Diishii fi TV akkamiin qindoominaan hojjata?

Televiziyoona irratti daataa gosa lama jechuun suuraa fi sagaleetu darba.

Akkamiin dhaabbata TV (TV station) biraa ka’ee namoota TV ilaalan bira gahaa?

Jalqaba dhaabbilee TV irraa suuraa fi sagaleen walfaana gara samiitti ol dhukaafama. Yeroo dhukaafamu sana bifa habalakaan kan deemu yoo ta’u deemee saatalaayitii hawaa keessaa bira gaha. Saatalaayitiin immoo kofa itti dhukaafame sana kallattii faallaa isaatiin deebisee gara lafaatti gadi dhukaasa. Arabsat, Nilesat fi kkf kanneen jedhaman saatalaayitii gara lafaatti gadi dhukaafamanidha.

Suur-sagaleen saatalaayitii irraa gad dhukaafame sun nu bira gahuuf qaama ofitti fudhachuu danda’u nu barbaachisa. Kanaaf diishii ykn anteenaa qabaachuun dirqama ta’a.

Dhaabbata TV – Saataalaayitii – Diishii

Diishiin suuraa fi sagalee saatalaayitii irraa gad dhukaafame golboo isaa fayyadamuun ofitti fudhatee LNB isarra jirtuuf kenna. LNB’n immoo erga ofitti fudhatee qulqulleessee karaa shibootiin gara receiver tti erga.

Diishiin yoo hojjachuu didu maaliif naannessina?

Sababni diishiin naanneffamuuf kallattii ittii saatalaayitiin nuti barbaadne sun dhufu argachuufi. Saatalaayitiin TV hundaa kallattii fi kofa garagaraatiin osoo wal hin tuqin gara lafaatti dhufu. Saatalaayitiin tokko frequency fi kofa mataa isaa qaba, kanaaf diishii fi anteenaa keenya kallattii saatalaayitii barbaadne sanarra qajeelchuu qabna jechuudha. Roobni fi qilleensi diishii keenya yoo sochoose kallattii isaa jallisuun suuraa fi sagalee nu bira gahu akka addaan citu taasisa, akkasumas irraa balleessuu ni danda’a.

Tajaajila LNB lamaan:

LNB’n sirna TV keessatti gahee guddaa qaba. Tajaajilli isaa inni Tokkoffaan: sagalee fi suuraan saatalaayitii irraa gara dacheetti gad dhukaafame fageenya guddaa irraa waan dhufuuf yeroo diishii bira gahu humnaa fi qulqullinni isaa ni hir’ata, LNB’n qulqullina suuraa fi sagalee xiqqoodhuma sana ofitti fudhatee amplify gochuun qulqullina gaarii ta’etti deebisa.

Lammata, sagalee fi suuraan gad dhukaafame wantoota qilleensa keessa jiraniin faalamee waan dhufuuf LNB’n sagalee fi suuraa dhufe xurii isaa irraa qulqulleessee gara receiver tti erga. Dabalees suuraa fi sagalee gargar baasuun shiboof kenna. Fakeenyaaf: shiboo diishii fi receiver walqunnamsiisu quncisnee yoo ilaalle qaama lama qaba, tokko suuraa baatee kan deemu yoo ta’u tokko immoo sagalee baatee deema.

1 Comment
  1. Yahya says

    Shiboo dish san yoo tokko suura tahe tokko sagalee tahe garu yoo shiboo san tokko irraa hambisne ykn irra gad sollaasne kan keessan qofa receiver itti galchinu tahe suraa fi sagaleenis hin dalagan…

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time