Karoota sadiin passwordi Facebook keessanii isin jalaa itti hatamu

Warri Facebook namaa hatu maloota ijoo asii gadii 3’n keessaa tokko faayyadama. isin ammoo sadeenuu sirritti hubadhaa irraa of tiksaa.

1. Mala Hawaasummaa (Social Engineering)

Malli kun salphamatti dadhabina keessanitti faayyadamuun akkaawuntii Facebook keessan bananii seenu jechuudha, inniis karaalee hedduu of keessaa qaba muraasni isaanii:-

  • Passwordi keessan tilmaamuu. kana jechuun lakkoofsa bilbila keessan itti yaalu, yoo dide maqaa keessan itti yaalu. kanaas yoo dide lakkoofsa fi maqaa keessan akka yeroo baay’ee namootni biroo faayyadamanitti wal keessa laaqun itti galchuuf yaalu. akkasuma akkaataa qubeeleen keyboard irra jiran ittiin tarreeffaman kan yeroo baay’ee namoonti faayyadamaniin yaaluu danda’u.
  • Forget password ka jedhuun filannoowwan facebook fiduun isin fakkaatanii seenuf yaalu. malli Forgot password gochuu kun facebook qofa osoo hin taane email keessaniis maluma kanaan seenuf yaalu. Fkn, namichi Facebook keessan hatuu barbaade kun email keessan qabaannan bakka isin jalqaba email itti banattan deemun Forgot password gochuun filannoo dhufuun yaala. kana jechuun dursa email keessan seenaa, boodarra facebook seena jechuudha.

2. Qurxummeessuu (Physhing)

Akka mala kanaatti dura warri passwordi isin jalaa hatuu barbaade websaayitii Facebook fakkaatu hojjatanii liinkii isaa isinitti ergu booda yeroo isin liinkii sana bantan websaayitii fuula Facebook cufame fakkaatutu isinitti dhufa isin ammoo weebsaayitii facebook isinitti fakkaatee password fi email itti guuttanii ‘login’ ka jedhu tuqxu. eega isin login tuqxan booda liinkichi gara warri liinki isinitti erge ajaje isin fida. (bakka bu’aa hin qabne isin fida jechuudha) Password fi Email keessan ammoo warroota liinkii isinitti erge bira dhaqa.

Malli Qurxummeessuu jedhamu kun yeroo ammaa baay’inaan hojirra oolaa jira. liinkii madda amansiisaa irra dhufe malee kanuma agartan hunda hin baninaa. irra caalatti karaa keessaatiin namni maalummaan isaa hin beekamne liinkii isinitti erginaan ija shakkiitin ilaaluu qabdu.

3. Keylogger

Keylogger jechuun akaakuu softweerota password fi email dabalatee wanta isin keyboard keessan faayyadamtanii barreessitan hunda galmeessu jechuudha. qubee, lakkoofsa fi mallattoo adda addaa isin tuqxan hunda galmeessaa deema.

Keylogger Gosa lamatu jira:

inni tokkoffaa waan isin keyboard faayyadamtanii barreesitan hundaa galmeessee kompiitara ykn mobaayila keessan keessatti save godha. booda namichi bakka waan beekuf kompiitara yn mobaayila keessan argannaan faayilii san banee laala. waan isin barreessaa turtan hunda arga waan ta’eef achi keessaa passwordi keessan barbaada jechuudha. Malli kun salphaadha nama nuyii waliin jiraatutu yeroo hedduu nurratti dalaguu danda’a.

inni lammataa ammoo namichi isin irraa fagoo taa’ee halaalatti vaayirasii Keylogger kompiitaraa yookiin mobaayilaa keessan keessa galcha, karaa hedduu faayyadamuun mobile/computer keessan keessa seensisuu danda’a. booda vaayirasiin Keylogger sun waan isin keyboard faayyadamtanii barreesitan hundaa qubee, lakkoofsa fi mallattoo isin tuqxan guuree namichaaf erga jechuudha. Mala kana nama dandeettii hacker qabutu fageenya taa’ee nurratti dalaguu danda’a.

1 Comment
  1. Awel Mohammed says

    Galatommi sahibi

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time