YouTube irraa Maallaqa Argachuuf waan 10 beekun Dirqama tahu

Youtube irraa Maallaqni ni argama jechuu dhageessee beektaa? Guyyaa tokko Youtube irraa Maallaqa nin argadhaa jettee yaaddee beektaa? yoo yaadde wantoonni si rakkisan ni jiruu? yoo hin yaadin amma eegaluuf fedhii ni qabdaa? Hayyee Guyyaa Har’aa iccitii Youtube irraa Kan beekun Dirqama tahu 10 bal’inaan isiniif dhiheessinee jirraa Dubbisaa Yaada keessaniis nuun gahaa.

1, Ads (Beeksisa) Youtube irraa maallaqni kan argamu karaa beeksisaatini. Kana jechuun Vidiyoo hojjannu irratti yoo beeksisni hin bahin Maallaqa argachuu hin dandeenyu.
Beeksisa kana bakka lamatti qoodun ni danda’ama.
• TOKKO kan Youtube-iin walii galtee goonee Youtube-niis dhaabbata isa hogganu Google wajjin ta’uun Automatic vidiyoo keenya irratti beeksisa baasun kaffaltii nuuf kafaluudha. Karaan kun karaa baramaafi faca’aa ta’eedha. hedduun namootatiis karaa kana faayyadamu.
• LAMA yoo hordoftoota hedduu kan qabaannu taate Abbootii qabeenyaa, dhaabbata mootummaa fi miti-mootummaa ta’aniin walii galuun vidiyoo keenya irratti waan isaanii beeksisuun Qarshii hanga walii galleen argachuu dandeenya. Garuu Karaan kun akka biyya keenyatti waan baramee miti namoonni karaa kanaan faayyadamaniis hin jiran jechuun ni danda’ama.

2, “Monitization” Kuni Youtube irratti waan murteessaadha. yoo inni nuuf baname qofa beeksisni dhaabbata Google irraa vidiyoo keenya irratti mul’atuu eegala. Beeksisni kallattiin vidiyoo keenya irratti akka mul’atu yoo feene dirqama Monitization nuuf banamuu qaba. Monitization akka nuuf banamu yoo barbaanne Seera Youtube akka guunnu barbaadu guutufii qabna.
Seerri kunnin maali?

• Waggaa tokko keessatti Subscribe 1000 qabaachuu qabna.
• Waggaa tokko keessatti Vidiyoon keenya walii galatti Sa’aatii 4000 daaw’atamuu qaba.

Wantoota kana lameen yoo guunne gaaffii Monitization “naaf haa banamuu” Youtube-iif dhiheessuu dandeenya. isaanis Chaanaala keenya gamaaggamuun nuuf banu. yoo ammoo Seera Youtube cabsinee argamne carraan Monitization nuuf banamuu gad bu’aadha.

3, “Google Adsense” dhaabbanni kuni Googiliin hogganama. Dhaabbata Addunyaa irratti karaa beeksisa interniitaan Kaffaltii taasisu keessaa adda dureedha. Youtube Chaanal keenya irraa maallaqa argachuu yoo feene Dirqama Adsense irratti accountii banachuun Youtube Chaanal keenyaan walitti hidhuu qabna.

Google Adsense maal godha?
• Vidiyoo keenya irratti kan beeksisa baasu isa.
• Maallaqni Nuti argannu isa keessatti walitti qabama.
• Maallaqa keenya kan kara Mana baankii nuuf ergu isa

4, “Pin Code” kuni ammoo Adsense keenya verify gochuuf kan nu gargaaru lakkoofsa iccitiidha. yoo Adsense keenya Verify hin godhin maallaqa hanga feene yoo keessaa qabaanne baasuu hin dandeenyu. Kanaaf Adsense keenya irratti wantoota sirriifi dhugaa ta’an itti guutuun dirqama FKN maqaa, lakkoofsa, postalcode, bakka jiraannu fi kkf…
Accountii Adsense irratti 10$ yogguu geenye dhaabbanni Google kallattiin bakka nuti jirrutti Lakkoofsa iccitii (pincode) Xalayaadhaan nuuf erga. Pincode nuuf ergamu kanaan Adsense keenya verify gochuu dandeenya.

Yoo xalayaan Google irraa nu hin gahin maal gochuu qabna? Adsense keenya verify gochuuf filannoo lammaffaa qabna yoo ji’a 3 keessatti pincode-in nuuf hin ergamin ykn nuuf ergamee nu hin gahin akka nuti waraqaa eenyummaa ykn Paaspoortii keenya suuraa kaafnee erginuuf nu gaafatu nutiis ni erginaafi achi booda sa’aatii 24 hanga 48 hin caalle keessatti Adsense keenya verify nuuf godhama.

Achi booda 100$ fi isaa ol yoo hojjanne gara Accountii mana baankii nuti filaannetti nuuf ergama. kan ergamu ji’a faranjootaa 21 hanga 26 jiddutti yommuu ta’u karaa Automatic taheen ergama. Nuhirraa kan eegamu

  • Adsense keenya Verify gochuu
  • Accountii baankii keenyaa itti guutuu
  • Dolaara 100 ol qabaachuu qofa.

5, “Copyright” Mirga Abbummaa Ykn Mirga Maxxansaa kan nama biroo dhiibuu dhabuu. Yoo Mirga nama biroo kan dhiibnu taate Uggura gad aanaa irraa eegalee Uggura hanga ol’aanaa nurra kaahamuu danda’a. Mirga namootaa dhiibuu jechuun FKN

  • Yaada namoota birootifi Vidiyoo namoota biroo hatuu dhiisu,
  • Vidiyoon nuti dhiheessinu hundi keenya tahuu ykn kan nuti itti carraaqne tahuu qaba.
  • Sagalee/Muuziqaa bakka garaa garaatii guurree Vidiyoo keenya keessa galchuu dhiisuu. Yoo dandeenye jalqaba Sagaleen/Muuziqaan kun itti faayyadamamuuf Eeyyamamaadha kan jedhu baruu qabna.

Kanaan ala Xawalwallee taanee Miidiyaalee hawaasa irra oliif gadi fiignee waan nama dhuunfaa fi dhaabbata garaa garaa kan guurru yoo taate Fagoo deemuu hin dandeenyu.

6, “Community guidelines” Kuni ammoo dirqama Seera Youtube kaahe hordofuun akka vidiyoo hojjannu nu dirqamsiisa. Youtube Seera mataa isaa qaba. Namni Youtube irratti vidiyoo ol fe’uu fedhe Wantoota Youtube irratti fe’uun eeyyamamuufi dhorkamu adda baasee beekuu qaba. Yoo Seera Youtube cabsee argame Uggura gad aanaa irraa eegalee Uggura hanga Chaanaala Cufsiisuu irratti fudhatamuu danda’a.

7, “Creator Studio” kuni Youtube Chaanal keenyan wal qabatee kuusaa garaa garaa kan keessatti argamuudha. FKN
• Video manager – Vidiyoo keenya guutuu argachuuf yoo feene balleessuf yoo feene barruu vidiyoo jalaa (Title) jijjiiruuf yoo feene private gochuufi kanneen biroo…
• Analytics – Vidiyoo keenya nama meeqatu laale
Biyya kamtu baay’inaan na hordofa
Galii meeqan argachaa jira
Vidiyoo kamtu galii guddaa naaf galchaa jira fi kkf hedduu Analytics keessatti argachuun ni danda’ama. Akkasuma uggura addaa addaa nuhirra kaahamu baruufis karuma Creator Studio kanaatini. Kanneen birootis hedduutu jira walumaa galatti Creator Studio-n Seetingii guddicha Chaanaala keenyati jechuun ni danda’ama

8, “Thumbnail” kuni Suuraa vidiyoo gubbatti mul’atuudha. Hedduun namootaa Suuraa ajaa’ibsiisaa faayyadamuun hordoftoota gara ofiitti butatu. Suuraa dhugaa vidiyoo sanaan wal fakkaatu kan faayyadaman ni jiru. faallaa kanaatin Suuraa Sobaa kan faayyadamaniis ni jiru.
Nuti kan isin gorsinu Suuraa vidiyoo keessaniin wal fakkaatu ykn waliin deemu filadhaa, Suuraa bareedaa qulqullina qabu tolfadhaa (Edit) godhadhaa, jechoota qulfii ta’an faayyadamaa. yoo ammoo daangaa ceenee hordoftoota barbaachaf jecha suuraafi vidiyoon kan wal dhabu taate guyyaa YouTube nu irratti beeke Chaanaala keenya irra rakkoo geessisuu danda’a.

9, “Video Edit” Vidiyoo kee tottolchitee youtube irratti yoo baafte namoonni si jaalatu, hordoftoota hedduus horachuu dandeessaa, Youtube-lleen si jaalata. Vidiyoo Edit gochuuf Aappii/Software hedduutu jira isin kan dandeettii irratti qabdaniin ykn kan isiniif laafun dhimma itti bahuu dandeessu.

10, “Hojii Hojjannu” Hojii hojjannu irratti kaayyoo yoo qabaanne gaariidha guyyaan guyyaanin yaada jijjiiraa kan deemnu yoo taate hordoftoota horachuu irratti rakkoo qabaataa Youtube-niis nu jibba
har’a waa’ee siyaasaa
boru waa’ee amantii
iftaan gabaasaa oduu
Yeroo biraa waa’ee bashannanaa, waa’ee technology… jennee kan itti fufnu yoo taate seera Youtube-n waan wal faalleessuuf rakkisaadha. akkasuma xawalwallee yoo taane hordoftoonni keenya nu dhiisanii deemuu danda’u

DHAAMSA
• Kaayyoo qabaadhu,
• Ofitti Amanamummaan hojjadhu,
• Yaada haaraya burqisiisi. Hojiin agarsiisi. karaa hundaanuu ni jaalatamtaa Ni milkooftaa Carraa Miliyeenara ta’uu qabda.

Barruu kana irraa akka waa hubattan Abdiin qaba. Namoonni waa’een Youtube bitaa isinitti gale amma xiqqoo waa isiniif gala jedheen yaada.

Barnoota Mata duree “Akkaataa Youtube irraa Galii argachuuf” jedhuun yeroo dhiyootti barsiisuu ni eegalla. Barnootni kan barsiifamu Kutaa 1 irraa eegalee Vidiyoon yommuu ta’u dabalata wantoota Update/haarayaa deemaniif bifa barruutin ni dhiyaata. Nu Hordofaa.

Qopheessaan: abdulwasi OromoSamsung irraahi Galatoomaa.

14 Comments
  1. Mustafa says

    Hedun ittigamade barumsa kesan hedu galatom
    Yada bira odo goerp gotan olan nubarsiftan hedun itti gamada umri nuf dherdha

  2. Xahaa says

    Galatoomi Oromoo Samsung
    Garuu silaa video nuuf goote nutti gala

  3. Lammii. says

    Bayyee galatomii hadhookooo

  4. Lammii. says

    Vidio nuu godhii

  5. Izaddiin Shaafii says

    Woow baayyee galatoomaa kun barumsa gaarii dha.

  6. Amin says

    As wr wb

  7. […] youtube irra hojjachuuf haaraya taatan Youtube irraa galii argachuuf waan 10 beekun dirqama tahu AS tuqaa dubbisaa. Youtube irratti Subscribe 1000 yeroo gabaabaa keessatti argachuuf AS tuqaa vidiyoo […]

  8. Lemi says

    Baay’ee galatoomi
    Itti fufi….
    https://www.youtube.com/watch?v=YYb45sGdOfc
    Promote naaf gochuu dandeessaa?

  9. […] dhaabnaa dubbisuu keessaniif Galatoomaa.Youtube irraa Galii argachuuf waan beekamuu qabu 10 AS tuqii […]

  10. […] kan oromosamsung qofaaf taasifna..!!Dhuma irratti maxxansa keenya kana dura dhiheessine ‘Youtube irraa maallaqa argachuuf waan 10 beekun dirqama taha‘ jedhu yoo dubbiftan hubannoo bal’aa irraa ni […]

  11. Abebe says

    baayyee galatomaa hedduu na gamachisee barnootni keessaan!!

  12. Gobsi Tahir says

    Guddaa galatoomi.
    Page kee hordofuun moo yeroo duraatifI.
    Haaluma kanaan itti fufi. Beekkumsi kee haa dabalu.

  13. xahir says

    Barnoota gaari argaacha jirra

  14. Obsuman Andarge says

    Waan baay’ee irraa baradheera; galatoomaa!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time