Wantoota gurguddoo 5 yeroo Bilbila saamsangii bittan adda baasuu qabdan.

Bilbiloonni Saamsangii akka addunyaatti barbaadamummaan isaanii baayyee ol’aanaadha. Akkuma barbaadamummaan isaanii dabalaa adeemu, bilbila Xabboo (Original) fakkeeffamuun bilbiloonni Saamsangii biyya Chaayinaatti dalagamanis baayyee dabalaa adeemu.

Saamsangiin sirna baniinsaa Aandirooyidii (Android operating system) kan Guugilii fayyadama. Koodiin sirna Aandirooyidii immoo namni bilbila fayyadamuu barbaadu kamiiyyuu koodichatti akka faayyadamu waan eeyyamuuf; dhaabbatoonni jeeqoon immoo bilbiloota fakkeessuun (fake phones) oomishan sana gatii baayyee gadi bu’aa ta’een gurguruun gabaa addunyaa jeequ.

Bilbiloota Xabboo (Original phones) warren fakkeeffamanii dalagaman (Fake phones) irraa adda baasuun baayyee nama rakkisa. Garuu, karaalee kanneen fayyadamuun adda baasuun ni danda’ama.

1, Qaama bilbilichaa madaaluudhaan: Bilbilli Saamsangii fakkeeffamee dalagame (Fake Samsung phone):- rakkoo asii gadii qaba.

  • Fuulleen argii (screen) isaa qulqullina hin qabu.
  • Argiin bilbilichaa qarqara isaarraa baayyee fagaata.
  • Ifni Argii (screen) isaa gadi bu’aadha.
  • Loogoon Saamsangii (SAMSUNG isa jedhu) yeroo tuqan ni dimismisaawa, yoo sirriitti tuqan immoo ni gadhiisa.
  • Bilbiloota Xabboo (Original) waliin yeroo wal bira qabdan: haguugduu Baatirii banuun yeroo ilaaltan qaamonni xixiqqoo fi odeeffannoowwan Baatirii irra jiran garaa garaadha.

2, Ariitii Bilbilaa fi dandeettii ajaja raawwachuu madaaluun:

  • Bilbilichaan suura kaasuuf yaalaa; suura bilbiloonni fakkeeffamanii dalagaman kaasan qulqullinni isaa gadi bu’aa ta’a.
  • Yeroo wal fakkaataatti geemotaa fi moosaajota addaa garaa banuuf yoo yaaltan, bilbiloonni fakkeeffamanii dalagaman amala gidduutti dhaabbachuu (stack) qabu.
  • Bilbiloota akkasii yoo cuftanii deebitanii bantan dafanii hin banaman.

3, Odeeffannoowwan oomisha bilbilichaa madaaluudhaan:

  • Baafata jalqabaa deemuun furtuu  ‘Apps’ jedhu cuqaasaa…
  • Baafata moosaajotaa keessaa gara oliitti kan jiru ‘Settings’ kan jedhu cuqaasaa…
  • ‘Settings’ keessaa ‘More’ kan jedhu cuqaasaa, ammammoo ‘Storage’ kan jedhu cuqaasuun qabiyyee bilbilichaa ilaalaa…qabiyyeen bilbiloota fakkeeffaman (fake phones) sanaa kan warra Xabboo irraa gadi bu’aadha.
  • Akkasumas, ‘About device’ cuqaasuun moodela, ‘baseband’ fi ‘build number’ bilbilichaa Guugil irra barbaadaa; deebii isin argattan Xabboo ykn kan fakkeeffame ta’uu isaa isinitti argisiisa.

4, Koodiiwwan Saamsangii fayyadamuudhaan:

  • Bakka itti bilbila bilbiltan (dialer) deemuun koodota kanaa gaditti tarreessine kana galchuun bilbilaa. Bilbilichi koodota kana adda baasuun yoo deebii isiniif kenne Xabboo (Original) dha. Yoo deebii isiniif kennuu didemmoo isa fakkeeffame ta’uu adda baasadhaa.
  • Madaallii walii galaaf *#0*#
  • Moodemii fi Sooftiweerii bilbilichi fayyadamu beekuuf *#1234# or *#9999#
  • Waa’ee Sooftiweerii fi Hardiweerii bilbilichaa baruuf *#12580*369#
  • Lakkoofsa IMEI bilbilichaa baruuf *#06#
  • Odeeffannoo Baatirii fi qabiiyyee bilbilichaa baruuf *#9998*246#

5, Sooftiweerii ‘Samsung Kies’ jedhamu fayyadamuun:

  • Karaawwan kanaa olitti ibsamaniin yoo adda baasachuu dadhabdan Sooftiweerii kana fayyadamaa…
  • Sooftiweerii ‘Samsung Kies’ jedhamu kana Kompiitara keessanirratti fe’aa…
  • Bilbila adda baasuu barbaaddan sana Kompiitara kessan waliin wal qunnamsiisaa…
  • Sooftiweerichi bilbila kana dubbisuun, maqaa bilbilichaa, Sooftiweerii fi Hardiweerii inni fayyadamu fi kkf isiniif fida.
  • Sooftiweerichi yoo bilbilicha dubbisuu dide irra deebi’uun yaalaa, ammas yoo dide bilbilichi bilbila fakkeeffamedha jechuudha. Dubbisuu keessaniif Galatoomaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time