Oduu addaa: Google Adsense Baankii western union waliin hojjachuu dhaabe

Waggoota hedduuf maallaqa ‘Google Adsense’ keessaa baasuf karaan filatamaan Baankii ‘western union’ jedhamu ture. Garuu amma August 10, 2020 irraa eegalee sababaa dhibee koroonaatif walii galtee waan diiganiif Maallaqa Adsense keessaa baasuf karaa biroo gargaaramuun dirqama tahee jira. Akka addunyaa guututti namoota youtube irra hojjatan keessaa harki caalu karaa baankii western union jedhamu kanaan maallaqa kaashii argatu turan. Akka biyya keenyatti namoonni Youtube irra hojjatan guutumaa guututti bifa jedhamuun western union faayyadamu turan.

Western union maalif filatamaa ta’ee ture?

Western union kan filatamaa ta’eef baankii addunyaati. akkasuma baankii guddaafi beekamaa waan taheefidha. Maallaqa siif ergamu baasuf Ati dirqama mana baankichatti galmaa’uu ykn Lakkoofsa herreegaa qabaachun sirra hin jiraatu. dhaabbata Google waliinis sirritti waan walbeekaniif Namoonni maallaqa isaanii baasuf kara baankii kana qajeelan rakkoon tokko osoo isaan hin mudatne tajaajila argatu turan

Amma Furmaatni jiru maali?

Amma warreen accountii Adsense kan ture qabdaniifi kana dura karaa western union kanaan maallaqa argachaa turtan Hanga dhuma bara 2020tti carraa ni qabdu. Hanga barri kun dhumu maallaqni keessan akkuma duraanitti isin gayuu danda’a jechuudha.
warreen Adsense haaraya qabaniifi kan yeroo tokkollee maallaqa hin baasin ammarraa gara filannoo biroo jirutti cee’un dirqama. inniis:

Accountii Baankii biyya keessaa qabaachuu (Local Bank Account in US Dollar currency)

Qabxiilee asii gadii qalbeeeffadhaa:

  • Accountii baankii biyya keessaa banachuuf kara mana baankii naannoo kee jirutti qajeelun sirra jiraata.
  • Baankii biyya keessa jirtutti beekamaa tahe yoo ta’e gaaridha.
  • Accountii Baankii CHEKING ykn SAVINGS jedhii gaafadhu. (mana baankii hunda argachuun ni danda’ama)
  • Accountii baankii currency biyya alaa fudhachuu danda’u jechuunii qabda. FKN, kan Dallar ($) qeebaluu danda’u.

Accountii Baankii baname Adsense keessatti guutuf:

Adsense > Payments > Manage Payment Methods > Add payment Method > Add new wire transfer details itti aansun maalummaa accountii baankii keetii si gaafataa, itti guutta. FKN, Name on bank account, Bank name, SWIFT BIC, IBAN dhuma irratti SAVE goota.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time