Mobaayilli Huawei Rakkoof Saaxilamaa jira

Mobaayila Huawei qabduu?
Mobaayila Huawei ilaalchisee Murtee Ameerikaan tibbana baasaa jirtu dhiibbaa isinirraan gahuutu mala. Yoo faayyadamtoota Mobaayila Huawei taatan haala amma deemaa jiruun YouTube, Play Store, Gmail, Maps fi kanneen biroo dhabuu dandeessu.

Tibbana wal dhabdee Daldalaa Ameerikaafii Chaayinaa jiddutti mudateen Kaampaaniin Huawei rakkoof saaxilamaa jiraachun beekame. Mootummaan Ameerikaa Chaayinaan Mobaayila Huawei basaasaf itti faayyadamti jechuun yogguu yakku garuu kaampaanin Huawei “Maqaa balleessii” jechuun haalee jira.

Addunyaa irraa Namoonni walakkaa biliyoonaa ol ta’an Mobaayila Huawei faayyadamu. Moobayilli Huawei ammoo Siistema Android jedhamuun hojjata. Android ammoo kan Google yommuu ta’u Google ammoo kan Ameerikaati.

Tiramp ajaja dhiyoo kana dabarseen Mobaayiloonni Huawei Siistema Android akka hin faayyadamne uggura. Dhaabbanni Google-s Ajaja kana hojirra oolchuf jira. Kana booda Mobaayiloonni Huawei bahan Siistema Android hin qabaatan. Yeroo dhiyootti yogguu Siistemni Android haaromfamu Mobaayiloonni Huawei amma jiraniis tajaajila Google kennu argatuuf ni rakkatu. Tajaajiloota Google kennan keessa YouTube, Play Store, Gmail, Maps, Drive, Chrome fi kkf of keessatti kan hammateedha.

Dubbii tana ilaalchisee Hojii gaggeessaan ol’aanaan Kaampaanii Huawei “kanaaf dursinee itti qophaa’aa turre” jechuun faayyadmtoota Huawei-tti abdii hore. Haa ta’uuti Garuu tajaajila Google kennu hunda eeyyama Googiliin ala faayyadamuun waan hin danda’amneef Huawei-n Siistema mataa of danda’e uumuf waan karoorse fakkaata ykn uummatanii lafaa qabu. Garuu kunilleen yoo ta’e YouTube, Play Store, Gmail, Maps fi kkf argachuun hin danda’amu.

Yoo akkuma jedhame Google fi Huawei-n waliin hojjachuu dhiisan Mobaayiloonni Huawei Aappiwwan gurguddaafi beekkamoo ta’an Google dhiheessu ni dhabu. haa ta’uu malee Aappiiwwan Googiliin hin hogganamne bakkoota adda addaatii buufatanii itti faayyadamuu danda’u. Garuu kuni quubsaa waan ta’u hin fakkaatu. San yogguu Siistemni Android Huawei irraa guutumaa guutututti kaafame kan agarru taha. Huawei-niis maalin gadi baha kan jedhu ilaaluf jirra.

Warroonni Ammatti Mobaayila Huawei bituu karoorsitan hanga dubbiin tun dhumni isii baramutti yoo dhiiftan Gaariidha.

Galatoomaa.

2 Comments
  1. Irfaan Hayder says

    haalaan waan gaaridha mee akkamitti emele google bananna?

  2. It’s actually very complicated in this busy life to listen news on Television, thus I just use internet for that purpose, and take the latest news.| а

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time