Technology Addunyaa sodaa keessa galche ‘Deepfake’

Technology’n Deepfake bu’aalee AI (artificial intelligence) keessaa isa tokkoodha. Technology’n kun yaadni isaa turaa ta’uus dhiheenyaa kana qabatamaan hojii eegaluun isaa addunyaa sodaa keessa galchee jira.

Deepfake waggoota muraasaa as suuraa/vidiyoo nama tokkoo kan nama biraatin bakka buusuu danda’ee jira. kana jechuun bakka Ati itti hin argaminitti si argamsiisuu danda’a, bakka Ati hin dhaabbatin si dhaabuus danda’a.

Garuu dhiheenya kana addunyaa sodaa guddaa keessa kan galche Sagalee (qooqa) nama fedhee qabachuun akka waan inni dubbatetti kan dubbatuudha. Fkn; waan Ati hin dubbatin 100% fakkeessee sagalee keetiin dubbachuu danda’a.

Softweeriwwan fi Marsaariitiiwwan sagalee sobaa uuman yeroo ammaa online irratti gurguramaa jiru. Akkaataan hojii isaanii; Jalqaba softweera gocha kana raawwachuuf qophaa’e keessa sagalee kankee kan duraan haasofte galchu. sagalee kana interview kee irraa fudhachuu danda’u, kan bilbilaa/record irraas fudhachuu danda’u.

Softweeriin gocha kanaaf qophaa’e kun sagalee kee irratti shaakallii gahaa gochuun.. dhuma irratti qooqa kee qabata. achi booda barreeffama akka qooqa keetin dubbifamu ol fe’aniif. Dubbisee bifa Audio’tin dhiheessa.

Ati yoo dhaggeeffattu sagaleen keetuma, Namootni sagalee kee beekan hundi shakkii malee kuni sihi jechuun sitti murteessuus danda’u. Sagalee sobaa (fake) ta’ee kana vidiyoo kee kan sobaa (fake) ta’een walitti yoo hidhamu kuni waan addaa sammuun ilma namaa amanuu hin dandeenyedha. Sagalee sobaa uumuun kun yeroo ammaa Afaanota Darzana 2 oliin hojirra jira. Gara fuul-duraa akkaatuma Technology’n babal’atuun inniis ni babal’ata jedhamee yaadama.

Softweeriiwwan ykn Marsaariitiiwwan sagalee sobaa “Deepfake Voice” uumuuf gargaaran keessaa 5 kan asii gadiiti.

  1. Resemble
  2. Descript
  3. CereVoice
  4. Respeecher
  5. RealTime Voice Cloning

Gatiin isaanii: ‘Resemble’ daqiiqaa lama kan yaalii free kenna, achi booda baatii baatiin $30 kafaluu gaafata. kan baatiin $12 gaafatuus ni jiru. akkasuma yeroo tokko qofa (lifetime) $685 kan gaafatan ni jiru. ta’uus akkaatuma gatiin wal dhabuun qulqullinni isaanitiis wal dhaba. Sagalee 100% adda baasuun hin danda’amnee fi shakkuun hin danda’amne uumuuf kan filataminitti gargaaramuu barbaachisa.

‘Deepfake Voice’ namoonni akka baditti ilaalan jiraataniis kanneen akka gaaritti fudhatan ni jiru. Fkn; Ati sagalee keetiin dubbisuu yoo hin barbaanne ykn yeroo mara dubbisa irratti rakkoo kan qabdu yoo tahe, Sagalema kee kan sobaatin bakka buusuudha. kana gochuuf immoo akkaatuma olitti jenneen wantoota akka sagalee keetiin dubbifamu barbaaddu dursa bifa barreeffamaan qopheessuudha. itti aansun gara softweerichaa ol feetaf, inniis dubbisee siif deebisa.

Faallaa kanaatiin nama hin jaalanne tokko miidhuuf sagalee (fake) ta’e uumuun kan itti gargaaramnu yoo tahe Deepfake miidhaa Technology’n fide keessaa isa guddaa ta’a.

Gara fuul-duraa “akkana jette” jechuun sagalee ragaa godhatanii mana murtii wal dhaabutu hafa moo Addunyaatu technology kana irratti duula? Tarii furmaata argata laataa?!

2 Comments
  1. Abebe Asfaw says

    Gudda Galatooma BaayyeEe ISinirraa Barachaa Jirra

  2. AHMED says

    Bayii galatomii jajabadhu

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time