YouTube irra hojii eegaluuf bakka eegalumsaa sirrii

Youtube irraa galii argachuu barbaannaa, Eessarra eegalla?
Maxxansa kana keessatti namoota YouTube irra hojii eegaluu barbaaddan hundaaf bakka eegalumsaa sirrii isiniif himna. dhimma kana irratti Muuxannoo waggaa jahaa qabna waan taheef dhugaadha.

1, Ati youtube irra hojii eegaluu yoo barbaadde booddeedhaf yaadda’uu hin qabdu. jalqaba chaanaala kee eegaa tartiiba itti gootee booda vidiyoo ol fe’uun hordoftoota horachuu qofa irratti xiyyeeffachuu qabda.

2, Namoonni ‘Youtube channel akkamitti bananna’ jettanii nu gaafattan Chaanaalin youtube Email mobaayila kee irra jiruun hojjata, kanaaf dursa email kee sirreeffachuu qabda. Ati yoo email hin qabaanne Email haaraya maqaa keetin passwordi ati filatteen ijaarratuu qabda. dhimma kana irratti barnoota kana dura barsiifne jiraa vidiyoo asii gadii daawwachuu qabdu.

3, Dhimma maallaqaa sammuu keessaa of haqi, waan gaarii hordoftoota naaf argamsiisa jettu irratti hojjadhu, Hojii hojjattu irrattiis xiyyeeffadhu, xawalwallee hin ta’in, karaa jalqaba filatte sana qabadhuu deemi. yeroo sana hojii keetin ni beekamtaa, jaalattoota hedduus ni horatta. Ati dhugaan hawaasa kee tajaajillaan maallaqni ofiifuu dhufuun waan hin oolle.

4, Hanga subscribe 1000 fi view 50,000 geessutti akkamittiin maallaqa argadha kan jedhu hin yaadin, callisii hojii keetitti cimi… guyyaa beekamtii argattee, jaalatamtee subscribe fi viewn kee dabalaa dhufe gulantaan itti aanu maali? kan jedhu irratti search gootee baruu dandeessa. Qabxii kana ilaalchisee dhuma barruu kanaa irratti Oduu Gammachiisaa isiniif qabna.

Youtube irra hojii akkam akkamii hojjachuu qabna?
Hojiin youtube irratti dhiheeffamu hedduudha. Murteessaan ammoo dandeettii ati qabduudha. namuu waan danda’u irratti hojjata. FKN

  • Barnoota waa’ee techno ykn waa’ee fayyaa
  • Daawwachiisuu (Vlog) Naaannoo keetis tahee bakkoota biraa vidiyoon waraabdee hordoftoota kee daawwachiisuu
  • Drama, viner fi walaloo adda addaa dhiheessuu
  • Nama odeeffannoo gabaasu tahuu
  • Nyaata hojjachuu agarsiisuu
  • Ogummaa harkaatis yoo qabaatte dhiheessuu
  • Barnoota Amantii…

Walumaa galatti wanti Ati dhiheessitu hundi gaarii taanan fudhatama qaba, seera youtube hin cabsuu hordoftoota keetis hin mufachiisu, garuu maallaqaaf jecha waan fudhatama hin qabne dhiheessita taanan Youtube fi hordoftoonni kee si hin jaalatan. kana jechuun bilaashatti carraaqxa jechuudha.

Oduu Gammachiisaa: Nuti maamiloota keenya gara hojii kanatti dhufan hundaaf deeggarsa Teknikaa ni taasifna, hanga har’aatti chaanaala namoota hedduu gulaallee jirraa ammaas gulaalaa jirra. isiniifis ni gulaalla. Vidiyoon dhiheessaa jirtan seera Youtube-n wal faallessa moo sirrii jira kan jedhu adda isiniif baafna. yeroo yerootti chaanaala keessan ilaalun gulantaan itti aanu maal akka tahe isin beeksifna. yoo nuti kana isin dandeenye ba’aan karaa Teknikaan jiru guutuun isinirraa bu’ee jiraa jechuudha. isinirraa kan eegamu Hojii keessan irratti xiyyeeffattanii vidiyoo keessan upload gochuu qofa taha.

Nuti Deeggarsa kana kan taasifnu 100% Bilisaan yommuu ta’u, Maamiloota keenya kan oromosamsung qofaaf taasifna..!!

Dhuma irratti maxxansa keenya kana dura dhiheessine ‘Youtube irraa maallaqa argachuuf waan 10 beekun dirqama taha‘ jedhu yoo dubbiftan hubannoo bal’aa irraa ni argattu. Galatoomaa!

2 Comments
  1. Abu Khalid says

    Ana Samonaa kana YouTube kiyyaa Maqaafi Wantoota Adda Addaa Naa Gaafataa Malifi Akka Tahee Naf hin Galee Dhifama Nati himu dandeeta ?

    1. izeddin says

      Thanks

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time