Youtube irraa Maallaqa argachuuf qabxiilee beekamuu qaban 15

1. Youtube galii hangam tahu namaaf kafala?

Namootni tokko tokko lakkoofsi SUBSCRIBE fi LIKE baay’achuun maallaqa akka argamsiisutti fudhatu. Garuu kuni dogongoraa dha. Subscribe fi Like baay’achuun bakka maallaqni itti argamu si geessa malee kallattiin maallaqni isaan irraa argamu hin jiru. Dhaabbatni Youtube’s ofii isaatii maallaqa siif kafalu hin qabu.

Dhaabbatni Youtube namoota youtube irra hojjatan (creators) fi Abbootii qabeenyaa warra biznesaa jidduu taa’uun wal isin qunnamsiisa. kanaafuu; Maallaqni isin argattan kallattiin abbootii qabeenyaa meeshaalee isaanii (physical product fi digital product) beeksisan irraa dhufa. maallaqa ati hojjatte irraahis Youtube naannoo 45% fudhata. sihi immoo naannoo 55% si gaha. kana jechuun FKN, $1000 yoo hojjatte kan si gahu $550 taha. Kuni immoo waan haaraa miti. Kanneen youtube irra hojjatan walii galtee kana mallatteessuun beekanii itti seenu.

2. Galiin argamu akkamitti calculate godhama?

Akkaataan Qarshiin youtube itti herreegamu waan’ cost per mille’ (CPM) jedhamutu jira. CPM jechuun nama 1000 beeksisa vidiyoo kee irraa ilaalan jechuudha. CPM biyya hundatti garaa garaa dha. FKN, CPM Itoophiyaa $1 ykn $2 tahuu danda’a. kan Awuroppaafi Ameerikaa $5 fi isaa ol tahuu danda’a. Gabaabsudhaaf Namni 10,000 (kuma kudhan) vidiyoo kee yoo ilaalan kana keessaa namni 5000 beeksisa argan yoo jenne, Ati $5 hanga $15 jidduu argachuun ni mala. Asirratti CPM kee ol’aanaa akka tahu yoo barbaadde hordoftoota biyyoota gurguddatan keessa jiraatan horachuu si barbaachisa.

3. Sa’aatii 4000 fi Subscribe 1000

Youtube Namoota channel isaanii irraa galii argachuu barbaadaniif akka seera isaa guutan ni gaafata. seera inni gaafatu keessaa kan jalqabaa Waggaa tokko keessatti daaw’attoota sa’aatii 4000 fi Subscribe 1000 dha. kana jechuun Baatii 12 qofaa keessatti ulaagaa kana guutuun dirqama jechuudha. yoo baatiin 12 sirra darbe, kan duraa haqamaa haaraya siif galmaayaa adeema.

Namoonni youtube carraa waggaa 1 qofa nuuf laata jedhan kun hubannoo dogongoraati. channel kee waggaa hedduu turuus Ati waggaa 1 dabarsite qofa keessattiidha kan guutuu qabdu. ykn karaa biraatin baatii 12n dabarsite qofa keessatti jechuudha. FKN, channel kee umrii waggaa 5 yoo qabaate Ati baatii 12n dabarsite qofa ilaalta jechuudha. kan sana dura hojjataa turte ulaagaa barbaadamu keessa hin galu.

Egaa namoonni baay’een faayidaa dafanii argachuu waan barbaadaniif ulaagaa kana guutuun ni ulfaata jedhanii irraa baqatu. Garuu osoo waan gaarii fi hawwataa ta’e hojjannee viidiyoon keenya addunyaarra faca’uu (viral ta’uu) dhaan ji’oota muraasa keessatti ulaagaa kanneen guunnee fayyadamaa ta’uu ni dandeenya ta’a. Biyya keenya keessatti baay’inni nama youtube fayyadamanii baay’achaa deemullee, garuu namoonni milkaa’aa dhufan muraasa.

4. Google Adsense maali?

‘Google Adsense’ ykn gabaabinaan ‘AdSense’ jechuun beekama. kuni Googiliin hogganama. Dhaabbata Addunyaa irratti karaa beeksisa interniitaan Kafaltii taasisu keessaa adda dureedha. Youtube channel keenya irraa maallaqa argachuu yoo feene Dirqama Adsense irratti accountii banachuun Youtube channel keenyaan wal qabsiisuu qabna.

Google Adsense maal godha?

  • Vidiyoo keenya irratti kan beeksisa baasu isa.
  • Maallaqni Nuti argannu isa keessatti walitti qabama.
  • Maallaqa keenya kan kara Mana baankii nuuf ergu isa.

5. Copyright maali?

“Copyright” Mirga Abbummaa Ykn Mirga Maxxansaa kan nama biroo dhiibuu dhabuu dha. Yoo Mirga nama biroo kan dhiibnu taate Uggura gad aanaa irraa eegalee hanga uggura ol’aanaa nurra kaahamuu danda’a. dhumarratti channel keenyas cufsiisuu danda’a. Mirga namootaa dhiibuu jechuun FKN;

  • Yaada namoota birootifi Vidiyoo namoota biroo hatuu dhiisuu.
  • Vidiyoon nuti dhiheessinu hundi keenya tahuu ykn kan nuti itti carraaqne tahuu.
  • Sagalee/Muuziqaa bakka garaa garaatii guurree Vidiyoo keenya keessa galchuu dhiisuu. Yoo dandeenye jalqaba Sagaleen/Muuziqaan kun itti faayyadamamuuf Eeyyamamaadha? kan jedhu baruu qabna.

Kanaan ala Xawalwallee taanee Miidiyaalee hawaasa irra oliif gadi fiignee waan nama dhuunfaa fi dhaabbata garaa garaa kan guurru yoo taate fagoo deemuu hin dandeenyu.

6. Community guidelines maali?

“Community guidelines” Kuni ammoo dirqama Seera Youtube kaahe hordofuun akka vidiyoo hojjannu nu dirqamsiisa. Youtube Seera mataa isaa qaba. Namni Youtube irratti vidiyoo ol fe’uu fedhe Wantoota Youtube irratti fe’uun eeyyamamuufi dhorkamu adda baasee beekuu qaba. Yoo Seera Youtube cabsee argame uggura gad aanaa irraa eegalee hanga uggura channel barbadeessutti geessuu danda’a.

7. Pincode kan xalayaan namaaf ergamu maali?

“Pin Code” kuni ammoo AdSense keenya verify gochuuf kan nu gargaaru lakkoofsa iccitiidha. yoo Adsense keenya Verify hin godhin maallaqa hanga feene yoo keessaa qabaanne baasuu hin dandeenyu. Kanaafuu; Adsense keenya irratti wantoota sirriifi dhugaa ta’an itti guutuun dirqama. FKN; maqaa, lakkoofsa, postalcode, bakka jiraannu fi kkf…

Accountii Adsense irratti $10 yogguu geenye dhaabbanni Google kallattiin bakka nuti jirrutti Lakkoofsa iccitii (pincode) Xalayaadhaan nuuf erga. Pincode nuuf ergamu kanaan Adsense keenya verify gochuu dandeenya.

8. Yoo xalayaan Google irraa nu hin gahin maal gochuu qabna?

Adsense keenya verify gochuuf filannoo lammaffaa ni qabna. yoo ji’a 3-4 keessatti pincode’n nuuf hin ergamin ykn nuuf ergamee nu hin gahin akka nuti waraqaa eenyummaa ykn Paaspoortii keenya suuraa kaafnee erginuuf nu gaafatu. Nutiis ni erginaafi achi booda sa’aatii 24 hanga 48 hin caalle keessatti Adsense keenya verify nuuf godhama.

Achi booda $100 fi isaa ol yoo hojjanne gara Accountii mana baankii nuti filaannetti nuuf ergama. kan ergamu ji’a faranjootaa 21 hanga 26 jiddutti yommuu ta’u karaa Automatic taheen ergama. Nuhirraa kan eegamu:

  • Adsense keenya Verify gochuu.
  • Accountii baankii keenyaa itti guutuu.
  • Doolaara 100 (yuuroo 70) ol qabaachuu qofa.

9. Accountii Baankii (IBAN)

Qabxii 4ffaa irratti akkuma jenne maallaqa hojjanne mana baankitti kan nuuf ergu AdSense dha. AdSense immoo accountii baankii biyya keessaafi dhugaa ta’e qabaachuu sirraa barbada. kana jechuun Baankiileen dijitaalaa fi kan biyya biroo fudhatama hin qabu jechuudha.

Ati AdSense Itoophiyaa yoo qabaatte dirqama accountii baankii kan biyya Itoophiyaa qabaachuu si barbaachisa. Ati AdSense Sa’uudi Arabiyaa yoo qabaatte dirqama accountii baankii biyya Sa’uudii qabaachuu si barbaachisa. kan biyyooti biraatis akkasuma. Accountii baankii tajaajila idil-addunyaa laatan ‘International Bank Account Number’ (IBAN) qabu. IBAN lakkoofsa buukii kan biyya keessaa ta’eetuma garuu dabalata qaba. baay’inni isaa 24 dha. jalqabni isaa maqaa biyya sanaatin eegala. Fkn; kan Itoophiyaa ‘ET’ (ETxxxxx…) jechuun itti fufa.

10. Video Editing

“Video Edit” Vidiyoo kee tottolchitee youtube irratti yoo baafte namoonni si jaalatu, hordoftoota hedduus horachuu dandeessaa, Youtube illeen si jaalata. Vidiyoo Edit gochuuf Aappii/Software gosa hedduutu jira isin kan dandeettii irratti qabdaniin ykn kan isiniif laafuun dhimma itti bahuu dandeessu.

Fakkeenyaf; kompiitara irratti ‘Adobe premiere, Final Cut, Sony Vegas, Filmora‘ fi kkf.. Bilbila harkaa irratti ‘KineMaster, Movavi, ActionDirector, InShot‘ fi kkf.. gargaaramuun ni danda’ama.

11. Thumbnail photo

“Thumbnail” kuni Suuraa vidiyoo gubbatti mul’atuudha. Hedduun namootaa Suuraa ajaa’ibsiisaa faayyadamuun hordoftoota gara ofiitti butatu. Suuraa dhugaa vidiyoo sanaan wal fakkaatu kan faayyadaman ni jiru. faallaa kanaatin Suuraa Sobaa kan faayyadamaniis ni jiru.

Nuti kan isin gorsinu Suuraa vidiyoo keessaniin wal fakkaatu ykn waliin deemu filadhaa, Suuraa bareedaa qulqullina qabu tolfadhaa (Edit) godhadhaa, jechoota qulfii ta’an irratti barreessaa. yoo ammoo daangaa ceenee hordoftoota barbaachaf jecha suuraafi vidiyoon kan wal dhabu taate guyyaa YouTube nu irratti beeke cahnnel keenya irra rakkoo geessisuu danda’a.

Suuraa Thumbnail hojjachuuf Aappii/Software gosa hedduutu jira. kompiitara irratti ‘Photoshop’ filatamaadha. Yuutiyubaronni hedduunis Photoshop faayyadamu. Bilbila irratti ‘Canva, Adobe Spark, Thumbnail Maker & Channel Art Maker’ gargaaramuun ni danda’ama.

12. Creator Studio

“Creator Studio” kuni immoo Youtube channel keenyan wal qabatee kuusaan garaa garaa kan keessatti argamuudha. Fakkeenyaf;

• Video manager – Vidiyoo keenya mara argachuuf yoo feene, balleessuu yoo feene, barruu vidiyoo jalaa (Title) jijjiiruuf yoo feene, dhoksuu (private) gochuus yoo feene isa keessatti argama.

• Analytics – Vidiyoo keenya nama meeqatu laale? Biyya kamtu baay’inaan na hordofa? Galii meeqan argachaa jira? Vidiyoo kamtu galii guddaa naaf galchaa jiraa fi kkf hedduu Analytics keessatti argama. Akkasuma uggura addaa addaa nuhirra kaahamu baruufis karuma ‘Creator Studio’ kanaatini. Kanneen birootis hedduutu jira walumaa galatti Creator Studio’n Seetingii guddicha kan dhimma channel keenyan wal qabatu keessatti argannuudha.

13, Youtube irraa galii argachuu barbaanna, Eessarra eegalla?

Ati youtube irra hojjachuu yoo barbaadde booddeedhaf yaadda’uu hin qabdu. jalqaba channel kee erga tartiiba ijoo ta’an itti gootee booda vidiyoo ol fe’uun hordoftoota horachuu qofa irratti xiyyeeffachuu qabda.

Dhimma maallaqaa sammuu keessaa of haqi, waan gaarii hordoftoota naaf argamsiisa jettu irratti hojjadhu, Hojii hojjattu irrattiis sirnaan xiyyeeffadhu, xawalwallee hin ta’in, karaa jalqaba filatte sana qabadhuu deemi. yeroo sana hojii keetin ni beekamtaa, jaalattoota hedduus ni horatta. Ati dhugaan hawaasa kee tajaajillaan maallaqni ofiifuu dhufuun waan hin oolle.

Guyyaa hojii keetiin beekamtii argattee, jaalatamtee subscribe fi view’n kee dabalaa dhufe gulantaan itti aanu maali? kan jedhu irratti search gootee baruu dandeessa.

14. Youtube irra hojii akkam akkamiitu jira?

Hojiin youtube irratti dhiheeffamu hedduudha. Murteessaan ammoo dandeettii ati qabduudha. namuu waan danda’u irratti hojjata waan taheef. Fakkeenyaf;

  • Barnoota waa’ee tech ykn waa’ee fayyaa.
  • Daawwachiisuu (Vlog) Naaannoo keetis tahee bakkoota biraa vidiyoon waraabdee hordoftoota kee daawwachiisuu.
  • Drama, viner fi walaloo adda addaa dhiheessuu.
  • Gabaasaa odeeffannoo tahuu.
  • Nyaata hojjachuu agarsiisuu.
  • Ogummaa harkaatis yoo qabaatte dhiheessuu.
  • Barnoota Amantii fi kkf…

Walumaa galatti wanti Ati dhiheessitu hundi gaarii taanan fudhatama qaba, seera youtube hin cabsuu hordoftoota keetis hin mufachiisu, garuu maallaqaaf jecha waan fudhatama hin qabne dhiheessita taanan Youtube fi hordoftoonni kee sitti mufachuu hin oolan. kana jechuun bilaashatti carraaqxa jechuudha.

15. SUB for SUB (karaa dogongoraa)

Wanta bu’aa hin qabne irratti yeroo kee hin gubin Fkn, application fi website adda addaa SUB for SUB jechuun subscribe fi view kee siif daballa jechuun waamicha siif dhiyeessu. Garuu kuni totally seera youtube’n wal faallessa.

Youtube karaa seeraan alaan hordoftoota fiduu kee yoo beeke sirraa hir’isaa adeema. Ati nama ganaa Monetize godhachuuf deemu yoo taate sababa kanaaf si fudhachuu dhiisuu danda’u. akkasuma channel kee Monetize yoo ta’ee jiraate si jalaa dhaabuu (Disable) gochuus ni danda’u.

16 Comments
  1. Awel Mohammed says

    Masha Allah GALATOMMA jabadha itti fufu

    1. abdulwasi says

      Tole, Galatoomaa

  2. Tokumma says

    Baayyee sii galateeffadha. Barnoota hedduu irraa argadhee jira. Faayyaa fi beekumsi siif haa baayyatu. Jiradhu sanyiiko!

    1. abdulwasi says

      Tole, Isiniis Galatoomaa

  3. wordi says

    Galatoomaa itti fufaa

    1. abdulwasi says

      Tole, Isiniis Galatamaa.

  4. Tuji Husein says

    Waan gaarii nu barsiistan jabaadha

    1. abdulwasi says

      Tole, Galatoomaa

  5. Gelana Dereje says

    Aboo hedduu galata argadhu.

    1. abdulwasi says

      Tole, Galatoomaa

  6. Abshir hassan says

    Akam naguma dalagaa dansa irra jirta akkanuman itti fufi jecha gaafin kiyyin Postal code waan akkami?

    1. abdulwasi says

      Postal Code jechuun lakkoofsa saanduqa poostaa kan xalayaan ittiin siif ergamuudha. yoo lakkoofsa saanduqaa hin qabaanne kan mana poostaa naannoo kee jiruu itti guuti. Garuu yogguu isaan gahe akka si quunnamaniif AdSense keessatti lakkoofsa bilbilaa keetis bira kaayuu barbaachisa.

  7. waafoabdalla51@gmail.com says

    Galatoomi lammii koo

    1. abdulwasi says

      Isiniis Galatoomaa!

  8. Kite says

    Good

    1. abdulwasi says

      Thanks

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time