konkolaataa shufeerii malee ofiin deemu – Technology ajaa’ibaa

Konkolaatan konkolaachisaa (shufeerii) malee ofiin deemu akkamiin hojjatamuu danda’e?

kun abjuu namatti fakkaachuu danda’a. Garuu teknooloojiin konkolaataa konkolaachisaa malee ofiin deemu dhugoomaa jira. Kanaaf immoo Technology dhaabbata kanneen akka Google, Uber, Tesla, Nissan fi kkf project dhaan dhugoomanii jiran. keessumattuu technology maqaan isaa semi-autonomous car (kan namaaf ofiin ofaamu) hedduu hojirra oolee jira. Fakkeenyaaf dhaabbata Nissan fi Toyota konkolaataa bara 2017 kaasanii oomishan hundi dandeettii itti aanu kana qabu: self-parking (ofiin of dhaabuu), automatic break (balaan osoo hin uumamin dursee ofiin of dhaabuu), fageenya konkolaataa nu fuul-dura jiruufi nu dudduuba jiru nutti himuu fi kkf.

Teknooloojiin konkolaatan kun irraa hojjatamuu danda’e qaamota gurguddoo shan of keessaa qaba. isaanis:-

1. Computer Vision

Gabaabumatti dhalli namaa konkolaataa konkolaachisuudhaaf dursa qaro-qabeeyyii tahuu qaba. ‘Self-driving car’ (konkolaataa ofiin adeemu) dhaaf immoo akka ijaatti qaamni isa faayyadu camera jechuudha. kanaaf gosa camera kan maqan isaa Kinect jedhamu faayyadama. kinect camera wanti adda isa godhu distance (fageenya) waan suuraa kaasaa jirruu safaruu wan danda’uufidha. iji keenyas halluu waan ilaalaa jirruu adda baasuun ala fageenya isaallee adda baasuu danda’a. kanaaf guututti yoo ija namaa bakka hin bu’u ta’elleee Kinect wantoota iji namaa dalagan hedduu bakka bu’ee (self-driving car) kanaaf ni dalaga. qaamni kun Software Wantoota adda addaa gargar baasuu danda’u (fkn karaa, nama, beellada, halluu fi kkf) walitti ida’amuudhaan ‘Computer Vision Part’ jedhama.

2. Sensor Fusion

Dhalli namaa wantoota naannoo isaa jiru sense organ faayyadamee to’ata. ija qofaa miti, dhageettiniis xuxxuqqanis ni faayyada. kanaaf Self-driving car dhugoomsuuf wantoota naannoo isaa jiran beekuu qaba. Fakkeenyaaf magaalaa keessa yoo karaa gidduu jiraate konkolaataan duuba isaa jira moo hin jiru, fuul-dura isaa jira moo hin jiru hammam irraa fagaatee jira, konkolaataan isa duuba jiru speed (ykn ariitii) akkamiin deemaa jira, xurumbaa itti afuufaa jira moo kan jedhuu fi kkf sensor adda addaa faayyadamuudhaan information dabalataa ‘computer vision part’ dhaaf kenna jechuudha. Fakkenyaaf, Sensor Radar suuraa irratti mul’atu

3. Localization

Qaamni kun immoo self-driving car eessa akka jiru kan itti himuudha. Akkuma beekamu mobile keenyarraa GPS ni jira, GPS yoo banne altitude fi latitude nutti hime sanarraan map ykn location keenya nutti hima. Garuu GPS inni mobile keenyarra jiru accuracy isaa metirii tokkoo hamma lamaa ni soba. Kun namaaf rakkina hin qabu, garuu self-driving car dhaaf balaa uuma. sababni isaas distance meetira tokko yoo dogoggore konkolaataa biroo rukutuu danda’a waan ta’eef. kanarraan kan kahe balaan akkan uumamneef Algorithm localization jedhamu faayyadama.

4. Path Planning

Eessaa ka’ee garam deema isa jedhuuf (start, end) path planning kan jedhamuudha. qaamni kun location faayyadamuudhaan fakkeenyaaf Birbirsa gooroo kaanee gara Ekkaa yoo deemna tahe, karaa kutaa ofiisaan barbaadee deema jechuudha. Kana murteessuf immoo jalqaba map fi traffic croud (karaa hundarra) jiran google map irraa erga ilaalee booda kara banaa taherra deema jechuudha. Kunis algorithm path planning dhaan kan dalagamuudha.

5. Control

Inni dhumaafi murteessaan qaama control jedhamudha. Namni tokko yeroo konkolaataa ofii isaan oofu fiigsisuu ni danda’a, kallattii jijjirru ni danda’a, Beenziina kennuu danda’a. Self-driving Car kana kessatti qaamni kana ajaju Control part jedhama.

Waliigalatti qaamni shanan kun waliin tahuudhaan technology self-driving jedhamu dhugoomsu jechuudha. konkolaataan akkasii yeroo mara qunnamtii interniitaa qabaachuu qabu.

Konkolaataan kun kan namaan oofamu caalaa nageenyi isaa amansiisaa dha. Fakkeenyaaf konkolaachisaan tokko ganama aaree yoo manaa bahe, ykn galgala dhugee yoo oofe sammun isaa waan qabamuuf balaan isa mudachuu danda’a. akkasuma osoo konkolaachisuu tasa yoo yaada bade gidduutti dogoggorri uumamee balaa geessisuu danda’a. Self-driving Car kun balaa tasaa akkanaa irraa walaba.

3 Comments
  1. Rame online says

    Biyyoota guddatanif malee biyya akka Ethiopia kan qunamtii interneta baay’ee duubati hafa tahe keessatti konkolataan kuni fayyida hin qabu

    1. abdulwasi says

      hhhhhh dhugaa,Itoophiyaan reefu techonlogy 3G faayyadamaa jirti. yeroo ammatti fiixee technology addunyaan bira geesse gahuuf waggoota hedduu itti fudhata. Garuu biyyattiin hanga sadarkaa gad aanaa irra jirtutti kuni waan yaadamuu miti.

  2. Tarree says

    Biyya keenya keessatti konkolaataan kuni faayidaa hin qabu.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time