Hordofamaa yoo jiraatte qulqulleeffachuuf karaa 3

Akkuma beekamu yeroo ammaa Application badii hedduutu jira. Namoonni badii tokko tokko Aappiwaan badii kana faayyadamuun nu hordofuus ni danda’u. keessaafuu namni waliin jiraannu yoo tasa walitti mufanne karaa kanaan iccitii keenya butuu ni danda’a. hanga har’aatti namoonni balaa kanaaf saaxilamaniis ni jiru.

Aappiwwan badii yeroo ammaa jiran dandeettin isaanii baay’ee fagaatanii jiru, yoo dhoksaan mobaayila keenya irratti fe’aman salphatti beekun rakkisaadha, dirqama karaalee Aappiwwan badii kana itti too’annu hunda baruu qabna.Kanaafuu har’a namni na hordofaa jira jettanii kan shakkitan yoo tahe akkamitti qulqulleeffachuu akka dandeessan isiniif himna. karaan har’a isiniif himnu Sadi yommuu ta’u, yoo shakkii jabaa qabaattan hanga format gochuutti isin geessaa obsaan dubbisaa irraa hubadhaa.

Karaa 1ffaa, Device Administration kuni mobaayila keenya irratti kan waan guddaa hojjatu yommuu ta’u garuu hedduun namootaa hin beekan. Device Admin hojiin isaa Aappii hojii gurguddaa hojjatan of keessatti hammata.
FKN Mobaayila keenya fageenya irraa too’achuu yoo barbaanne Device Admin waliin walitti hidhata qaba. Aappiin nuti hojii kanaaf itti gargaaramnu dhufee Device Admin keessa taa’a.
Aappiin tokko tokko eega yeroo tokko download goonee booda hanga device admin keessaa raayitii fuul-dura jirtu irraa hin balleessinitti Aappicha balleessun hin danda’amu
Aappiwwan badii yoo dhoksaan mobaayila keenya irratti download godhaman akka nuti hin agarreef fuula mobaayilaa irraa ni dhoksu, Nuti yeroo sana device admin keessa yoo seenne Aappicha ni arganna. battalumatti raayitii fuul-dura jirtu irraa balleessinee hojii isaa dhaabuu ni dandeenya, dabalata maqaa aappichaa qabannee ‘Application manager’ keessa seennee uninstall gochuu ni dandeenya.

kan isin beekuu qabdan Device Admin kan of keessatti qabatu Aappii badii qofaa miti. Aappii security ykn nageenya mobaayila keenya tiksaniis of keessatti ni qabata. kanaafuu isin waan Device Admin keessatti agartan ija shakkiin ilaaluu qabdu malee Aappii badiiti jettanii fudhachuu hin qabdan, yoo waan haaraya agartan search gochuun maalummaa isaa baruu ni dandeessu. ykn akkuma olitti jenne raayitii irraa balleessuun hojii isaa dhaabuu ni dandeessu. Akkamitti ‘Device Administration’ bira dhaquu akka dandeessan tartiiba fi suuraa asii gadii irraa hubadhaa,
Setting
Biometrics and security
Other security settings
Device admin apps

Karaa 2ffaa Mobaayila keessan Update gochuu, karaan inni kun yeroo kamuu waan godhamuu qabuudha. Namni akka isin hordofaa jiru shakkii qabaattanii qabaatuu baattaniis hojirra oolchun dirqama taha. Mobaayilli keenya yeroo yeroon akka ‘software update’ goonu ni barbaada, yogguu nuti update goonu sanatti yeroo waliin akka tarkaanfatu ni taasisa, qaawwa adda addaa uumaman cufuu irratti shoora ol’aanaa taphata, Application badii hojirra jiran dhaabus ni danda’a. kanaafuu yeroo mobaayilli keenya software update gochuu barbaade sana battalumatti update gochuun nuhirra jiraata.

Yeroon mobaayilli keenya update itti godhamu yoo gahe bifa notification dhan gubbaa mobaayila keenyaa irratti nu beeksifama, Nuti yeroo sanatti update gochuuf qophii yoo taane irratti tuquun faana bu’uutu nuhirra jira.
Ykn yeroo nutti toletti Settingii mobaayila keenya keessa seenun Software Update check gochuu qabna. Tartiiba asii gadii hordofaa.
Settingii keessa seentu
Software Update kan jedhu irratti tuqxu
Download and install kan jedhu tuqxu, achi booda mobaayilli keessan yeroon update itti godhamu yoo gahe ofuma isaatif hojii eegalaa isinirraa kan eegamu hanga xumuru obsaan eeggachuu qofa taha. Dabalata akkaataa software update itti godhamu suuraa asii gadii irraa hubadhaa.

Karaa 3ffaa, Mobaayila keessan format gochuu. karaan kun mobaayila keessan guutumaa guututti akka guyyaa bitame sanatti deebisa, faayiloota fi Aappii download gootan hunda isin jalaa xaraga, Aappii badii dhoksan fe’amees carraa kanatti faayyadamuun yeroo dhumaatif ni balleessa. Faayiloota adda addaa isin yaachisu yoo qabaattan karaa kana kan faayyadamtan yoo shakkii jabaa qabaattan qofa tahuu qaba. Ykn immoo faayila keessan backup godhachuu ni dandeessu, memory, flash drive fi Laptopi keessan irrattiis dabarfachuu ni dandeessu.

Mobaayila format gochuuf tartiiba asii gadii hordofaa
Settingii keessa seentu
General management kan jedhu irratti tuqxu
Reset kan jedhu tuqxu
Factory data reset tuquun faana buutu, achi booda mobaayilli keessan ofuma isaatif qulqullaahaa akka guyyaa jalaqaba bitattan sanatti deebiha. dhuma irratti waan isin gaafatu itti guutun ni sirreeffattu.

Hubachiisa: Format gochuun dura Email mobaayila keessan irra jiru ilaalladhaa sirritti hubadhaa, email sana passwordii isaa beekun dirqma. yogguu format gootan deebistanii banuuf email duraanii isin gaafatuu danda’a. Format gochuun dura email mobaayila keessan irra jiru dursitanii irraa balleessuu ni dandeessu, achi booda yogguu format gootanii xumurtan email haaraya akka ijaartan isin gaafata.

Dhuma irratti kan isin gorsinu Anti virus akka faayyadamtan isin gorsina, yeroo ammaa Anti virus baay’etu jira. Garuu kan nama miliyoona dhibba shan caalaa biratti fudhatama aragateefi hedduu jaalatamaa ta’e cm security kan jedhamuudha. cm security-n Aappiwwan badii mobaayila keenya keessa jiran qulqulleessuf hedduu nu faayyada. balfa adda addaa mobaayila keenya dhiphisaniis ni qulqulleessa. wanta hin barbaachifne yoo arge nutti baasee akka balleessinu nu gaafata. Nuti yeroo yeroon Aappii cm security kana keessa seennee scan gochuu qofatu nurraa eegama. cm security-n mobaayila qulqulleessuu biratti lock App ni qaba Aappii barbaaddan qulfii itti gochuunii ni dandeessu, kana malees faayidaa biroo ni qaba. sababni guddaan Aappin kun jaalatameef tokko tajaajila hedduu ofirraa qabaachuu isaatini.
Cm Security download gochuuf https://play.google.com/store/apps/details?id=com.cleanmaster.security&hl=en

Dubbisuu Keessaniif Galatoomaa!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time