Sarara bilbila keenyaa namni biroon yoo bute maal gochuu qabna?

Akkaataa namni tokko bilbila keenya dhimma itti bahuu danda’uufi Nuti immoo Ofirraa ittisuu dandeenyun.

Waa’ee ‘call forwarding’ maal beektu? Hiriyaan keenya tokko dhoksaan bilbila keenya gara bilbila isaatti dabarsuu (divert) gochuu akka danda’u hoo beektuu? Hiriyaa badaa yoo qabaanne bilbila qofa osoo hin taane SMS dabalatee gara isaatti akka ergamu gochuu danda’a. Kuni immoo salphumatti Ergaa (Message) nuuf ergamu akka too’atuuf isa gargaara. Ergaa nuuf ergamu hunda too’ate jechuun rakkoo nu irra geessisuu isinummaan tilmaamuu dandeessu. Fkn, whatsappii, imo fi facebook keenya fudhatee nu faakkaachun itti faayyadamuu danda’a. hanga nuti dhimmicha barrutti yeroo gabaabafillee ta’u hiryoota keenya burjaajessuu danda’a.

Biyya Itoophiyaa keessatti altokko tokko yeroo bilbila namaarratti bilbillu ‘Maamilli itti bilbiltan waamicha dabarseera (ጥሪ እያስተላለፈ ነዉ) yeroo nuun jedhu agarra. kana booda sekondii muraasa turee waama. yeroo kanatti sarara bilbilaa nuti irratti bilbille osoo hin taane ‘SIM cardi’ kan biroo irratti bilbilama. Haala kanaan bilbilichi gara birootti divert ta’ee jira jechuudha. kan biyya birootis bifuma kanaani yogguu isin Nama barbaddan tokkoof bilbiltan gara nama isin hin beeknetti isin dabarsa.

Bilbilli keenya bifa kanaan ‘SIM card’ biroo irratti divert tahuu isaa akkamiin beekuu dandeenya?

Sararri bilbila keessanii butamuu fi butamuu dhiisuu beekuuf koodii bilbilaa *#21# irratti bilbilaa. kana booda sarara sagalee bilbilaa, sarara SMS bilbila fi Fax bilbila keessanii butamee jiraachuu fi dhabuu beekuu dandeessu.

Koodicha irratti yoo bilbiltan:

  • Voice: Not forwarded
  • Fax: Not forwarded
  • SMS: Not forwarded Jedhee jira yoo ta’e bilbilli keessan hin butamne jechuudha.

Garuu koodicha akkuma galchitaniin ‘Forwarded’ jedhee lakkoofsa bilbilaa biroo yoo mul’ise bilbilli keessan SIM cardi biroo irratti dabarfame (divert) taasifamee jira jechuudha. kana immoo isin hin taasifne yoo ta’e, Bilbilli keessan akka butame baraa.

Bilbila keenya namni biroo butee jira yoo ta’e akkamiin too’annoo jalaa baasuu dandeenya?

Koodi Lakkoofsa armaan olii irratti bilbiltanii “Forwarded” kan jedhu yoo isiniif fide too’annoo nama sanaa jalaa baasuuf: Koodii bilbilaa ##002# irratti bilbilaa, kana booda ‘Call forwarding erase successful‘ jedhee yoo isiniif fide too’annoo namaa jalaa baastanii jirtu jechuudha. yoo isin dide irra deebiin bilbilaa.

Hubachiisa: koodiin akkanaa kun biyya hundaafi SIM cardi hunda irratti hojjachuu dhiisuu danda’a. Kanaafuu; vidiyoo asii gadii daawwachuun furmaata dabalataa argachuu ni dandeessu.

1 Comment
  1. Abdulkarim emam says

    Jabaadha rabbi isin hagargaaru

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time