Youtube irratti Copyright akkamitti akka hojjatu bari

Copyright maali? Gabaabumatti copyright waan namoota biroo eeyyama isaanii malee fuutee kan faayyadamtuudha. faallaa kanaatin namootni biroo waan kankee fuudhanii yoo itti faayyadaman copyright jedhama.

Copyright waantonni ta’an maalidha? Vidiyoo fiilmii adda addaa, sagalee ykn sirba weellistootaa, suuraalee google fi website adda addaa irra jiraniidha. kanaa qofaa miti Taphni (Game) copyright ta’uu ni danda’a. akkasuma barruuleen copyright tahuu ni dandaa’a.

Osomoo jennuu copyright waan gaaridha: sihiis ni tiksaa namoota birootis ni tiksa. Ati namoota hin hatinii namoonni si hin hatan. yoo ammoo si hatan seeran gaafachuu ni dandeessa.

Ati Youtube irratti vidiyoo ykn sirba namoota biroo eeyyama isaanii malee jalaa fuute vidiyoo kankee keessa hin galchin, yoo kan galchitu ta’e kan murteessuu Abbaa jalaa fuute sana waan taheef rakkoo sitti dhufu hunda danda’uun sirra jiraata. Yeroo ammaa dhimma copyright irratti Youtube seera jajjabaa qaba.

Fkn1, Ati vidiyoo tokko eeyyama nama sanaa malee download gootee vidiyoo kankee keessa yoo galchite, gurbichi ammoo argee siif eeyyamuu yoo dide galiin vidiyoo sana irraa argattu guututti sirraa fuudhamee abbichaaf geeffama.
Fkn2, online irratti filmiiwwan adda addaa baay’inaan ni gurguramu kanneen filmii gurguran keessaa NETFLIX fi SHAHID yoo ilaalle, Ati isaan bira deemtee ji’aan qarshii kafalteeefi filmii isaanii ni daaw’atta taha. Garuu filmii isaan dabarsitee bakka biraatti agarsiisuu hin dandeessu. Youtube irratti kan agarsiiftu yoo tahe Galiin vidiyoo sanaa guututti sirraa fuudhamee jaraaf ergama.

Rakkoo dabalataa copyright qabu keessaa vidiyoon kee hidhamuu danda’a (biyya muraasa keessatti ilaalamuu) ykn tasuma block godhamuus ni danda’a. guutuu guututti haqamuus ni danda’a. Hanga chaanaala kee irra rakkoo geessisuutti deemus ni danda’a.

Sirboonni haaraya bahan yeroo sanatti copyright tahuu dhiisuu danda’u garuu adeemsa keessa copyright tahuu waan danda’aniif dursanii irraa fagaachun barbaachisaadha. sirba kamuu ati vidiyoo kankee keessaa galchuu dhiisun qofti gahaa miti. yogguu vidiyoo waraabdu sagaleen sirbaa si cinaa dhagayamuu hin qabu. sirbi copyright tahe sakandii muraasaf si faana waraabamnaan akka waan faayyadmteetti ilaalamta. kanaaf qulqullina sagalee keetii eeggachuufi background sagalee keetii too’achuun sirra jiraata.

Sirba tokko itti faayyadamuun dura copyright tahuu isaa adda baafachuun ni danda’amaa? Eeyyen ni danda’ama. Liinkii asii gadii banuun bakka search itti godhamu keessatti maqaa weellisaa ykn mata duree sirba sanaa barreessi yoo sirba barbaadde sana kan siif baasu tahe salphamatti kuni copyright dha.
https://www.youtube.com/music_policies?nv=1

Vidiyoo tokko osoo itti hin faayyadmne copyright tahuu beekun ni danda’amaa? Deebii gabaaban vidiyoon kankee hin tahin hundi copyright dha. kanaaf waan nama biroo kajeelun sirra hin jiru. yoo vidiyoo sana faayyadamuun sirratti dirqama tahe abbicha barbaadii eeyyamsiifadhu.

Namoonni youtube irra hojjatan sagalee adda addaa vidiyoo isaanii keessa galchuuf barbaaduu danda’u kanaaf ammoo Youtube Audio Library kan jedhu qopheessee jira. Audio Library kun sagalee itti faayyadamuun eeyyamamu kumaatamaan lakkaayamu of keessaa qaba. salphamatti Liinkii asii gadii irratti tuquun sagalee isinitti tole download gootanii itti faayyadamuu dandeessu.
https://www.youtube.com/audiolibrary/music?nv=1

Dabalataan sagalee itti faayyadamuun eeyyamamu kan biroo argachuuf Youtube irratti No Copyright Audio jettanii yoo barreessitan hedduu argachuun ni danda’ama.

Dhimmi copyright kana qofaa miti. Nuti kan youtube dhiheessuu filanne waan ta’eef kan yeroo hedduu nama rakkisu kan sagalee fi vidiyoo ifa goonee jirra. suuraaleen Google irraa buufnee vidiyoo keenya keessa galchinuus copyright tahuu danda’u. Kanaaf akkamitti suuraa itti faayyadamuun eeyyamamu argachuun akka dandaa’amu yeroo dhiyootti ni dhiheessina.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time