Lakkoofsi IMEI maali? Bilbila bade argachuuf nu gargaaraa?

Lakkoofsi IMEI (International Mobile Equipment Identity) jedhamu lakkoofsa addaa bilbila hundaan wal qabateedha. Lakkoosfi kun baay’inni isaa dijitii 15 yoo ta’u, yeroo ariifachiisaa keessatti baay’ee barbaachisaadha.

Lakkoofsi IMEI lakkoofsa MEID jedhamuunis ni beekama. Lakkoofsi IMEI ykn MEID wal fakkaataan hin jiru. kuni immoo bilbila badu/hatamu irra gahuuf mala dhumaa ta’ee jira.

Lakkoofsi addaa kun bilbila haaraa hundaaf muudameera. akkasumas SIM card waliin wal qabatee jira. Kanaafuu, yoo bilbila dual-SIM (kan siimii lama fudhatu) faayyadamta ta’e, bilbilli kee lakkoofsa IMEI lama qaba jechuudha.

Bilbilli kee yoo bade/hatame karaalee adda addaa gargaaramuun carraan bilbila sana argachuu ni jiraata. Fkn; kaampaanii bilbila kee oomishe yoo quunnamte si gargaaruu danda’u. akkasuma, poolisoota naannoo keetii yoo quunnamte si gargaaruu danda’u. kan si gargaaran immoo yoo ati lakkoofsa IMEI qabaattedha. Biyyoota gurguddatan tokko tokko keessatti website lakkoofsa IMEI report irratti godhamu ni jira.

Lakkoofsa IMEI qofaan bilbila na jalaa bade irra gahuun danda’aa?

Ati lakkkoofsa IMEI qofa beektef bilbila tokko irra gahuu hin dandeessu. Qaamota olitti jenne gargaarsa gaafachuu si barbaachisa. qaamonni kun si gargaaruf haal-duree adda addaa si gaafachuu danda’u. Fkn; Abbummaa bilbila sanaa nuuf mirkaneessi jechuu, akkasuma; maalif bilbila sana argachuu akka barbaaddes si gaafachuu danda’u. Sababni; dogoggora ati dalagdeef bilbilli kee si jalaa bade/hatame waan ta’eef yeroo siif kennuu hin barbaadan.

Garuu; poolisoonni yakki hamaan bilbila keetin wal qabatu yoo raawwatame bilbilaaf jecha osoo hin taane namicha yakka raawwate adamsuuf mala kana gargaaramuu danda’u. isaanis kana gochuuf lakkoofsa IMEI sihirraa fedhu.

Amma barbaachisummaa lakkoofsa IMEI hubanne fakkaata. sababa kanaafis ta’ee kan birootif yeroon itti si barbaachisu dhufuu danda’a. kanaafuu; har’uma beekii ol kaayadhuu siif dhaamna.

Qabxiilee sadi lakkoofsa addaa kana argachuuf nu gargaaran haa ilaalluu.

1. Lakkoofsa IMEI argachuuf koodii USSD fayyadamuu:

Karaan kun lakkoofsa IMEI argachuuf baay’ee salphaadha. Dursa gara *#06# bilbilta, lakkoofsi IMEI iskiriina irratti siif mul’ata. Bilbila tokko tokko irratti Lakkoofsi IMEI bakka Batter’n taa’u jalatti maxxanfamee argamuu danda’a. Garuu bilbiloonni ammaa baay’een duubaan banamuu waan hin dandeenyef karaan *#06# filatamaadha.

2. Lakkoofsa IMEI argachuuf ‘Setting’ keessa ilaaluu:

Kan bilbila Android argachuuf gara Settings > About Phone > Status > IMEI information. seenaa.
Fayyadamtootni IOS immoo gara Settings > Jeneral > About > IMEI. seenaa.

3. Yoo bilbilli bade akkamitti lakkoofsa IMEI argachuun danda’ama?

Lakkoofsi IMEI lakkoofsa serial wajjin saanduqa (kaartoonii) bilbilaa irratti maxxanfamee jira. bilbilli yoo bade/hatame, yeroo hunda saanduqa irraa argachuun ni danda’ama. Garuu; saanduqa ykn biilii goonkumaa argachuu yoo hin dandeenye furmaata dhumaa asii gadii gargaaramuudha.

Jalqaba Google Account (https://myaccount.google.com) seenta. Email fi password kan bilbila Android isa badeen tokko ta’e itti galchita. > security > Your Devices jalatti bilbila android kee ni argatta. Find a lost device tuqxa. Amma qubee ‘i’ yoo tuqxe maalummaa bilbila keetii IMEI waliin siif mul’isa.

Hubachiisa: karaa ‘Google Account’ kanaan bilbila dagatte tokko irra gahuu dandeessa ta’a. kuni immoo yoo bilbilli sun banaa ta’ee fi qunnamtii interniitaa qabaatedha. Garuu bilbila si jalaa hatame karaa kanaan irra gahuun waan laafaa miti. sababni; namni sun bilbilaa cufuu jira, GBS location cufuu jira, qunnamtii interniitaan adda kutuu jira. kanarra darbee Format gochuunis ni jira. bilbila gochi kun irratti raawwatame karaa kanaan bira gahuun ni ulfaata.

Garuu mala IMEI dhan ulfaataa miti. Ta’uus akkuma jalqabarratti jenne namni tokko IMEI qabaatef bilbilicha bira gayuu hin danda’u. Dirqama qaamota ol’aanoon hordofamuu barbaachisa. Dubbisuuf Galatoomaa.

2 Comments
  1. Getahun Fikadu says

    Galatoomi! Mee akkaataa itti bilbila jaalallee ofii hordofuun danda’amu irratti odeeffannoo nuun gahi!

  2. awel says

    galatomma!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time