Godaansa gara Ameerikaa DV 2022 guutun eegalame

  • DV’n maali?
  • Guutuuf ulaagaalee akkamii gaafata?
  • Akkamittis guutuu dandeenya?

DV (Diversity Visa)’n carraa lootarii gara biyya Ameerikaatti nu galchu yoo ta’u ‘Green Card Lottery’ jedhamuunis ni waamama. Addunyaa kanarraa biyyi wanta kana raawwattu ykn carraadhaan garasheetti nama fudhattu Ameerikaa qofaadha. Kana jechuun, carraa DV guutuun gara biyya Ameerikaa qofa nama geessa jechuudha.

Ameerikaan carraa kanaan waggaa tokko keessatti namoota 55,000 ta’an gara biyya isheetti fudhatti. yogguu biyyoota addunyaa kanarra jiran keessaa filattus, biyyoota waggaa shanan darban keessatti namoonni isaanii hedduun gara Ameerikaatti hin galle irraa namoota heddumminaan fudhatti. DV kanarratti biyyootni addunyaa kanarra jiran hundumti hirmaatoo miti. Fknf: namoonni Kaanaadaa, Biraazil, Ingiliz, Chaayinaa fi kkf hedduun carraa kana guutuun hin eeyyamamuuf.

Bara 2019’tti namoota Miiliyoona 12 ol ta’antu carraa kana guute. Kan argate garuu namoota 55,000 qofaadha. Nama amma kana keessaa siif baanaan kun dhuguma carraadha. Akkuma arginetti guunnee arganna jechuun hin danda’amu. Seeraan guutamuu qaba. Biyya keessatti manneen Intarneetii hedduun seeraan guutu, kaan immoo seeraan hin guutan ta’a. yoo carraan si gahe DV’n kee seeraan hin guutamne taanaan maqaan kee carraawwan dhumaa ykn carraa warra sirriitti guutamanii keessa galuu dhiisuu danda’a.

DV Guutuuf wantoota barbaachisan:

Namni guutu sun biyya akka guutaniif eeyyamame keessa jiraachuu qaba. Yokaan immoo biyya haati manaa isaa itti dhalatte fayyadamuu danda’a; kana jechuun, yoo haati manaa isaa biyya eeyyamamaa ta’e keessatti dhalatte ta’e kan ishee fayyadamee guutuu danda’a jechuudha. Ammas, akka tasaa maatiin isaa biyya biraatti dhalatan yoo ta’e, biyyi isaan itti dhalatan ammo eeyyamamaadha yoo ta’e, kan isaanii faayyadamee guutuu danda’a. Kan kanaan alaa bifa kamiinuu taanaan guutuu hin danda’u! Lammummaan ykn biyyi nama guutuu sun Lootaricharratti iddoo guddaa qaba.

Akka carraa ta’ee yoo filatame, Viisaa godaansaa argachuuf, namni carraa argate sun yoo xiqqaate barnoota sadarkaa lammaffaa xumuruu qaba ykn immoo barumsa ogummaadhaan (BLTO isa jennu) yoo xiqqaate muuxannoo hojii waggaa lamaa qabaachuu qaba. Yeroo baay’ee nama fayyaa guutuu qabuu fi nama yakka kamirraayyuu bilisa ta’etu filatama.

Waa’ee Lootarii kanarratti waggaa waggaadhaan seeronni haaraan ba’uu ni malu. Mee seerotaa fi wantoota DV Lootarii bara kanaa guutuuf nu gargaaran waliin haa ilaallu:

DV’n bara 2022 kun October. 07/2020 ganama keessaa sa’a 12:00 irraa jalqabee guutamuu eegalameera. Dhumni isaa immoo November 10/2020 dha. Carraan namoota gara jalqabaa guutanii fi gara guyyaa dhumaa guutan tokko akka hin taane Dippaartimantiin Isteetii (Department Of State) kitaaba elektiroonawaa isaa kan ‘ulaagaalee guutamuu qaban’ jedhu irratti barreesseera. inni biraan, namni tokko si’a tokko qofa guutuu qaba malee irra deebiidhaan maqaa isaa jijjiiree suura isaa jijjiire guutuu hin qabu. Namni akkas godhee argame guutummaa guutuutti carraa sana keessaa ni haqama.

DV Akkamitti guutuu dandeenya?

Carraa keessan yaaluf kara marsaariitii dvprogram.state.gov galuu qabdu. Gara marsaariitichaa yogguu galtan bifa suuraa asii gadiitin isiniif fida. dursa irratti waa’ee DV irraa barnoota tokko tokko isiniif laata.. itti aansee carraa DV guutuu eegaluf Begin Entry kan jedhu cuqaastu.

Garuu, isa dura kanneen kanaa gadii sirriitti guutamuu qabuu irra deddeebin mirkaneeffadhaa:

1. Name – Last Name/Family Name (Asitti maqaa akaakayyuu guutta)
First Name (Asitti maqaa kee guutta)
Middle Name (Maqaa Abbaa kee guutta)
2. Gender – Male/Female (Kun saaladha – yoo dhiira taate Male, yoo dubra taate Female)
3. Birth Date – day, month, year (Asitti guyyaa, ji’aa fi bara itti dhalattan guuttu) HUB: akka lakkoofsa Awurooppaatti guutuu qabdu.
4. City where you were born (Asitti maqaa magaalaa itti dhalattanii guuttu)
5. Country where you were born (Biyya keessatti dhalattan guuttu)
6. Country of eligibility for the DV program (Kun biyya keessatti dhalattan waliin wal fakkaachuu qaba) – sababni isaas, biyya isin keessatti dhalattaniif DV guutuun eeyyamamaa miti taanaan isin jalaa kufa waan ta’eefidha. Asumaan Ethiopia irraa DV guutun ni eeyyamama

7. Paaspoortii – asirratti maqaa Paaspoortii keessanirra jiru sirriitti galchitu, itti aansuudhaan lakk. isaa itti galchitu, guyyaa, ji’aa fi bara inni hojii ala ta’u (Expire date) itii galchitu. Ittuma fufuun biyya Paaspoortii kana isiniif kenne itii filattu. Hubachiisa: Paaspoortii barri itti darbe galchuun faayidaa hin qabu, carraa keessan isin jalaa cufa.

Warreen Paaspoortii hin qabne immoo filannoo B: jalaa isa sadaffaarra jiru ‘Unable to obtain a passport, and have received an individual waiver of the passport requirement by the Secretary of Homeland Security or Secretary of State.’  isa jedhu filattu.

8. Entrant Photograph – asirratti suuraa keessan itti filattu. Suurri seera kanaa gadii kan eege ta’uu qaba:

  • Suurri keessan dugda-duubni isaa adii qulqulluu ta’uu qaba, gaaddidduu yoo qabaate hin fudhatamu.
  • Suurri keessan Kishaafa (Eye Glass) qabaachuu hin qabu.
  • Dalgeen isaa piikselii (pixel) 600 ta’uu qaba.
  • Hojjaan isaas piikselii (pixel) 600 ta’uu qaba.
  • Edge type – 2D/mask
  • Resolution 300 pixels/cm fi gosti suura sanaa ‘JPG file’ ta’uu qaba.

9. Mailing Address – kun teessoo keessan kan isaan ittiin isin beekuu danda’an waan ta’ee fi yoo abbaa carraa taatanis booda waan isin fayyaduuf sirriitti guutamuu qaba.

a. In Care Of (optional) kana dhiisuun ni danda’ama
b. Address Line 1 asirratti magaalaa jiraattan guuttu
c. Address Line 2 (optional) asirratti yoo qabaattan lakk. Poostaa dhuunfaa keessanii guuttu. Ykn dhiisuus ni dandeessu
d. City/Town asirratti Magaalaa keessa jiraattan guuttu
e. District/County/Province/State asirratti biyya ykn naannoo keessa jiraattan guuttu
f. Postal Code/Zip Code asirratti immoo koodii Poostaa naannoo keessanii guuttu (yeroo baayyee Itoophiyaa keessa warri jiraattan yoo hin beektan ta’e 1000 yoo guuttan filatamaadha)
g. Country asirratti biyya keessa jirtan filattu

10. Country Where You Live Today – asirratti biyya har’a keessa jiraattan guuttu
11. Phone Number – Lakkoofsa bilbilaa keessan itti guuttu (+251 dursitanii jechuudha)
12. E-mail Address – asirratti ergaa-E (iimeelii) keessan itti guuttu
Confirm E-Mail Address (isuma duraa irra deebi’uun guuttu)

13. What is the highest level of education you have achieved, as of today? – Hanga har’aatti sadarbaa barnootaa ol’aanaa kam qabda jedhee sin filachiisa. Warren armaan gadii keessaa sadarkaa barnootaa qabdan filachuu qabdu.

Primary school only
High School, no degree
High School degree
Vocational School
Some University Courses
University Degree
Some Graduate Level Courses
Master’s Degree
Some Doctorate Level Courses
Doctorate Degree

14. What is your current marital status? – ammatti jireenya kee akkamidha jechuu barbaadeeti. Yoo kan fuutan/heerumtan ta’e ‘Married and my spouse is NOT a U.S… jedhee isa itti fufu guuttu, yoo kan hin fuune ta’emmoo ‘Unmarried’ isa jedhu guuttu.

Unmarried
Married and my spouse is NOT a U.S. citizen or U.S. Lawful Permanent Resident (LPR)
Married and my spouse  is a U.S. citizen or U.S. Lawful Permanent Resident (LPR)
Divorced
Widowed
Legally Separated

15. Number of Children – yoo ijoollee qabdu ta’e lakkoofsa baayyina isaanii ibsu galchitu.

Kana booda ‘CONTINUE’ isa jedhu cuqaastu. Erga cuqaastanii booda fuula isa dhufurraa gara dhumaa deemtanii ‘Submit’ kan jedhu cuqaastu…kana booda foormiin keessan kun akka fudhatame kan ibsu fuulli tokko isiniif dhufa. fuulli sun baay’ee waan isin fayyaduuf ‘screenshot’ godhattanii ol-kaawwachuu qabdu. Yokaan immoo fuulichumarra gara harka mirgaa irra keessa ‘print’ kan jedhu jira isa cuqaastanii bifa pdf dhaan fuula kana hambifachuu ni dandeessu.

Tole kabajamtoota dubbistoota keenya, qophiin waa’ee DV (Diversity Visa) qabannee dhufne kana fakkaata ture, waan nu waliin turtaniif galatoomaa isiniin jechaa carraa gaarii isiniif hawwina! Horaa bulaa deebanaa.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time