Waggaa tokko keessatti Sa’aatii 4000 fi Subscribe 1000 dirqama fiduu qabnaa?

Akkuma beekamu Youtube Namoota Partner tahuu barbaadaniif ykn channel isaanii irraa galii argachuu barbaadaniif akka seera isaa guutan ni gaafata. seera inni gaafatu keessaa kan duraa Waggaa tokko keessatti daaw’attoota sa’aatii 4000 fi Subscribe 1000 dha. bakka ‘waggaa tokko keessatti’ jedhu kana hedduun namoota dogongoraan hubatan, Maarree dhimma kana irratti gaaffii maamiloonni keenya nu gaafataniif deebii kenninee jirraa faana bu’aa.

1, Channel kiyyaa wagga narratti gahuufi yoon subscribe 1000 fi view sa’aatii 4000 hin fidin hojiin ala na godhanii?
2, yoo osoon ani hin hojjatin waggaan narratti gahe channel kiyya irraa galii argachuu hin dandayuu?
3, waggaan narratti geenyan dirqama channel biraa banuu na barbaachisaa?

DEEBII – chaanaalin kee waggaa 10n caalaayyuu yoo ture hojiin ala tahuun hin jiru, Youtube umrii chaanaala keetii hin ilaalu. kan waggaa tokko qofaan carraa qaba jedhu hubannoo dogongoraati. 

Chaanalli kee bara meeqayyuu yoo ture barbaadamaan ji’a 12 qofa keessatti waan YouTube sirraa barbaadu san guutudha. YouTube waggaa 1tti yoo kana hin godhin ni arihamta yaada jedhu hin qabu. akkuma guyyaan si dura deemun, kan duraa badaa haaraya siif galmaaayaa deema… asirratti hubadhu: ‘akkuma guyyaan si dura deemun, kan duraa badaa haaraya siif galmaaayaa deema’

Wanni ati waggaa tokko duratti argatte Ykn eegaa waan san argattee waggaan irra darbe si jalaa badaati deema jechuudha. Badaati deema yogguu jennu chaanaala irraa baduu osoo hin taane YouTube calculate siif hin godhu jechuudha. calculate kan siif hin goone ammoo yoo ati chaanaala kee ‘monetize’ gochuun galii irraa argachuu barbaaddedha. kanaafuu《ji’a 12 qofa keessatti Subscribe 1000 fi view Sa’aatii 4000 fiduu qabda》kan jedhu sirritti xiinxaluun sirra jiraata.

Dabalata dhimma kana irratti Youtube waan jedhu ilaalun baruun ni danda’ama

” For example, let’s say today is January 2, 2019. YouTube will track watch time all the way back to January 3, 2018. The next day (January 3, 2019), YouTube will track back to January 4, 2018, and so on.”

‼️ Chaanaalin kee ‘monetize’ tahee osoo nagayaan irra hojjataa jirtu yoo ji’a 6f adda kutte ‘monetize’ sihirraa kaafama. Kanaaf yeroo tokko ‘Monetize’ siif banamnaan hojii kee itti fufuu qabda. Hojiin keetis seera Youtube-n akka wal hin falleesssinee eeggachaa deemuu qabda.

Namoota youtube irra hojjachuuf haaraya taatan Youtube irraa galii argachuuf waan 10 beekun dirqama tahu AS tuqaa dubbisaa.

Youtube irratti Subscribe 1000 yeroo gabaabaa keessatti argachuuf AS tuqaa vidiyoo daawwadhaa.

1 Comment
  1. abebe says

    what shall i do?

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time