Dhaabbanni Apple doolaara 288,500 Garee hacker’ootaf kenne

Dhaabbanni Technology beekamaan Addunyaa kanaa Apple kan bilbilootaa fi Kompiitaroota gosa Apple oomishuun beekamu garee hatuxxeewwanii namoota shan of keessaa qabuuf doolaara 288,500 kenne.

Dhaabbanni Apple doolaara USA 288,500 kana garee hatuxxeewwaniif kan kennees gareen kun karaalee 55 bilbiloonni Apple hatuxxeewwaniif (hacker)’f itti saaxilamuu dandahan waan adda baasanii kaampaanichaaf kennaniifi dha.

Karaalee 55 fayyadamtoota bilbiloota Apple miidhu jedhaman keessaas karaalee 11 fayyadamtoota bilbiloota Apple kamiyyuu baay’ee miidhu kan jedhaman turan.

Karaalee 55 bilbiloonni Apple miidhaan irra gahuu dandahu ture keessaatii tokko Suurawwanii fi Viidiyoolee fayyadamtoonni backup irra kaawwatan hatuxxeewwaniin butamuu dandahu isaa ture.

Dhaabbanni Apple’s karaalee 55 bilbiloonni Apple hatuxxeewwaniif itti saaxilaman erga baree booda wantoota rakkoo qaban irratti fooyya’insa taasisuun sirreessee jira.

Gareen hatuxxeewwan Kaampaanii Apple irraa badhaasa fudhatanis ji’oota sadan darbaniif karaalee odeeffannoon faayyadamtoota bilbila Apple hatuxxeewwaniin butamuu dandahu qorachaa akka turan ibsaniiru.

Gareen hatuxxeewanii kuniis akka jedhanitti dadhabinoota bilbila Apple isaan Kaampaanii Apple’tiif dabarsanii kennanis badhaasa doolaara 500,000 ol akka isaaniif kennamuu qabu ture ibsaniiru.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time