Youtube irratti Nyaata bilcheessuu nama barsiisi, madda galii dabalata uummadhu – Cooking channel on Youtube

Yeroo ammaa mana ofii taa’anii online irratti hojjachuun salphatee jira, ajaja nama tokkoo malee ofii keetii of ajajuun, yeroo sitti tole hojjattee yeroo sitti hin tolin ofirraa boqachuu dandeessa. maalif yeroo kanatti boqatte namni siin jedhu hin jiru. Garuu akkaatuma sa’aatii baay’ee hojjatteen galii dabalataa argatta, akkaatuma sa’aatii baay’ee rafteen galii xiqqoo argatta. ammoo kan nama gammachiisu ati nama waggaa dheeraaf online irratti carraaqaa turte yoo taate carraa sa’aatii xiqqoo hojjattee galii guddaa argachuu qabda. yeroo ammaa kanatti online irratti tattaaffin godhamu harki caalu business waliin walitti hidhata qaba.

Maxxansaa Har’a keessatti obboleeewwan keenya kan shamaraaf waan bu’aa qabuufi yoo ittiin hojjatan milkaa’uu danda’an isiniif himna. Shamara taatee nyaata hojjachuu/bilcheessuu kan hin dandeenye ni jiraatti tahaa? Natti hin fakkaatu hundi shamaraa nyaata hojjachuu sirritti danda’u jedheen amana. maarree karaa addunyaan deemaa jirtu irra haa deemnu.

make cooking channel
Hojii shamarranii haaraya

Shamarran yeroo nyaataa hojjatan vidiyoo waraabanii Youtube irratti fe’uun galii argachuu ni danda’u, vidiyoon of waraabanii mul’achuun dirqamaa? hin yaadin, osoo of hin waraabin kaameeraa kee kara distii fi biradistii nyaata itti bilcheetitutti achi qabaa Youtube irraa maallaqa argachuu dandeessa. gabaabinaan isiniif ibsuuf akkaataa nyaatni itti hojjatamu agarsiiftaa, hordoftoota sirraa baratan horattaa, Youtube irraa ammoo maallaqa si barbaachisu argatta.

Dhimmi kun baramaadhaa har’a nuuf himtaa kan jedhu hin dhabamu Garuu dhiifama waliin nuti namoota waa’ee kanaa irraa hubannoo hin qabneef himaa jirra hedduun namoota Youtube fi bakkootaa birootti waan adda addaa ni argu garuu iccitii waan sana duuba jiru hin beekan. akkuma olitti jenne yeroo ammaa online irratti tattaaffin godhamu harki caalu business waliin walitti hidhata qaba. ykn karaa tokkoon namoota tajaajilaa karaa biraatin galii irraa argatu jechuudha.

Dhimmi nyaata hojjachuu Youtube irratti barsiisuu kuni shamarraniif hojii salphaadha, yeroo hunda nyaata hojjatu waan ta’eef carraaqqii biraa hin qabu. Shamarreen tokko Youtube irratti chaanaala nyaata hojjachuu agarsiisu banachuuf maaltu irraa eegama kan jedhu isiniif ibsina. Shamarran waa’ee kana irraa hubannoo hin qabneef akka hunda keessaniif galutti haala salphaan isiniif ibsinee jirra.

  • Kaameeraa qulqullina qabu si barbaachisa ykn mobaayila ammayyaa kaameeraa qulqulluu ofirraa qabu yoo qabaatte siif gahaadha.
  • Vidiyoo edit gochuu danda’u; vidiyoo edit gochuu jechuun Fkn vidiyoo kee eega waraabde booda bakka si hin barbaachifne irraa muruu, yoo vidiyoo lama waraabde walitti dabaluu, barruu fi mallattoo akka Subscribe fi Like kanneen biroo irratti dabaluu, walumaa galatti vidiyoo edit gochuun vidiyoon kee akka jaalatamuuf hedduu si gargaara.
  • Nyaata gosa adda addaa hojjachuu danda’u; Nuti akka oromootti aadaa bareeda qabna, nyaatnis gosa baay’edha kanaafuu akkaataa nyaatni kun itti hojjatamu ummata addunyaatif dhiheessuu dandeessu. nyaata biyya keenya qofa osoo hin taane kan biyya kamuu yoo beektan akkaataa itti hojjatamu yoo agarsiiftan gaarii taha.

Walumaa galatti jalqabbiif kan asii olii kunniin waan itti qophaayamuu qabuudha. kan biroo itti faayyadama Youtube beekuudha kuni training baay’ee gochuufi waan isin dhibe namoota biroo gaafachuun baruu ni dandeessu, kuni waan nama yaachisuu miti. inni biraan yogguu hojii kana eegaltanii hordoftootas argachuu jalqabdan gulantaan itti aanu ni jira. inniis Chaanaala keessan Monetize gochuudha, Monetize jechuun chaanaala kee irraa galii akka argattuuf warra Youtube irraa beekamtii fudhachuu jechuudha. warri Youtube chaanaala kee Monetize siif gochuuf haal duree isaan kaayantu jira. Haal-duree isaan kaayan kanneen guutufii qabda.

Warri Youtube maal barbaadu? dursa ati hojii qulqullina qabu hojjachuu sirraa barbaadu, vidiyoo fi hojii namoota biroo hatuun sirraa hin eegamu, vidiyoo seera youtube cabsu ol fe’uunis sirraa hin eegamu. kan itti aaanu Subscribe 1000 fi View sa’aatii 4000 sirraa barbaadu. bakka kana gayuuf vidiyoo hedduu hojjachuun cimtee itti fufuun sirra jiraata.

Gorsa Keenya: Dursa irratti waa’ee maallaqaa dagadhu, hojii qulqullina qabu hojjadhuu hordoftoota baay’ees horadhu. Guyyaa Subscribe 1000 geesse gulantaan itti aanu maali kan jedhuu fi akka itti ceetu baruuf search godhii bari, Nutiis nu gaafachuu ni dandeessa bakka sirakkise kamutti sicinaa ni dhaabbanna. Nuti karaa kanaan ijoollee oromoo hedduu gargaaraa jirra. isiniis gargaaruf qophiidha.

Barnootni kun akka mata duree irratti jedhame shamarran biyya arabaa jiraatan qofa osoo hin taane shamarran biyya kamuufi bakka fedhan yoo jiraatan ni ilaallata, shamarran qofa osoo hin taane warra dhiiraa nyaata hojjachuu beekaniis ni ilaallata. Barumsa akkanaa hedduu ni dhiheessina waan taheef dura duraan nu hordofaa. keessaafuu Garee whatsappii keenya galuun nu hordofaa.. Dubbisuu keessaniif Galatoomaa.

1 Comment
  1. Brianstene says

    I like browsing your websites. thnx!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time