Telegram ji’a tokko keessatti faayyadamtoota miliyoona 400 caalaa argate

Fayyadamtoonni ji’aanii (monthly) Teelegiraamii miiliyoona 400 caaluun isaa himame. ቴሌግራም በወር 400 ሚሊየን ንቁ ተጠቃሚዎችን አገኝቷል

Akka dhaabbanni Teelegiraamii beeksisetti fayyadamtoonni isaa ji’aanii ammaan tana miiliyoona 400 caaluu ibseera. Yeroo dhiyoottis qabiyyee isaa kanaan duraa irratti wantoota haaraya tokko tokko akka dabalu ni eegama. Dhaabbatichi bara 2022’tti faayyadamtoota biiliyoona 1 argachuuf akka hojjechaa jiru kaa’eera. 

Bifuma wal-fakkaatun faayyadamtoonni Teelegiraamii Itoophiyaa keessattis baay’ee dabalaa jira. Biyyoota faayyadamtoota hedduu qaban keessaas tokko akka taate ni dubbatamaaf, tilmaamaaan fayyadamtoonni miiliyoona 1 ol ta’an biyya keenya kana keessatti argamu.

Kanaan dura Manneen hojii mootummaa Teelegiraamii irratti sosochii hin taasisne ture, amma garuu miidiyaaleen, namoonni beekamoon fi dhaabbileen adda addaa baay’inaan Telegram faayyadamaa jiru. 

Ammaan tana sababa rakkoo weerarri Vaayirasii Koroonaa fideef jecha biyyoonni tokko tokko manneen barnootaa barattoota isaanii karaa kana barsiisaa jiru (Itoophiyaa miti).

Sababaalee Telegram jaallatamummaa argateef muraasa:-

  • Warreen kaan caalaatti nageenyi isaa kan eegamedha.
  • Baasii baay’ee nama hin baasisu, akka salphaatti tajaajila kenna.
  • Bakka mantagoon (network) dadhabaa ta’ettiis faayyadamuuf nama hin rakkisu.
  • Namni kamiiyyuu fedhasaan alatti ergaa fudhachuu hin danda’u, ergaa fudhachuuf fedha yoo qabaate qofa ergicha fudhata.
  • Carraan faayyadamtoonni walii walii isaanii wal arrabsan baay’ee gadi bu’aadha, fedhasaaniin kara garee fi kara chaanaalaatti yoo galan malee.
  • Faayiloota adda addaafi baay’ee gurguddaa tahan erguu nama dandeessisa.

Maxxansa Technology biroof Subscribe nu godhaa

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time