Beeksisa nu jeequf furmaata waaraa – ምርጥ የማስታወቂያ መከላከያ App

  • Beeksisni maalif nu jeeqa?
  • iccitiin beeksisa as nutti yaafamu duuba jiru maali?
  • beeksisa kana akkamitti ofirraa ittisna?

Akkuma beekamu yeroo ammaa kana beeksisni interniita irratti hedduu baay’ata, sababa kanaaf yeroo tokko tokko mobaayilaa fi kompiitara keenya faayyadamullee nu jibbisiisa. beeksisni gaarifi badaan namoota gaarifi badaa jedhanii hin filatan, biyya Naannoo fi magaalaa nuti keessa jiraannu irratti Target waan godhamuuf dirqama ni agarra taha.

Beeksisa faana keenya dhahuufi Beeksisa Dirqamaan as nutti yaafamu adda haa baafannu.

Beeksisa faana keenya dhahu: FKN Nuti har’a sa’aatii bituu yoo barbaanne Google irra seennee maqaa sa’aatii sanaa search ni goona, fkn Apple wath ykn samsung wath jennee search goona taha. yogguu nuti google irraa baane Facebook irra dhufnu beeksisa sa’aatii kanatu as nutti yaafama. gabaabumatti kuni siistemni mobaayila keenya maal akka nuti barbaannu hubatee jira jechuudha. meeshaa ykn tajaajila garaa garaa adaduma nuti search goonee barbaannun beeksisini dhimma sanaan wal qabatuus nu barbaada. beeksisni faana keenya dhahu kun hangas mara badaa miti nuti waan bituuf deemnu irratti filannoo akka qabaannuf nu gargaara. beeksisni faana keenya dhahu kun yoo nuti search godhuu dhaabne adaduma guyyaan fuul-duratti siquun inniis nu dagataa deema.

Beeksisa Dirqamaan as nutti yaafamu: FKN waan nuti goonkumaa quba hin qabne ykn guyyaa tokkollee search hin godhin akka nuti agarru taasisu, yeroo tokko tokko waan ijaan ilaaalun nutti ulfaatus as nutti baasu, beeksisni kun beeksisa biyya ykn magaalaa nuti keessa jiraannutti facaafame jechuun ni danda’ama. kanaaf beeksisni gaaris ta’ee badaas ta’ee jiraatan naannoo sanaa hundi ni arga jechuudha.

iccitiin beeksisa interniita irraa duuba jiru business (daldala) dha. meeshaa ykn taajajila isaanii nama miliyoonotaan lakkaayamutti dhaadhessuu isaan ammoo irraa faayyadamoo ta’u. dhaabbileen social media irraatis warra isaan biratti beeksisu irraa qarshii baay’ina namootaa irratti hundaa’un irraa kafalatu. Warri meeshaafi tajaajila isaanii beeksisu kun qarshii kafalan caalaa dachaa dachaa godhanii irraa argatu. sababa kanaaf dhaabbata TV, Radio ykn Gaazexaa bira deemanii beeksisuu irra interniita irratti beeksisuun filatamaa dhufee jira.

Beeksisa ofirraa ittisuun akkamitti?

Akkuma olitti jenne beeksisni faana keenya dhahu hangas mara badaa miti, filannoo akka qabaannuf nu gargaara. Garuu beeksisa dirqamaan as nutti yaafamu hunda ta’uu baatus beeksisa lakkoofsan ol’aanaa tahe ofirraa ugguruun ni danda’ama. kanaafis yeroo adda addaatti Aappiwwan garaa garaa ni tolfamu. Nuti har’a Aappii beeksisa isinirraa ugguruu irratti baay’ee filatamaa fi jaalatamaa tahe isiniif qabannee jirra. Maqaan Aappii kanaa ADGUARD jedhama. Aappii seera qabeessadha playstore keessatti argama.
ADGUARD download gochuuf https://play.google.com/store/apps/details?id=com.adguard.android.contentblocker&hl=en

Itti faayyadmni isaa salphaadha. jalqaba download gootu, yogguu keessa seentan fuula jalqabaa irratti mallattoo cufaa jiru isiniif baasaa, banuu qofatu isinirraa eegama. banamuu isaa mobaayila keessan irratti mallattoo qulfii isiniif baasa. Dabalata suuraa gadii irraa hubadhaa.

Aappin kun beeksisa IMO irratti dhufu 100% isinirraa uggura. kana booda imo beeksisa ofirraa hin qabne barbaadun isnirra hin jiraatu, imo sirrii tahe kan playstore keessa jiru faayyadamuu qabdu. beeksisa baqachuuf jecha Aappii bakka maalummaan isaa hin beekamnee kan buufnu yoo tahe mobaayila keenyarra miidhaa geessisu mala waan taheef of eeggannoo gochuun barbaachisaadha.

Dubbisuu keessaniif Galatoomaa!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time