Bilbiloota Dinqisiisoo bara 2021’tti eegaman

Bilbiloota ajaa’ibaa lama bara 2021 tti gabaarra ooluuf jedhan. Kan akka laastikiitti dadacha’u (wal keessaa yaa’uu danda’u) fi akkaataa deemsa keenyaa akka password-tti ittiin tajaajilamnu.

1. Bilbila dadacha’uu danda’u (wal keessaa yaa’ee walitti deebi’uu danda’u)

Bilbilli suuraa irratti argitan kun kan bara 2021 gabaarra ooluuf jiruudha. yeroo ammaa kanatti prototype isaa kalaqanii maamilaaf randomly kennanii ququllina isaa madaalaa jiru.

Bilbila kana kan adda taasisu dadacha’uu dandaha. kanaaf yeroo faayyadamuu barbaadnetti akka laastikiitti harkisnee yaasuun hamma murtaa’e dheeressuus gabaabsuus dandeenya. wanti inni irraa hojjatamees wanta haala salphaan maramuu fi harkifamuu danda’u irraati.

2. Bilbila akkaataa deemsa keenyaa akka password’tti itti faayyadamuu dandeenyu 

Akkuma fingerprint (ashaaraa quba keenyaa) deemsi keenya illee kan namaa irraa adda (unique) dha. haaluma kanaan bilbilli jedhame kun akkaataa deemsa keenyaa kana akka password’tti faayyadamuu nu dandeessisa. Technology kun ‘gait baid verification system’ jedhama.

Bilbila keenya boorsaa/kiisii keenya keessa keewwannee yeroo deemnu sensor mobile irra jiru faayyadamnee akkaataa deemsa nama tokkoo walitti fufiinsaan yoo waraabne feature (yookiniis style) nama tokkoo kan biroo irraa adda baasuu dandeenya.

Dimshaashumatti technology’n kun gara fuul-duraatti akka password’tti faayyada. kana jechuun bilbila keessan faayyadamuuf passwordi keessan yaadachuun yookiin qabachuun isin hin barbaachisu. sababni isaas, bilbilli keessan ofiisaan amala keessan barata. akkaataa itti isin screen isaa harkatti qabattan yeroo karaarra kiisii keessa keewwattanii deemtan deemsa keessan sensor faayyadamuudhaan bara. Kanaaf hattuun bilbila keessan yoo hatte illee itti faayyadamuu hin dandeessu jechuudha.

Dabalataan ariitii itti isin waa barreessitanillee ni bara, kanarraa kan kahe isin tahuu fi isin tahuu dhiisuu keessan adda baafata jechuudha.

Technology’n kun gara fuulduraatti part android operating system haaraa tahuun dhihaata. ammaaf usability test (yaalii faayyadamaa) hojirra oolchuf gaggeessaa jiru. dhuma waggaa dhufaa jiru ni gadhiifama jedhamee eegama.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time