Maloota 5 faayila kompiitara irraa bade deebisnee ittiin argannu

Faayilli kompiitara keenya irraa haala garaagaraan baduu danda’a. Akkasumas dogoggoraan faayila barbaachisaa ta’e balleessuu dandeenya. Faayila akka tasaa bade argachuuf maloota shan isiniif dhiyeessineerra.

1. Recycle bin keessa check gochuu

Kompiitara kamirraayyuu faayiloonni badan recycle keessa taa’u. Faayilli tokko permanently delete hin taane yoo ta’e, as keessaa argachuu dandeessu jechuudha. Faayilicha Restore gochuun akkuma duraatti itti fayyadamuun ni danda’ama.

2. File history turn on gochuu

Dursa file history ‘on’ gochuu barbaachisa. Kana booda faayila akka tasaa bade tokko ‘Restore files with file history’ jechuun barbaaduun faayilichi yoo argitan Restore gochuun faayyadamuu dandeessu.

3. Backup faayyadamuu 

Jalqaba irratti of-eeggannoodhaf faayila barbaachisoo ta’an backup gootu. Kana booda faayila akka tasaa bade argachuuf: Control panel > System & Maintenance > Backup & Restore kan jedhu seenuun faayila tasa bade deebifachuu ni dandeessu.

4. Software qaama sadaffaa fayyadamuu

Software faayila bade nuuf deebisan hedduun ni jiru. Salphaadhumatti ‘Windows file recovery’ jechuun google irra barbaaddanii kan fedha keessanii buufachuun itti gargaaramuu dandeessu.

5. Previous version/haaromsa duraa/ keessa check gochuu 

Yeroo tokko tokko faayiloonni kompiitara irra jiran Windows yeroo haaromsuuf jennu ofumaa isaaniitiin backup of godhu. Kanaaf faayilli tasa bade version duraa keessa jiraachuun ni mala.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time