Android maali?

Android’n sirna dalagaa (operating system) mobaayilaa kan yeroo ammaa bali’naan jirudha. Operating system mobaayilaa jechuun gosa sooftiweeraa mobaayila keessatti argamu kan qaamoleen mobaayilaa hundi waliigalanii waliin akka dalagan taasisudha. Fknf, application nuti itti feenu mobaayila keenya waliin waliigalanii akka hojjatan godha.

Android operating system kan biroo irraa maaltu adda godhee mobaayila irratti akka beekamtii cimaa argatu taasise? Akkamiin jalqabe?

Bara 2003 dura warri mobaayila oomishan operating system dhuunfaa dhuunfaa isaanii waan qabaniif operating system waltaawaa uumuuf rakkisaa ture. Haa ta’uu malee operating system wal fakkaataa uumuun barbaachisaa ta’uusaa ni amanu ture.

Haaluma kanaan bara 2012 tti kaampaanii hedduun walitti dhufuun dhaabbata operating system tokko qabaatu hundeessan.

Namichi Andy Rubin jedhamu bara 2003 ‘android corporation‘ hundeesse. Bara 2005 kaampaaniin Google ‘android corporation’ kana bituun Andy Rubin itti gaafatamaa godhee muude.

Jalqaba irratti android OS kun kan dalagame kaameeraadhaaf ture. Moggaasni android immoo maqaa masoo Andy Rubin ture. Bara 2008 mobaayilli maqaan isaa HTC jedhamu yeroo jalqabaaf Android OS ofirratti fe’atee gabaarra oole. itti fufees fooyyee (version) garaagaraa maqaa adda addaan mobaayila irratti hojiirra ooluun gabaa addunyaa irratti babal’ate.

Haaluma kanaan maqaan version isaa: jalqaba irraa hanga har’aatti kan asii gadiiti.

  • Cupcake (1.5v)
  • Eclair (2.1v)
  • Gingerbread (2.3v)
  • Icecream sandwitch (4.0v)
  • Kitkat (4.4v)
  • Lollipop (5.0v)
  • Marshmallow (6.0v)
  • Orio (8.0v)
Android version baay’etu jira.

Android operating system kun fayyadamuuf mijataa fi hawwataa akkasumas tajaajila ijoo ta’an kennuu waan danda’uuf addunyaa irratti jaallatamummaa guddaa argachuun beekame. Yeroo ammaa kana namoonni addunyaa kanaa harki caalu mobaayila android fayyadamuu irratti argamu. Sirni dalagaa Android kun mobaayila harkaa, tablet fi sa’aatii smart ta’an irratti tajaajila kennaa jira.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time