Bilbilli ala irraa bilbilamu maalif lakkoofsa biyya keessaa ta’ee dhufa?

Bilbilli biyya alaa irraa bilbilamu akkamiin lakkoofsa biyya keessaa ta’ee dhufa? Maaliif akkas gochuun barbaachise? Eenyutu irraa faayyadama?

Biyyoota garaa garaa irraa gara biyya keessaatti namoonni bilbilan tokko tokko lakkoofsa bilbilichaa kan biyya keessaatti akka jijjiiramu kanneen taasisan ni jiru. sababa kanaafis yakka burjaajjii telekoomiin himatamuun namoonni seeratti dhiyaatan ni jiru. Kunis faayidaa telekoomiin biyya keessaa argachuu qabu dhabsiisuu isaaniirraan kan ka’eedha.

Fakkeenyaaf, namoonni Itiyoophiyaa keessa jiraatan bilbilli kun kan biyya keessaatti jijjiiramee yoo dhufu akka waan biyya keessaa itti bilbilameetti ilaalu. Kuni immoo dogoggora miidhaa qabu namatti fiduus ni danda’a.

Namoota gocha kana raawwatan akkamiin beekuun danda’ama?

Waggaa 2 dura dhimma kanarratti BBC waliin kan dubbatan Obbo Takliit Yaayilat Ethio-Telecom keessatti ogeessa IT crowd management kan turan akka jedhanitti wanti kun adeemsa triangulation jedhamuun biyyaa fi bakka namni sun jiru beekuun ni danda’ama. 

Bilbilli biyya biroo akkamiin gara lakkoofsa biyya keessatti jijjiiramaa?

Kun karaalee gurguddoo lamaan godhamuu danda’a: inni tokko SIM box crowd fayyadamuudhaan yoo ta’u, kan biroon immoo tajaajila dhaabbilee ‘Interconnect‘ biyyoota sana keessatti argamaniin gara koodii lakkoofsa biyya keessaatti jijjiiruun ni danda’ama.

Gara lakkoofsa biyya keessaatti jijjiiruun maaliif barbaachise?

Fakkeenyaaf, bilbilli biyya alaa irraa gara Itiyoophiyaatti bilbilamu daqiiqaan tokko gara qarshii 11 kaffalchiisa yoo ta’e, kan biyya keessaa waliif bilbilan immoo gara saantima 50 dha. Haaluma kanaan kan qarshii 11 isaan kaffalchiisu saantima 50’n faayyadamanii maallaqa irraa hafe keessaa muraasa dhaabbilee ‘interconnect‘ sanaaf kaffalanii baasii xiqqoodhaan namoota biyya keessaa wajjin bilbila faayyadamu jechuudha.

Gochi kun akka seera ittiin bulmaataa Itiyoophiyaatti gocha seeraan alaa ta’uyyuu, biyyoota hedduu keessatti seera qabeessa ta’ee kan tajaajiludha.

Fakkeenya telekoomii Sa’uudii fudhachuu dandeenya. Telekoomiin Sa’uudii gatii bilbila addunyaalessaa hir’isuuf ‘SIM box crowd’ gargaarama. Akkasumas biyyoota baay’ee keessatti SIM box crowd seeraa qabeessa waan ta’eef mootummoota addunyaatti seeraan gaafachuun hin danda’amu. Maallaqa dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa waliigalanii hambifatan kun galii Itiyoo-Telekoom argachuu qabu ture jedhama.

Bilbiloonni biyya alaarraa bilbilaman akka jijjiiramu kan godhan baay’een biyya keessaa namoota Finfinnee, Matammaa fi Moyyaalee keessa jiraatan yoo ta’u, biyya alaa keessaa immoo baay’inaan Chaayinaa, Xaaliyaanii fi Sa’uudii dha. Namoonni gocha kana raawwatan irra deddeebiin kan seeraan gaafataman ta’ullee, utuu hin turin namoonni biroon immoo gocha kana jalqabu. Haaluma kanaan Itiyoo Telokoom giddugalaan ji’a tokkotti gara doolara miliyoona 3 dhaba.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time