Youtube seera haaraya baasen Gibira 24% isinirraa sassaaba jedha

Dhaabbanni Google hojjattoota Youtube irraa kan Ameerikaan ala jiranirraa TAX (Gibira) sassaabuf deema. Google dhaabbata Ameerikaa guddaa yemmuu ta’u tajaajiloota hedduu kenna. Tajaajila isaa keessa tokko Youtube dha. kana dura Google gibira (Tax) kan sassaabu warreen Ameerikaa keessa taa’anii Youtube irra hojjatan qofarraa ture.

Amma garuu Mootummaan haaraan dhimma gibiraa ilaalchisee Google waan gaafateef, Google’s ajaja kana guutuf jecha Addunyaa guutuu irraa warreen Youtube waliin hojjatan Gibira akka kafalan nan taasisaa jedha.

Gibirri sassaabamu kuniis hanga 24% gaha. Gibirri kun akka siif hir’atu, ykn yeroo tokko tokko osoo hin kafalin hafuuf hanga May 31,2021tti foormii gibiraa sirraa barbaadamu galchuu qabda. (yeroo tokko tokko osoo hin kafalin hafuu jechuun hordoftoota Ameerikaa irraa yoo hin qabaatin jechuudha).

Yoo foormii sirraa barbaadamu guuttee submit goote, Hordoftoota Ameerikaa qofaarraa Galii argattu 24% sirraa murama. Fakkeenya; Ati baatii March kana 100$ Ameerikaa irraa argatte yoo tahe, kanarraa 24$ sirraa murama. kan biyyoota biroo sirraa hin muramu.

Yoo osoo foormii hin guutin hafte Galii biyya hundaa (worldwide) argattu irraa 24% dirqamaan sirraa murama. kana jechuun 100$ dalagde yoo tahe 76$ si gaha. 500$ dalagde yoo tahe 380$ si gaha. Kanaafuu; dhimmi Gibiraa kun hanga May 31tti waan turuuf (Baatii 2 fi walakkaa) Yeroo kana keessatti hanga danda’ameen foormii sirraa barbadamu submit akka gootu si gorsina.

Foormii guutuf ‘Adsense > Payments‘ sarara jalqabaa irratti siif rarraafamee jira. (Fkn, suuraa sii gadiitin argatta)

Adsense > Payments
  • Erga yeroo tokko submit gootee irra deebin waan hin jirreef dursa waan sirraa barbaadamu hunda qalbeeffadhu.

Hubannoodhaf: Youtube maamiloota isaa (creators) ta’aniin duraanuu maallaqa argamu irraa gargar godhata. Youtube 45% fudhataa Ati 55% fudhatta. Kuni haaraya mitii waan baramaadha. Guyyaa Youtube irra hojjachuu eegaltu walii galtee (agreement) siif dhihaatee akka mallatteessitu si gaafatu. Ati har’a nama Youtube irraa galii argatu yoo taate sanada walii galtee siif dhihaate sana beektetiis haa tahuu osoo hin beekin mallatteessitee jirta.

Youtube Galii Ati argattu irraa 45% fudhachuun ni malaafi? gaaffii jedhuuf akka keenyatti ni malaaf Sababni isaa sihiifi Abbootii qabeenyaa (warra beeksisa raabsu) kan walitti fide Youtube dha. Youtube jechuun immoo website/App salphaa tahe tokkoo miti. Hojjattoota hedduus of keessaa qaba.

Maallaqa Ati hojjattu hunda Youtube kee (Analytics) keessatti arguu dandeessa. Garuu namoota biroo agarsiisu seerri Youtube ni dhorka. yoo barbaadde kan si gahu 55% qofa nama agarsiisi siin jedha. Kanaafi yeroo hedduu maallaqa Youtube muratu malee kan siif hafe Hojjatte jedhamtee ilaalamta, Atiis hangasuma hojjadhe jetta.

Gibira kanaan booda Dhugaa jiru:

Maallaqa Ati carraaqxee argattu keessaa Youtube waliin gargar godhattan yoo jenne, kana irratti gibirri haaraya dabalame yoo ta’e, Fkn, 100$ yoo hojjatte 55% fi 26% sirraa muramnaan kan si gahu 29$ qofaadha. Kuni Channel gurguddaa irratti dhiibbaa uumuu baatus, Channel xixiqqaa irratti hedduu dhiibbaa qaba.

6 Comments
  1. Ahmed says

    Kan monetize hin taane hoo mal gochu qaba

    1. abdulwasi says

      Ammaaf Dirqamaa miti ta’a.

  2. Ramadan says

    Yaadeessadha

  3. Chala says

    An kankoo monitize hin taanee kanaaf warraa akka anaaf maaltu fala ree please reply to me

    1. abdulwasi says

      Ammaaf yaachisaa miti.

  4. MAMISHA umar says

    Jabadha lammii koo

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time