Facebook irraa galii argachuuf waan beekamuu qabu

Dhiheenya kana facebook oduu gaarii tokkoon gad bahee jira inniis warroonni facebook irraa galii argachuu barbaadan ‘kallattiin’ akka galii argataniif haala mijjeessinee jirraa jedha.

Kallattiin jechuun maali? itti dhufnaa guutuu dubbisi…

Duraan facebook irraa galii argachuuf Al-Kallattiin (indirect) ture. kana jechuun nuti facebook irra osoo hin taane bakkoota biroo hojjannee facebook irraa hordoftoota butuun itti faayyadamna jechuudha. akkasuma Accountii fi Group gurguddaa walirraa bituufi gurguruunis ni jira, Namoonni bebeekkamoon bakka garaa garaatii maallaqa fudhatanii yogguu beeksisa hojjataniis ni mul’atu.

Nuti facebook irratti beeksisa hedduu arguu dandeenya, ‘news feed’ keenya irra yogguu gad deemnu dabaree dabareen beeksisa adda addaa ni agarra Fkn, beeksisa Aappii, beeksisa uffataa, beeksisa nyaataa, beeksisa mobile/computer beeksisa waa’ee fayyaa fi kan biroo hedduun as nutti yaafama. jarri waan kana duuba taa’ee hojjatu kunniin maddi galii isaanii facebook osoo hin taane bakka biroodha garuu ammoo namoota facebook irra jiranitti dhimma bahaa jiruu jechuudha.

Facebook dhaabbilee adda addaatifi namoota dhuunfaatif akka isaan waan isaanii beeksisaniif hulaan isaa yeroo mara banaadha. Galiin facebook argatu irra guddaan kaffaltii warri beeksisu isaaf kafaluunidha. warri beeksisa facebook irratti raabsan kaffaltii muraasa feesbuukif taasisuu garuu isaan dachaa dachaa godhanii irraa faayyadamu.

kanaafuu facebook irratti meeshaa keenya ykn tajaajila keenya beeksifachaa baay’ina namoota gara keenya dhufaniin kan faayyadamnu yoo taate kuni Al-kallattiin jedhama. sababni maddi galii keenyaa bakka birooti waan ta’eefi.

Tole, Kallattiin kan jennu hoo kami? kallattiin kan jennu kan dhiheenya eegale yommuu ta’u namuu facebook irraa galii argachuu yoo barbaade qaama sadaffaa malee feesbuukimaan walii galtee godhee irraa faayyadamuu danda’a. karaa kanaan kallattii (direct) jechuunii dandeenya. kana jechuun akkuma Youtube jechuudha. Namni youtube irraa galii barbaade tokko Youtube irratti video isaa ol fe’ee baay’ina namoota video san ilaalaniin galii irraa argata, Kan feesbuukis kanuma video kee ol feetaa baay’ina namoota video san ilaalaniin qarshiin siif lakkaayama. (video kankee irratti beeksisa gabaabaa mul’atu jira)

Dhaabbanni facebook namoota karaa kanaan galii argachuu barbaadaniif SEERA naaf guutaa jedhu qaba seera inni guutaa jedhu keessaa 7 isiniif dhiheessinee jirraa… kunooti

1, Peejii (page) qabaachuu Peejii jechuu hundi keessan ni beektu jennee yaanna. warroota hin beeknef peejii jechuun Facebook isa Add friend itti ergamu osoo hin taane kan LIKE godhamu sani.

FKN, facebook Jawaar Muhammad peejii hin jedhamu, kan OMN ammoo Peejii jedhama. FKN biraa Facekook keenya oromo samsung peejii hin jedhamu, kan oromsamsung tutorial jedhu ammoo Peejii jedhama. hin yaadinaa peejii banuun daqiiqaa 5 caalaa isinirraa hin fudhatu akkasuma email fi password kan biraa ijaaruu isin hin barbaachisu. Peejii banuu yoo barbaadde facebook kankee isuma amma faayyadamaa jirtu irratti damee biraa maqaa feeten itti goota jechuudha.

2, Vidiyoo orjinaalaa facebook irratti ol fe’uu. kana yogguu jennu vidiyoo kankee tahe, ykn kan ati itti carraaqxe kan bakka birooti hin hatamin jechuudha. dabalata vidiyoon kankee qulqullina qabaachufi beeksisaaf mijataa tahuu qaba.

3, Followers (hordoftoota) 10,000 qabaachuu. kuni ifa fakkaata peejii keessan irratti nama isin hordofu kuma kudhan qabaachuu qabdu jechuudha.

4, Vidiyoon kankee daqiiqaa 3 caalaa dheeratuu qaba, akkasuma vidiyoo kankee namni daaw’atu daqiiqaa 1 caalaa irra turuu qaba, yoo xiqqaate guyyaa 60 dabarsite keessatti nama 30,000 (kuma soddomaan) ilaalamuu qaba.

5, Biyya itti eeyyamamu keessa jiraachuu. ammaaf Facebook hojii kallattiin galii argamsiisu kana biyya hundatti hin eegalle garuu biyyoota guguddatan hunda keessatti eegale jechuun ni danda’ama. Kanaaf namoonni akka carraa biyya kanneen jiraattan irraa faayyadamuu dandeessu. hanga ammaatti biyyoota 45 ol ta’aniif eeyyamaee jira.

Biyyoota Africa keessaa 1 qofa

  • South Africa (Afrikaa kibbaa)

Biyyoota Arabaa keessaa 3 qofa.

  • Saudi Arabia
  • UAE/Dubai
  • Jordan

Biyyoota Awuroppaa keessaa hedduudha.

  • Germany
  • France
  • Italy
  • Norway
  • United Kingdom fi kanneen biroo jiru

Akkasuma America kaabaafi kibbaa biyyoota Eeshiyaa tokko tokko keessatti eeyyamee jira. Hanga ammaatti Africa keessaa biyya tokko qofa waan taheef gara fuul-duraatti yogguu babal’ifamu Ethiopia dabalatee biyyoonni hedduun akka itti dabalaman abdii qabna.

6, Afaan (Language) itti eeyyamamu beekuu – qabxiin inni kun xiqqoo gufuu nutti ta’uu danda’a. inniis facebook namoota kallattiin galii irraa argatuu barbaadaniif Afaan 25 keessaa tokko akka danda’ani jedha ykn vidiyoon facebook irratti ol fe’amu barruu vidiyoo sana gubbatti barraahun wal qabatee afaanota kanneen keessa tokko ta’uu qabaadha. kuni kan ta’eef facebook salphamatti vidiyoo namootaa gamaaggamuuf itti faayyadama dabalata dhaabbileen daldalaa beeksisa vidiyoo keenya irratti ergan akka filannoo isaanitiin deemaniif gargaara. FKN ati akkaata nyaata itti hojjatamu agarsiifta yoo tahe beeksisa waa’ee nyaataatu vidiyoo kee irratti Target godhama.

Dhimmi kun Youtube irrattiis akkanuma beeksisni vidiyoo keenya irratti mul’atu waan nuti vidiyoo san keessatti agarsiifne ykn haasofne ykn Title jalatti barreessineen wal qabata, Garuu youtube Afaan hundaafuu ni eeyyama. warri Afaan isaan ittiin hojjatan hin baramin beeksisni biyya/naannoo/magaalaa hordoftoonni keessa jiraatanitti Target waan godhamuuf karaa kanaan bu’aa irraa argatu.

Facebook gara fuul-duraatti biyyoota biroo fi afaan biroo itti dabalaa akka deemu dubbata “More countries and languages will be supported soon.

7, Qabxiilee asii olitti eeraman jaheen guuttachuun dirqama taha, yoo hanqina tokko qabaanne Facebook nu fudhachuu dhabuu danda’a. sababa hanqina qabda jedhuun nu harkifachiisuu mala. Garuu akkaataa isaan jedhanitti kan deemnu yoo taate gufuun tokkolleen hin jiru Facebook keenya madda galii keenya godhachuu ni dandeenya.

kan har’aa asumarratti dhaabnaa dubbisuu keessaniif Galatoomaa.

Youtube irraa Galii argachuuf waan beekamuu qabu 10 AS tuqii dubbisi

Barreessaan: ABDUL WAASII oromosamsung irraa

 

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time