Youtube irraa Vidiyoo download gochuuf Software filatamoo 3

Vidiyoo youtube akka feenetti daawwachuu ni dandeenya, garuu kallattiin akka barbaannetti buufachuu hin dandeenyu. Dirqama addatti sooftweerii nu tajaajilan kan biroo faayyadamuu qabna ykn online irratti marsaariitii vidiyoo download godhan gargaaramuu qabna.

Vidiyoo download gochuuf kan gargaaran Sooftweeronni hedduun ni jiru. Sooftweeronni kunneen baay’een isaanii bilisaan kan argaman yoo ta’u kanneen kafaltii barbaadaniis ni jiru.

Maxxansa kana keessatti Laptopi ykn Kompiitara irratti sooftweerota filatamoo youtube irraa vidiyoo buusuuf gargaaran 3 ilaalla. akkasuma akkaataa itti faayyadama isaanitiis ni ilaalla.

A. Internet Download Manager (IDM)

Sooftweeriin kun vidiyoo youtube irraa buusuuf baay’ee filatamaadha. Vidiyoo qofa miti, faayiloota gosa garaa garaatiis nuuf buusa. Haa ta’u malee sooftweerri kun bilisaan hin argamu. Akka oomisha sooftweerichaatti guyyaa 30 qofa bilisaan faayyadamuu dandeenya. Kanaafuu kafaltii inni gaafatu kafaluuf fedha yoo hin qabaanne guyyaa 30 faayyadamnee haquu ykn crack gochuun itti fufiinsaan faayyadamuu dandeenya. Crack gochuu jechuun osoo hin bitin akka waan binneetti faayyadamuu jechuudha.

IDM kompiitara keessan irratti fe’uuf:

  1. Jalqaba sooftweera IDM liinkii itti aanurraa buufadhaa https://www.internetdownloadmanager.com/
  2. Zip file isaa banuun extract godhaa
  3. Setup kan jettu tuqaa
  4. idman615 kan jedhu banaa
  5. Accept kan jettu filadhaa
  6. Installation process isaa hamma xumurutti next godhaa.

Akkamiin crack gochuun akka danda’amu Youtube irratti search gochuudhan argachuun ni danda’ama.

IDM faayyadamuun vidiyoo youtube irraa buufachuuf:

1. Youtube seenaa
2. Vidiyoo buufachuu barbaaddan search gochuun filadhaa
3. Vidiyoo buufachuu feetan sana play godhaa. Vidiyoo sana gara olii gama harka mirgaan ‘dowload video’ kan jedhu filadhaa.
4. Akka guddina vidiyochaa fi saffisa internetii irratti hunda’uun yeroo murtaa’e keessatti download isiniif ta’a.
5. Download godhee yoo xumuru isin beeksisa. Vidiyoo sanas folder kompiitaraa ‘Dowloads’ jedhu keessa isiniif kaa’a.

B. Free download manager(FDM)

FDM sooftweera vidiyoo youtube irraa buufachuuf gargaaru yoo ta’u daangaa malee bilisaan itti faayyadamuu ni dandeenya. Dabalees faayiloota torrent (.torrent) nuuf buusuu ni danda’a.

Sooftweera FDM marsaariitii http://www.freedownloadmanager.com irraa kallattiidhaan version barbaanne buufachuu ni dandeenya. Sooftweerri kun faayyadamnisaa IDM waliin wal fakkaataadha. Download ta’ee yoo xumuru akkuma IDM’tti install gochuu dandeenya, akkasumas vidiyoo buufachuuf youtube irraa vidiyoo barbaanne sana play yoo goonu fiixee gara bitaa irra ‘Dowload’ kan jedhu cuqaasuun buufachuu dandeenya. Yoo download ta’ee xumuramu nu beeksisa, folder ‘Dowloads’ jedhu keessaa vidiyocha argachuu dandeenya.

C. XiloSoft Youtube Downloader

Sooftweerri kun vidiyoo youtube irraa buusuu qofaaf kan tajaajilu yoo ta’u bilisaan argachuu dandeenya. Sooftweera kana interneetii irraa buufachuun tartiiba armaan olitti caqasne hordofuun install gochuu ni dandeessu. Liinkii isaa, http://www.xilisoft.com/download-youtube-video.html

Desktop keenyarratti ‘XiloSoft Youtube downloader’ kana shortcut kaawwachuu ni dandeessu yookiinis All program seenuun banachuu ni dandeessu. 

Vidiyoo buufachuuf sooftweericha seenuun viidiyoo barbaaddan search gochuun play yoo gootan gara oliitin mallattooleen garaa garaa ni jiru. Isaan keessaa jalqaba irratti kan argamtu mallattoo xiyya asii gadi galagaltee jirtu (mallattoo download) cuqaasuun download gochuu ni dandeessu. vidiyochi download ta’ee yoo xumuramu isin beeksisa, vidiyoo baay’ee altokkotti buufachuus ni dandeessu.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time