Gosoota/sadarkaa hacker fi akkaataa hacker ta’uun danda’amu

Namoonni baay’een hacker jecha jedhamu kana guutummaa guutuutti gocha gaarii hin taane akka ta’eetti ilaalu. Garuu hacking jechuun kan nama miidhuu qofaaf itti fayyadaman osoo hin taane, ogummaa Technology bara kanaa karaa nama hin miineen faayidaa irraa argannudha. Akkasumas account garaagaraa nuti qabnu akka nu jalaa hin hatamneef of eeggannoo gahaa gochuuf nu dandeessisa. Dabalees tajaajila qarshii guddaan argannu ofuma keenyaa baasii malee akka argannu nu taasisa. Kanaafuu, osoo nama hin miidhin hacker ta’uun wamaa miti. yoo nama miidhuuf yaalle garuu ofiis itti miidhamuun hin hafu.

Dandeettii fi beekumsa hacking irratti hundaa’uun hacker bakka gurguddaa 3tti qoodamu

1. Script kiddies: Hacker gosti akkanaa beekumsa xiqqoo qabu. isaan kun hacking program qofa kan fayyadamani dha.
2. Professional Hackers: Gosti hacker kanaa beekumsa Programming kan qabanii fi giddugalaan hacking ijoo ta’an kan beekanidha. 
3. Elite Hackers: Kun sadarkaa hacker isa guddaa yoo ta’u, namoota hacking program fi script garaagaraa ofiisaniin qopheessani dha. 

Hackers gochaa fi amala irratti hundaa’uun bakka 3tti qoodamu

1. White Hat Hackers: gosti hacker kanaa kan salphaatti nama miidhuuf dandeettii guddaa qaban yoo ta’u, garuu nama miidhuu hin barbaadani. Beekumsa qabaniin hawaasa isaanii balaa adda addaa fi hacker gadhee ta’an irraa eeguuf hojjetu.
2. Black Hat Hackers: Gosti hacker kanaa faayidaa mataa isaanii qofarratti kan xiyyeeffatanii dha. Maallaqaa, qabeenyaa fi iccitii nama dhuunfaa fi dhaabbata garaagaraa butuun faayidaa mataasaaniif kan oolfachuuf yaalanii dha.
3. Gray Hat Hackers: Gost hacker kanaa amalli isaanii White hats fi Black hats gidduutti kan argamu dha.

Akkamiin hacker ta’uun danda’ama?

Hacker ta’uuf beekumsa kompiitaraa qabaachuu barbaachisa. Hacker gurguddoon addunyaa kanaa beekamoon barnoota dippiloomaa ykn digirii hin qaban. Beekumsa kompiitaraa gabbifachuudhaan ofuma isaanitiif shaakkallii baay’isuun dandeettii hacking isaanii guddifatu.

Hacker ta’uuf wantoota gurguddoo 5 isin barbaachisa

1. Bu’uura kompiitaraa beekuu: Akkaataa kompiitarri itti hojjetu, faayyadama interneetii fi kkf.

2. Prograamming language tokko tokko beekuu: programming kan akka C, C++, Phython, HTML, JavaScript fi kkf. 

3. Networking beekuu: isaan keessaa ijoon HTTP, HTTPS, NAT, TRACEROUTE, VPN, Proxies, switching and routing fi kkf. 

4. Waa’ee operating systems sirriitti beekuu: addunyaa kanarratti operating system beekamaan WINDOWS OS dha. Garuu operating system kun hacking dhaaf mijataa miti. Namni hacker ta’uu barbaadu UNIX operating system kan jedhaman kan akka UBUNTU, FEDORA, KALI, ANDROID, BACKTRACK fi kkf beekuun barbaachisaadha.

5. Akkaataa hacking programs jiran itti faayyadaman beekuu: hacking script fi hacking Programs baay’een interneetii irra jiru. isaan kana beekuu fi sirnaan faayyadamuun barbaachisaadha.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time