Sensor maali? Faayidaa akkamii qaba?

Sensor’n qaama elektirooniksii ta’ee jijjiirama naannoo tokkoo beekuu fi safaruu kan danda’uudha. Dabalees jijjiirama sana adda baasee deebii kennuu kan danda’uudha.

Akkuma namni qaama miiraa qabu meeshaan elektirooniksiis qaama miiraa ittiin haala naannoo isaa too’atu ni qaba. Sensor gosoota kumaatamaan lakkaa’amantu jiru. isaan keessaa sensor gurguddoon mobaayila keessatti argaman kan armaan gadiiti:

1. Accelerometer

Gosti sensor kun sochii, ariitii fi qajeelfama mobaayilaa safaruuf gargaara. 

2. GPS (Global positioning system)

Gosti sensor kun mobaayila keenya saatalaayitii waliin wal qunnamsiisuun bakka argama keenyaa kan nutti agarsiisuu danda’u akkasumas kaampaaniin garaagaraa bakka argama keenyaa ittiin beekuu danda’aniidha.

3. Magnetometer

Gosti sensor kun kallattii agarsiisuuf kan gargaaru dha. 

4. Ambient Light sensor

Gosti sensor kun hamma ifaa naannoo keenya jiru kan safarudha. 

5. Proximity Sensor

Gosti sensor kun mobaayilli keenya waan isatti dhiyoo fi fagoo jiru akka adda baasuuf kan gargaaru dha.

6. Microphone

Gosti sensor kun sagalee waraabuu fi sagalee qaama tokkorraa fuudhee qaama birootti geessuu kan danda’uudha. Fknf, bilbila yoo haasofnu sagaleen keenya microphone dhaan fuudhama.

7. Thermometer

Gosti sensor kun hoo’ina bilbila keenyaa kan safaruudha. 

8. Touchscreen sensors

Gosti sensor kanaa dugda iskiriinii mobaayilaa irratti kan argamu ta’ee iskiriiniin tuqamuu fi dhiisuu, akkasumas bakka tuqame adda baasuun dalagaa barbaadame akka raawwatu kan taasisudha.

Mobaayilli Sensor gosa hedduu of keessaa qaba

Kana qofaa miti, mobaayiloonni ammayyaa bara kanaa sensor amanuuf rakkisoo ta’an kan dhiibbaa dhiigaa safaran, dhahannaa onnee kan safaranii fi kkf hedduun ni jiru.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time