Yeroo jalqabaaf ATM eenyutu hojjate? PIN isaa maaliif dijitii afur qofa ta’ee hafe?

ATM (Automatic teller machine) yeroo jalqabaaf nama maqaan isaa John Sheperd Barron jedhamuun kalaqame.

Maashinii kana kalaquuf maaltu isa kakaase?

Namni kun Engineer yoo ta’u bara 1965 maallaqa baafachuuf gara mana baankii naannoo isaa jiruu deeme. Yoo mana baankii gahu sa’aatii hojiirra daqiiqaa sadii waan dabarseef olseenee maallaqa baafachuu dhorkame. Yeroo sanatti maallaqni hedduu waan isa barbaachiseef hiriyoota isaa biraa liqeeffachuuf yaalees hin milkoofne. Kana booda beekumsaa fi dandeettii qabuun maashinii sa’a 24 maamiltoota keessummeessu hojjachuuf itti yaaduu jalqabe.

Yaadi isaas galma gaheefii waggaa lama booda bara 1967 ATM machine yeroo jalqabaaf kalaqe. ATM jalqaba kalaqe sanas baankii bara 1965 daqiiqaa sadii dabarseennaan keessummeessuu didan sanaaf kenne.

PIN number ATM inni yeroo jalqabaaf hojjatee kun dijiitii jaha ture. Haa ta’u malee haati warraa John Sheperd Barron PIN dijiitii jahaa sammuutti qabachuu dadhabuu isheerraan kan ka’e John Sheperd Barron gara dijiitii afuriitti akka deebi’u godhe. Dijiitii afur ta’uunsaas gaarii akka ta’e hubatamee addunyaa irratti ATM jiru hundi PIN isaa dijiitii afur ta’ee hafe.

Biyya keenya Itoophiyaa keessatti ATM’n tajaajilli isaa maallaqa ittiin baafachuu qofaafi. Haa ta’u malee biyyoota guddatan keessatti tajaajila gurguddaa kennuurratti argama.

Fakkeenyaaf: biyyoota guddatan keessatti ATM’n qarshii nu harkaa fuudhee dhugaatii, nyaataa fi kkf namaaf dhiyeessuun tajaajila kennaa jira. akkasuma Nagaheeraa (Darasanyi) adda addaa kafaluuf faayidarra oolaa jira. Fkn, kafaltii ibsaa ji’a ji’aan dhufu kafaluuf waajjira ibsaa osoo hin taane gara ATM naannoo isaanii jiru deemun kafaltii isaan irraa eegamu akka raawwatan taasiseera.

Maashina ATM

Yeroo ammaa ATM modern ta’an PIN qofa osoo hin taane ‘biometric password’ faayyadamuun ashaaraa quba keenyaa kan dubbisan ni jiru. ATM kana yoo namni password keenya beeku nu jalaa hatellee itti fayyadamuu hin danda’u.

1 Comment
  1. Chala Jafer says

    Barnootni keessan hedduu hubannoo nama gonfachiisa. Jabaadhaa!!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time