Google dhukkuba Koroonaa (COVID-19) ittisuudhaaf sochii namootaa ifa akka taasisu beeksise

Googiliin dhukkuba Koroonaa (COVID-19) ittisuudhaaf odeeffannoo sosochii namaa akka ifa taasisu beeksise, Odeeffannichi sosochii fayyadamtoota isaa biyyoota 131 keessa jiran marsariitii adda ta’erratti kan ifa ta’u yoo ta’u, namoonni yoomii fi eessa akka turan agarsiisa. Odeeffannoowwan kuniis moosaajii Googilii kan fayyadamtoonni bilbila sochoo’aa (mobile phone) biliyoona 1 ol ta’an qaban, moosaajii ‘Google Map’ jedhamuun kan walitti qabamanidha.  

Hordoffiin Elektirooniksii Chaayinaa, Siingaappor fi Israa’el akka taasifamu ajajeera. Dhaabbatoota Teknooloojii Awurooppaa fi Ameerikaa keessatti argaman fi mirga dhuunfaa kan dhiibu sirna odeeffannoo funaanuu ejjannoon kan mormitu biyya Jarman dabalatee biyyoonni hedduun filannoo kana faayyadamuuf yaadaa jiru. 

Haala eenyummaa nama dhuunfaa dhoksuun hojiirra oola jedhamuyyuu, ceepha’amuurraa garuu ooluu hin dandeenye. Falmitoonni mirga namoomaa hedduun immoo, malli kun dhukkuba vaayirasii Koroonaa sababa godhachuudhaan mootummoonni cunqursoon (autocrat governments) sagalee warra adda ba’anii (uncommunicative) dhoksuu fi basaasa mootummaa (government spy) cimsuuf akka itti faayyadamaa jiran ta’uu isaanii mormii dhageessisaa jiru.

Google dhaabbatoota Teknooloojii gurguddoo addunyaa kanarra jiran keessaa isa tokkodha. Waajjirri muummee isaa kutaa biyya Ameerikaa magaalaa Kaalifoorniyaa keessatti kan argamu yoo ta’u Tajaajila isaa keessaa beekamoon Youtube, Google Map, Google Chrome fi kan kana fakkaataniidha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time