Dargaggoo lamaan Google kalaqan

Google amma nuti fayyadamnu kun jalqaba dargaggoota lamaan kan hundeeffamedha. Dargaggoonni kunneen kaadhimamtoota barnoota PhD kan ta’an maqaan isaanii Larry Page fi Sergey Brin jedhamu.

Akkamiin gara hojii kanaatti dhufan?

Barattoonni kunneen waraqaa eebba isaanii (PhD dissertion) gosa barnoota saayinsii kompiitaraaf mata duree osoo barbaadanii, waa’ee ‘page rank’ (Algorizimii marsariitii wal dorgomsiisee isa gaarii fi kan gaafatame dhiyeessu) irratti hojjachuuf waliigalan.

Haaluma kanaan yeroo jalqabaaf bara 1996 marsaariitii waa barbaadu (search engine) maqaan isaa ‘BackRub’ jedhamu maddisiisan.

BackRub kanarratti waan barbaadan argachuuf guutummaa website isaa barreessuun dirqama. Fakkeenyaaf odeeffannoo waa’ee Itiyoo Telekoom argachuuf liinkii website isaanii beekuu fi barreessuun dirqama ta’a. Ta’ullee akka yeroo sanaatti kun argannoo guddaadha.

Haaluma kanaan dandeettii isaanii ilaaluun kaampaanii gurguddoon garaagaraa hojii kanarratti isaan bobbaasuuf kaffaltii waggaatti hamma doolaara miliyoona tokkoo dhiyeessaniif. Dargaggoon kun lamaan garuu kaampaanii hunda didanii maallaqa baankii irraa liqeeffachuun kompiitara barbaachisaa ta’e bitatanii qorannoo isaanii babal’isuu eegalan.

Osoo kanaan jiranii waggaa tokko keessatti domain name Google.com jedhamu bitatan. Maqaa kana kan kenneef hiriyaa isaanii ture. Jechi Google jedhu “Gogol” jecha jedhurraa kan dhufe yoo ta’u hiikkaan isaa “Lakkoofsa duwwaa 100 qabu” jechuudha.

Akka waliigalaatti hojiin google.com odeeffannoo website addunyaa irra jiru sassaabuudha. yeroo ammaa kana google’n fayyadamtoota teknoolojiif madda odeeffannoo fi beekumsaa guddaa ta’ee tajaajiluu irratti argama.

Google’n namoota lamaan bu’uureffame kun yeroo ammaa hojjattoota dhaabbataa kuma 88 ol kan qabuu fi waggaatti galii doolaara biliyoona 16 ol kan argatuudha.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time