Flash disk faayila fudhachuu fi copy gochuu dide sirreessuuf

Flash disk kankee yoo siif hojjachuu dide akkam goota? Ni gatta moo ogeessa bira geessita?

Flash disk faayila fudhachuu fi copy gochuu dide kompiitara ykn Laptop kee faayyadamuun sirreessuu ni dandeessa. stepi shanan armaan gadii sirnaan raawwadhu.

Step 1: Jalqaba keyboard kee irraa “Win+R” walduukaa tuqi. Saanduqa dhuferratti ‘cmd’ jedhii barreessi. Kana booda screen gurraacha (DOs) siif banama. karaa biraan search box irratti kallattiidhumaan CMD jechuun barreessi, isa booda Enter tuqi.

Step 2: Screen gurraacha sanarratti ‘diskpart’ jettee barreessuun Enter tuqi.

Step 3: Itti fufuun ‘list disk’ jettee barreessuun enter tuqi. Kana booda disk computer keerra jiru hunda siif fida. isaan keessaa Flash drive kee isa kam akka tahe adda baafadhu.

Step 4: Erga adda bafattee lakkoofsa flash disk kee irra jiru filachuun ‘select disk__’ (fknf: lakkoofsi flash disk kee 2 yoo ta’e ‘select disk 2’) barreessuun enter tuqi.

Step 5: Amma step dhumarraa geesseetta. Furmatni isaa readonly jedhee isa data fudhachuu didu ballessuudha waan taheef ‘Input attributes disk clear readonly’ kan jedhu tuquun enter godhi. kana booda flash kee ni sirraaha, faayila kennuus fudhachuus ni danda’a.

4 Comments
  1. maykel says

    yaada gaarrifi barsiisa ta’ee nuu qoodu keef galatoomii !
    ammaas yaada dabalata nuuf qoodii!

    1. abdulwasi says

      Galatoomi Lammii

  2. Isiyak says

    Akkamiin waliin hojjechuu dandeenya?

    1. abdulwasi says

      Lakkoofsa kee nuuf kaayi

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time