Bilbilli sababa lama qofaaf network dalaguu dida Sababoota akkamiiti? Akkamittis adda baasna?

Biblilli keenya sababoota lamaaf mantagoo (Network) nuuf hojjechuu diduu danda’a. Isaanis: Hardware problem fi Software problem jedhamu.

Mallattoolee rakkoo Hardware  ta’uu isaa nutti mul’isan:

  • No SIM-Card (osoo kaardiin SIM keessa jiruu)
  • Insert SIM-Card (osoo kaardiin SIM keessa jiruu)
  • No service (osoo kaardiin SIM keessa jiruu)

Biblilli keessan mallattoolee kanneen kanaan olitti tarreeffaman kan agarsiisu yoo ta’e rakkoo hardware’dha waan ta’eef gara mana suphaatti geessuu qabna.

Mallattoolee rakkoo Software  ta’uu isaa nutti mul’isan:

  • Emergency
  • Network Locked 
  • Unknown SIM
  • Invalid SIM
  • Invalid IMEI
  • Incomplete IMEI

Bilbilli keessan mallattoolee kanneen kanaan olitti tarreeffaman kan agarsiisu yoo ta’e rakkoo software’dha waan ta’eef IMEI Repair gochuudhaan sirraahuu danda’a. 

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time