiinqanii (Antivirus) sirrii ta’an faayyadamuun Faayiloota fi Aappota bilbila keenya irra jiran hunda Scan gochuu. Scan yeroo goonu kanneen bilbila keenya keessatti gocha addaa adeemsisan gargar waan nu baasuf battalumatti balleessuu qabna.

Antivirus Sirrii (Orginal) jedhaman kan Asii gadiiti.

  • Norton Antivirus
  • Kaspersky Antivirus
  • AVG Antivirus
  • Avast Antivirus
  • Avira Antivirus
  • Bitdefender Antivirus
  • McAfee Antivirus
  • Lookout Antivirus
Palystore keessaa argattu

Hundi isaanii hojii isaanirraa eegamu sirnaan raawwatu. Namoota miliyoonan lakkaayamaniin Download godhamanii jiru. isiniis kan bilbila keessaniin wal simu ilaalaa faayyadamaa.

4. karaalee vaayirasiin bilbila keenya ittiin seenu keessaa inni duraa Email dha. Fkn, Gmail fudhachuu dandeenya. yeroo hedduu liinkin Email nuti hin beekne irraa yoo dhufe banuu irraa of qusachuu qabna. Ergaaleen karaa email’n nu gahan salphatti vaayirasiin keessa dhoksfamuu danda’u. Nutiis ariifannee yoo Click goone dafee Download tahuun vaayirasiin inni qabate bilbila keenyatti galuu danda’a.

5. Aappota bilbila keenya irratti faayyadamnu hunda yeroo yeroon update gochuu. sababni isaa: Aappin bilbila irraa osoo update hin godhamin yeroo dheeraa yoo ture gara vaayirasitti jijjiiramuun ni mala.

Aappii Update gochuuf:

Palystore > sarara sadeen bitarraa tuqi > My App seeni > Aappii ati bilbila irraa qabdu hunda siif baasa, kan haaromuu barbaadu akka Update gootu si gaafata, irratti tuquun update goota. akkasuma maqaa Aappii faayyadamtuu sana playstore irratti search gochuun bakka Open jedhutti Update kan jedhu yoo jiraate irratti tuquun update goota. Dabalata Setting palaystore keessa Auto Update Apps kan jedhu ni jira. isa keessa seenun Aappin hundi akka ofiin of haaromsu ajaajuufi ajaja dhowwuun ni danda’ama.

6. Internet (Data & Wifi) banaa yogguu ta’an yeroo hunda Of eeggannoo taasisuu. sababni isaa: yeroo kanatti notification Eeyyama keenya barbaadan nutti dhufuu danda’u, Fkn, Allow or Decline nu jechuu danda’u. nuti bilbila keenya itti faayyadamuu itti fufuuf ariifannee Allow yoo jenneen Wanta eeyyama nu gaafatu sanaaf osoo maalummaa isaa hin beekin Eeyyama nu gaafatu laannef jechuudha. Wantichi vaayirasii yoo ta’e kallattiin hojii isaa hojjachuu eegala.

Kanaafuu; Notification nutti dhufu hunda osoo maalummaa isaa hin beekin goonkumaa Eeyyama laachufi hin qabnu.

7. Aappii ykn Faayilaas tahee wanta barbaanne yoo kan namootarraa fudhannu tahe dursa irratti Maalummaa isaa sirritti gaafachuu. yoo namichi isin gowwoomsuf kan yaalu tahe, dhimmicha irratti search gochuun dhugaa jiru hubadhaa. Akkasuma namni eenyummaan isaa hin beekamne tokko karaa keessatiin wanta akka liinkii yoo isinitti erge hedduu itti hin gammadinaa.

Fiishiing (Phishing) jechuun maali? Fiishiingiin Miidhaa Saayiberii keessaa isa tokko yoo ta’u, Hanna odeeffannoo karaa Email keenyan nurratti raawwatamuudha. Guutuu dubbisuuf As tuqi

3 Comments
  1. Samuel mamo says

    Maaliif published hin taane

    1. abdulwasi says

      Approve godhamuu barbaada

  2. film izle says

    Hello, just wanted to tell you, I loved this post. Doro Emmit Utta

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time