Bilbilli keessan osoo fayyadamtanii gidduutti ni dhaabbataa? Maaliif? Furmaanni isaahoo?

Fix: Unfortunately, settings has stopped‼ Bilbila keessan yeroo dheeraa yoo fayyadamtan ni harkifata ykn immoo yoo cuqaastan callisee dhaabbata. gabaabumatti ajaja keessan hin fudhatu jechuudha.

Bilbilli keessan baayyee kan suuta jedhu yoo ta’e ykn immoo isiniif ajajamuu yoo dide rakkoon tokko isa mudateera. Rakkoowwan akkasiif ka’umsa kan ta’an furmaata isaanii waliin isiniif dhiyeessineerra waan ta’eef hojiirra oolchaa.

  • Moosaajota (Aappii) faayidaa hin qabne balleessuu:

Moosaajonni faayidaa hin qabne fakkeenyaaf geemiiwwan, suuraa fi viidiyoolee kan bareechan (editors), taphachiistota muuziqaa fi viidiyoo (players) fi kkf baayyinaan yoo jiraatan, kan isin faayyadu muraasa keessaa hambisuun balleessuu.

  • Qabiiyyee (storage) bilbila keessanii humnaa ol guutuu dhiisuu:

Fakkeenyaaf, bilbila keessan irratti muuziqaawwan, viidiyoowwan, faayiloota addaa garaa, suurawwan addaa garaa, moosaajota hin fe’amnee fi kkf baayyinaan kan qabdan yoo ta’e kan isin barbaachisu qofa hambisuun kanneen biroo balleessuu. Wantoonni isin barbaachisan hedduudha yoo ta’e hanga tokko meemoorii irra kaawwachuu. 

  • Sirna baniinsaa (operating system) fi sooftiweerii bilbila keessanii haaromsuu (update) gochuu dhiisuunis bilbila keessan vaayirasiif ykn rakkoo biraaf saaxiluu ni danda’a:

Kunis pirogiraamota bilbila keessanii osoo hin cufiin dura akka ka’u (background play) waan taasisuuf sooftiweerii bilbila keessanii yogguu dhaabbanni bilbila keessan oomishe akka haaromsitan Notification irratti isin beeksise yeroma sanatti haaromsuu qabdu.

  • ‘Cache data’ qulqulleessuu dhabuu:

‘Cache data’ kanneen jedhaman yeroo baayyee bakka moosaajotaa fi faayiloota nuti faayyadamnu taa’aniidha. Kunis, bilbilli keenya odeeffannoo deddeebisuutiin (loading data) akka suuta hin jenneef waan gargaaruuf ‘Cache data’ bilbila keenyaa qulqulleessuun faayidaa qaba.

  • Yeroo baayyee ‘Widget’ fayyadamuu:

Faayidaa addaa bilbiloonni Aandirooyidii kennan keessaa tokko Wiijeetis dha. Haa ta’u malee, baayyinaan fayyadamuun; bilbilli keenya akka suuta jedhuu fi akka jeeqamu waan taasisuuf, xiqqeessinee fayyadamuu yoo danda’ame immoo faayyadamuu dhiisun filatamaadha.

  • Sirreeffama akka yeroo dhaabbanni isaa dalageetti deebisuu (reset factory setting)

Dulloomuun bilbila keessanii; suuta jechuu fi osoo dalagaa jiruu dhaabbachuu bilbila keessaniif sababa ta’uu dhiisuu ni danda’a. Jijjiirama sirreeffamaa (setting) ykn agarsiistuu kallattii banuun (on GPS) suuta jechuu fi gidduutti dhaabbachuu (stack) bilbila keessaniif sababa ta’uu waan danda’aniif, bilbila keessan gara yeroo jalqaba bittaniitti deebisuun rakkoowwan kana furuu danda’a.

  • Bif-duubee Fooddaa (Wallpaper) adda ta’e faayyadamu:

Bilbilli keessan akka ija namaa hawwatu ykn immoo karaalee biroodhaan ‘Live Wallpaper’ faayyadamuun kennaa bilbiloota Aandirooyidii keessaa isa tokkoodha. Haa ta’u malee, suuta jechuu fi gidduutti dhaabbachuu bilbila keessaniif sababa ta’uu waan danda’uuf ‘Live Wallpaper’ faayyadamuu dhiisuu qabdu.

  • Dhukkeen yoo bilbila keessan guute:

Bakka itti dalagaa dalagdan ykn bakka isin ooltan kan dhukkeen baayyatu yoo ta’e, dhukkeen bilbila keessanitti seenuu danda’a. Kanaafuu, ququlleessuu fi gara boodaatti immoo akka dhukkeen hin seenneef mala addaa faayyadamuu qabna. 

Furmaatadha warreen jedhaman kana keessaa tokko qofa raawwachuun furmaanni argamuu dhiisuu danda’a. Kanaafuu, yoo danda’ame hunda isaanii raawwachuu yoo hin danda’amne muraasa isaanii raawwachuun furmaanni argamuu ni danda’a.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time