Aappii haaraya bilbiluuf nu faayyadu – TOK TOK

Aappii TOK TOK ‘playstore’ keessaa argachuun ni danda’ama, biyya tokko tokko keessatti playstore keessaa dhabamuun mala. hanga sirraahutti ‘Galaxystore’ keessaa buufachuun ni danda’ama. Ykn liinkii asii gadii irraa buufachuunis filannoo keessani.

TOK TOK download gochuuf https://totok.ai/

Akkuma beekamu internet faayyadmnee bilbiluuf Aappiwwan garaa garaa ni faayyadmna. kanneen keessaa IMO-n isa tokkoodha. haa ta’uu malee imo-n yeroo tokko tokko hojjachuuf nu rakkisa. dhaabbileen Telecom Aappiwwan free bilbilan kanneen irraa komii waan qabaniif mootummaa waliin ta’uun ni ugguru. keessafuu biyya Arabaa keessatti irra deddeebin tajaajilli isaa adda cituun ni beekama. biyyooni imo-n itti uggaramu yeroo hedduu Saudi Arabia fi Dubai/UAE adda dureedha.

Maamilonni keenya irra hedduun Naannoo kana waan jiraataniif gaaffii ‘imo-n nuuf hin hojjatuu furmaanni maali?’ jedhu irra deddeebin nu gaafatu. nutiis yeroo adda addaatti fala ni taha jennu dhiheessaa turree jirra. biyyoonni Aappiwwan kun ittti hin hojjannees qaawwa Aappiwwan kunniin itti hojjatan yogguu argan faana bu’anii ni adamsu.

Maarree nutiis furmaata fiduu itti fufne. Ammaaf Aappii qulqulluu bakka IMO bu’ee nu faayyadu isiniif dhiheessinee jirra. maqaan Aappii kanaa TOK TOK jedhama. Aappin kun IMO irraa garaa garummaa hin qabu. tarii waan imo-n qabu dhaba jettanii yaadda’uu hin qabdan.

Vidiyoo waa’ee Aappii kanaa barsiisu yoo hin daaw’atin ammuma daawwadhaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time