Barnoota Telegram kutaa 5ffaa – waa’ee Bot baradhu

Barnoota Telegram kutaa 5ffaa kana keessatti kan ilaallu:

  • Maalummaa ‘Bot’
  • Faayidaa isaa
  • Akkaataa itti ‘Bot’ dhuunfaa keenyaa uummachuu dandeenyu.

Bot jechuun gabaabumatti qaama sadaffaa Telegramaa fi  fayyadamtoota telegraamaa jidduu kan dalagu jechuudha. Bot kanaas Robot jennee waamuu akka dandeenyu kutaa 4ffaa keessatti ilaallee turre.

Robot jechuun waan barbaadame yeroo barbaadametti akka ajajametti kan hojjachuu danda’u jechuudha. Akkasuma Bot telegramaa yeroo barbaadametti waan barbaadame akka ajajni itti kennametti hojjachuu kan danda’uudha. 

Bot gosa hedduutu jiru, hunduu faayidaa garaa garaa qabu. tajaajila bot kennu keessaa muraasni kan armaan gadiiti.

  • Youtube irra osoo dhaqin telegraamaan vidiyoo barbaaddan akkasumas sagalee isaa qofa buufachuu ni dandeessu.
  • Appii playstore irra kan jiran dabalatee website kamirraayyuu telegramaan barbaaddanii argachuu fi buufachuu ni dandeessu.
  • Appii ykn website irra osoo hin dhaqin barreeffamoota barbaaddan afaan gara garaatti jijjirrachuu dandeessu.
  • Faayyadamaa twitter ykn instagram yoo taatan achi dhaquun isin hin barbaachisu Bot irraa argachuu dandeessu.
  • Namoonni chaanaala telegramaa qabdan channel keessan irratti bot qacaruun wanta inni isiniif hojjatu erga guuttaniifii booda dhaabbii tokko malee halkanii guyyaa hojjachiifachuu dandeessu.

Faayidaan bot kana qofa miti. Bot faayidaa gurguddaa qaban heddduun ni jiru. Kutaalee itti aanan keessatti tokko tokkoon bot kanaa fi akkaataa faayyadama isaa kan ilaallu ta’a.

Garaa garummaa Namaa fi Bot Telegraamaa

Bot’n yeroo tokkoon namoota boticha faayyadaman kan kumaatamaan lakkaa’aman keessummessuu danda’a, namni tokko garuu altokkotti nama tokko caalaa keessummeessuu hin danda’u. Dabaree dabareedhaan yoo ta’e malee

Bot tokko erga hundaa’ee sarara irra oola, yeroo hundaa halkanis guyyaas, hin rafu hin dadhabus. Bot’n yoo foormi barbaachisu itti guutaniif namoota kumaatamaan lakkaa’aman sana hunda maqaa waamuudhaan keessummessuu danda’a.

Garee/Group fi chaanaala keessatti namoota wanta hin barbaadamne dalagan to’annaa jala oolchuu danda’a. Bot’n kamuu xumurri isaa jecha “bot” jedhuun xumurama, kan telegramni ofumaan hojjate tokko tokko garuu jecha ‘bot’ jedhuun kan hin xumuramne jiru.

Akkaataa Bot dhuunfaa keenyaa itti hojjachuu dandeenyu

Bot jajjabaa dhuunfaa keessanii hojjechuudhaaf dandeettii programming isin gaafata, garuu dandeettii addaa tokko malee botiilee sasalphoo hojjechuun ni danda’ama. 

Bot jabaas ta’ee salphaa karaa ittiin jalqabattaan kan armaan gadiiti:

1. Jalqaba t.me/BotFather seenuun start godhaa.
2. Filannoowwan jiran keessaa kan /new bot jedhu tuqaa.
3. Maqaa botii keessanii itti ergaa.
4. Username bot keessanii itti ergaa, akkuma olitti ibsame “bot” jecha jedhuun xumuuramuu qaba. Username isin itti ergitan kana dura hojiirra oolee jira yoo ta’e hin fudhatamu, kanaafuu haaraa itti ergitu. (Fkn, maqaakeebot)
5. Xumuramee jira. Bot keessan bu’uureffattan jechuudha, barreeffama gubbaarra jiru kan t.me/…. jedhee itti fufu sana tuqxuu booda start gootu.

Kana jechuun ammoo bot’n keessan ni bu’uureffame malee wanta hunda guuttatte jechuu miti.

Bot bu’ureeffattan kana tajaajila garaa garaaf faayyadamuu ni dandeessu. Fakkeenyaaf bot keessan fayyadamtanii namoota waliin haasawuu fi yaada irraa funaannachuuf stepi armaan gadii sirnaan hordofaa:

1. Bot t.me/livegrambot seenuun start godhaa.
2. Commandi isa /addbot jedhu tuqaa.
3. Gara bot isa jalqaba bot keessan ittiin banattan t.me/botfather bira deemaa.
4. Start erga gootanii booda isa /mybot jedhu tuqaa.
5. Itti fufuun bot keessan gadi erga tuqxanii isa ‘Api token’ jedhu tuquun koodii bifa kanaan jiru [800820105:AF8rId4d_3WNkh79dzAGtpgLk250] sana copy godhaa.
6. Itti aansuu gara t.me/livegrambot deebi’uun paste irratti godhaa.

Yeroo kanatti Bot’n keessan hojii eegalee jira jechuudha. Bot kana faayyadamuun namni fedhe ergaa isin qaqqabsiisuu ni danda’a. isiniis deebii barbaachisaa ta’e deebisuufii ni dandeessu.

Faayidaan bot akkanaa gurguddoon:

  • Eenyummaan keessan osoo hin beekamin nama waliin haasawuu isin dandeessisa.
  • Yaadaa fi gaaffii chaanaala ykn Garee keessaniif namoota hedduu irraa funaanachuuf.
  • Garee keessatti ittiin haasawuuf.
  • Faayyadamtoota Bot keessaniif ergaa erguuf.
  • Namoonti hedduun yeroo tokkotti yaada yoo isinii kennan Galatoomaa ittiin jechuun ulfaataadha. Garuu bot kanaan namootni hanga fedhe baay’atuus altokkotti walfaana Galatomaa jechuu ni dandeessu.

Kutaa 6ffaan itti fufa…

2 Comments
  1. Anas says

    Baay’ee namatti tola Akkanumatti itti fufi.

    Allah with you

    1. abdulwasi says

      Galatoomi

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time