Bilbila siif bilbilamu osoo harkaan hin tuqin kaasuf

Bilbila siif bilbalamu osoo harkaan Mobaayila hin tuqin kaasuf sababootni si barbaachisan hedduun jiraachuu danda’u. Fakkeenyaf; Yeroo harki kee lameen hojii qabee jiru, Yeroo konkolaataa ykn saayikila oofaa jirtu, yeroo Tapha taphachuuf ‘Playstation Hand’ harkaan qabattee jirtu fi Kkf.. Sababa fedhe haa tahuu yeroon Ati osoo Mobaayila hin tuqin bilbila bilbilamaa jiru itti kaasuu barbaaddu jiraachuu danda’a.

Garuu, bilbila kaafame kan keessummeessuu qabu sihiidha. Kana jechuun wanti kun Maashina ofiin nama keessummeessu ‘Automatic Answer Machine’ jechuu miti. Bilbila siif bilbilamaa jiru, Ati osoo qubaan/harkaan Mobaayila hin tuqne siif kaafama. Nama bilbile sana keessummeessuun sirra jiraata jechuudha.

Malli kun Mobaayiloota hedduu irratti dabalamee waan dhufuuf ‘Setting’ keessatti argachuun ni danda’ama. Kanneen mobaayilli keessan hin qabne Aappii ‘MotoAnswer’ jedhamu buufattanii itti faayyadamuu qabdu.

  • 1. Setting Mobaayilaa faayyadamuun akkamitti bilbila siif bilbilamu osoo harkaan hin tuqin kaasuu akka dandeessu. (Mala kana bilbila hunda irratti argachuun hin danda’amu. kanaafuu; dursa mala tokkoffaa kana yaaluun, yoo hin argatin mala lammaffaa gargaarami).

Setting > Apps > Tuqaa sadeen mirgarraa tuqi > Show system apps > Call Settings > Auto-Answer call kan jedhu bani. itti aansun akka bilbilli bilbilamuu eegaleen turtii sakandii meeqa booda akka ofumaaf kaafamu ni sirreeffatta. Turtii isaa sakandii 3, hanga 15 jidduu godhachuu dandeessa. bilbilli bilbilamu osoo hin turin dafee akka kaafamuuf sakandii 3 irra yoo godhatte gaarii taha.

Bifa kanaan argachuu yoo dandeessan ‘App’ buufachuun isin hin barbaachisu.

Bilbila Android tokko tokko irratti bifa itti aanu kanaan argama. Setting > Accessibility > Interaction and dexterity > Answering and ending calls > Answer automatically kan jedhu bani. yoo turtii itti kaafamu fooyyeessuu barbaadde ‘Answer automatically’ irratti tuqii sakandii 2, 5, fi 10 keessaa filadhu. ykn ‘Customize’ kan jedhu tuqii sakandii hanga feete itti galchi. Kana booda bilbilli siif bilbilamu kamuu ofumaan kaafamaa, Ati dubbisuu qofaaf itti qophaahuu qabda.

  • 2. Aappii faayyadamuun akkamitti bilbila siif bilbilamu osoo harkaan hin tuqin kaasuu akka dandeessu. karaan kun qaama sadaffaa (App) waan nu barbaachisuuf mobaayila hunda irratti bifa jedhamuun ni hojjata. Garuu guyyaan tokkotti bilbila yeroo 4 siif bilbilamu ofumaan akka kaafamu gochuu dandeessa. yeroo 4 caalaa yoo barbaadde Aappii kana kafaltiidhan ‘Upgrade” gochuun itti gargaaramuu dandeessa.

Dursa ‘MotoAnswer‘ buufadhuu bani, Mallattooo Setting tuqi

  • Filannoo jalaqabaa banaa yoo goote, bilbila siif bilbilamu ofumaaf akka kaafamu eeyyamteef jechuudha.
  • Filannoo lammaffaa banaa yoo goote, bilbilli akka kaafameen ofumaaf ‘Loud Speaker’ taha. Meetira muraasa mobaayila irraa fagaattee yoo jiratte, akkuma kaafameen ‘Loud’ waan tahuuf fageenya irraa nama sana dubbisuuf si gargaara.
  • Filannoo sadaffaa banaa yoo goote, bilbiloota addaa maalummaan isaanii hin beekamne osoo hin kaasin hafa.
  • Filannoo afraffaa banaa yoo goote, Lakkoofsa namoota barbaadde filachuun akka ofumaan hin kaafamne dhorkuu dandeessa. Lakkoofsa baay’ee itti galchuuf jidduu isaanitti mallattoo qoodduu “,” gargaaramta.

‘MotoAnswer’ hojjachuu akka eegaluuf fuula jalqabaa irratti yemmuu deebite ‘ENABLE’ kan jedhu tuquu hin dagatin.

DABALATA: faayyadamtoonni mobaayila iphone Mala kana ‘Setting’ bilbila keessanii keessatti argachuu ni dandeessu. kan gochuuf; Setting > Accessibility > Call Audio Routing > Auto-Answer Calls kan jedhu banaa tasisuun. bilbila isiniif bilbilamu kamuu ofumaan akka kaafamu gochuun ni danda’ama. Fkn; suuraa asii gadii irraa hubadhaa.

Bilbila keenya osoo namatti hin kennin dura waan beekuu qabnu https://oromiasamsung.com/bilbila-keenya-osoo-namatti-hin-kennin-dura-waan-beekuu-qabnu/

2 Comments
  1. masoom ladka says

    Guddaa galatoomi

  2. Anawaar jamaal says

    Barnoonni isin nu barsiisaa jirtan gaaridha garuu an gaafii qaba waa’ee teknoolojii kanarratti
    1.akkammitti suurafii viidiyoon yoo na jalaa bade deebisuu danda’a?
    2.akkamitti kompitaraan passwordii bilbilaa balleessun danda’ama ?
    3.akkamitti networkii bilbilaa kan rigestor feild jedhe akkamitti sirreessina ? Kan tachii fii bilbila batanii jechuudha
    4.akkamitti programin bilbilaa yoo nu jalaa badee fe’achuun danda’ama

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time