Bilbiloonni biliyoona tokkotti siqan rakkoof saaxilamuu danda’u

Mobaayiloonni Android biliyoona tokko tahan rakkoo nageenyaa kan tiksu (security update) adda cituun wal qabatee rakkoo kuusaa odeffannoof akka saaxilaman ibsame. ‘Security update’ hojii dhaabun isaa bilbiloonni hedduun hanna odeeffannoo, faayilaa fi vaayirasii galaafatoof akka saaxilamuu danda’an akeekachiifame jira.

Bara faranjootaa 2012 fi sanaan dura bilbila hojjatame warreen faayyadaman xiyyeeffannaa jabaa kennuufi akka qaban dhaamamee jira. mobaayila android addunyaa irra jiran guutuu keessaa harka dhibba keessaa 42.1 kan tahan Version 6.0 fi isaa gadi akka faayyadaman ni addeessa. Haa ta’uu malee bilbiloonni android system version 7.0 fi isaa gadi faayyadaman kan bara 2019 keessa oomishaman rakkoo nageenyaa amma uumame kan hin qaban jedhame.

  • Motorola X
  • Samsung Galaxy A5
  • Sony Xperia Z2
  • LG / Google Nexus 5
  • Samsung Galaxy S6

Dhaabbani farra vayirasii AV jedhamu bilbiloota asii olii irratti vayirasii gad lakkisuun yaalii taasiseen bilbiloota tokko tokko irratti rakkoon ol’aanaa tahe akka uumame ibsee jira. yeroo ammaa odeeffannoo akka agarsiisutti bilbiloota addunyaa irraa jiran 5 keessaa 2 eegumsi nageenyaa (security update) isaan bira akka hin geenye beekamee jira.

Dhaabbileen bilbiloota rakkoo nageenyaf saaxilaman oomishan hanga yoomitti haromsa nageenyaa (Security update) akka tursiisan maamiloota isaanii akka beeksisan gaafatamanii jiru, akkasuma yoo eegumsi nageenyaa kun dhihaachufi baate filannoo biraa akka dhiheessan gaafatamanii jiru.

  • Gorsaawwan asii gadii fudhaa:

1, Bilbilli ati faayyadamaa jirtu waggaa lamaa ol harka kee irra yoo ture gara opereting system haarayatti haaromsuu mirkaneeffadhu. Bilbila keessan yoo hin haaromsin carraan vayirasiin qabamuuf qabu salphaa waan taheef of eeggannoo cimaa isin barbaachisa, keessaafuu version 4.0 fi isaa gadi faayyadamtu yoo tahe irra caalatti rakkoo vayirasii fi hattoota faayilaa harka seenuu dandeessu. kanaafuu Aappii gosa kamuu play store keessaa malee bakka biraatii download gochuu irraa of qusadhaa. play store keessa yoo tahellee Aappii maalummaa isaa hin beekne download gochuu irraa yoo of qusattan gaarii taha.

2, Ergaalee shakkisiisoo barreeffaman nuuf ergaman irraa of eeguu, ergaalee bifa SMS fi MMS nama hin beekne irraa isinitti dhufu irraa of eegaa. Haattoonni badii yoo bilbila keenya too’achuu barbaadan ergaa bifa adda addaan akka dhaabbata irraa ergametti fakkeessanii nutti erguu danda’u. Nuti ergicha banuun kan faana buunu yoo tahe salphamtti too’atamu dandeenya.

3, Faayiloota iccitiifi haalan isin barbaachisan fageessitanii ol kaayyachuu qabdu, kuni yeroo kamuu kan gorfamuudha, faayila akka photo, text, audio, video fi dokumantii garaagaraa Cloud/Kilaawudii irratti yoo fe’attan barbaachisaadha. yoo akka tasaa bilbilli keessan rakkoof saaxilame faayilli keessan akka nagaya qabaatuf isin gargaara.

4, Farra vayirasii faayyadamaa: yeroo ammaa Aappiin farra vayirasii tahan baay’een ni jiru kanneen keessaa kan bilbila keessaniin wal simu yoo faayyadamtan nageenya bilbila keessanii tiksuu irratti isin gargaara. yoo akka carraa vayirasiin badii tokko gara bilbila keessani gale isinitti mul’isuufi akka dafii sanatti balleessitan isin beeksisa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time