- Advertisement -

Miidhaa dhokataa bilbila harkaafi Of eeggannoo taasifamu

0 1,080

Miidhaa dhokataa bilbila harkaa (keessumaa bilbiloota smart ta’an) Bilbilli harkaa (mobile) jireenya keenya guyyaa guyyaa kessatti hedduu barbachisaa ta’uurra kan ka’e yeroo amma daqiiqaa tokkoof of bira dhabuun hedduu ulfaata. kana hundi keenya ni beekna. Har’a kan Mata-duree barreeffama kana ilaalee qofa namni natti dheekkamu hin dhabamu. maali bilbilli harkaa (mobile) immoo rakkoo maal qaba jechuudhaan. maarree dhugaan isinitti himuuf ka’e kana;

Kaampaaniwwan (warshaawwan) moobayila oomishan akka dhageessan hin barbaadan. Kaayyoon barreeffama kanaa hojii teknooloojii busheesuuf ykn ammoo isin sodaachisuuf miti. Galatni teeknooloojii hin badin anuu barreeffama tana isin biraan gahuuf teknooloojin faayyadame, isiniis teknooloojitti gargaaramuun barreffama kana dubbisaa jirtu.

Faayidaan moobayilii ifatti akka mul’atu kana miidhaan isaa waan hin mul’anneef, isiniis moobayiliin miidhaa maal qaba jettanii mormuuf yoo kaatan isinitti hin murteessu. sababni isaa miidhaa mobaayilaa caalaa bu’aa isaa qofa argaa jirtu waan ta’eefi.

Ergaan barreeffama kanaa moobayila goonkumaa hin fayyadaminaa jechuuf osoo hin taane rakkoowwan itti faayyadama moobayiliitin wal-qabatan isin beeksisuu fi of-eeggannoo godhamuu qaban isinitti himuufi. itti faayyadama moobayiliitiin wal-qabatee rakkoon fayyaa fi du’an nama gahu jira. Akka ragaan qorannoo mul’isutti moobayiliin suuta (osoo nuti hin beekiin) karaa baay’eedhan du’a akka nutti fiduudha. karaalee kanneen keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti.

1. Dhukkubbii mormaa fi dugdaa ni fida

Saayinsiin akka jedhutti namni gadi jedhee moobayilii faayyadamu (wa dubbisuuf ykn barreessuuf) nama morma isa irratti meeshaa 12kg ulfaatu rarraafate/batuun wal-qixa. kun ammoo suuta suutan maashaa mormaa fi dugda osoo nutti hin beekkamne akka citan taasisa. Haala kanaan yeroo dheeraa booda dhukkubbii mormaa fi dugdaaf nu saaxila. Namoonni baay’een yeroo amma dhukkubbii dugdaan rakkachuurrati argamu. Kanaaf jechaas yaalii hin barbaachisneef (operation) godhu. Dhukkubbii dugdaaf sababoonni baay’een jiraatanis kan mobaayila harkaa kuniis sababa akka ta’uu danda’u ni dubbatama.

2. Jarmii dhukkuba fidaniif madda ta’uu danda’a

Haala nama ajaa’ibuun qorannoon akka mul’isuutti moobayiliin namoota hedduu qulqullumaadhaan harka 18tiin mana fincaaniiti gadi. sababni isaas namni harka isaa yoo dhiqatu, garuu moobayilii dhiquun hin danda’amu. waaan kana ta’eef yeroo garaa garaatti harka xuraawaan moobayilii tuttuquun keenya hin oolu. kun ammoo jarmiiwwan (baakteriyaan) deebisani dhukkuba nutti fidan akka irratti wal horan taasiisa. mee Ati xiqqoo yaadi harka kee osoo hin dhiqatin yeroo dheeraa yoo turte dhukkuba irraa bilisa ta’uu dandeessaa? Mobaayilli keenya kuniis harka keenya sababa ta’eef dhukkuba harka osoo hin dhiqatin nutti dhufu hunda fiduu danda’a.

3. Carraa kaansariin qabamuu keenya dabala

Qorannoo godhameen guutumatti adda baasuun dadhabamus yeroo heddu moobayilii fayyadamuun kaansariiwwan sammuu, ijaa, dhiigaa, cidhaanii fi kaansarii xannachaa hanchuufatiif akka nama saaxilu qorattootni ni dubbatu.

4. Balaa Tiraafiikaa

Kun wanta akka laayyootti ilaalamuu miti. Balaa tiraafiikaa qaqqabu 4 keessaa 1 konkolaachisaan yogguu bilbila tuttuqu/haasa’u akka ta’eedha ragaan kan mul’isu. Hanga har’aatti lubbuun meeqa sababa kanaan darbe laata?

5. Tamsaasni WI-FI sanyii dhiiraa miidhuu danda’a

Barreeffamni “journal fertility & sterility” jedhuun maxxanfame akka mul’isitti WI-FI yogguu faayyadamnu “electromagnetic radiation” kan jedhamuu tamsaasa. kun ammoo sanyii dhiiraa lakkoofsan hir’isuun hanga carra dhala nama dhabsiisuu (maseenumma, infertility) geessisuu danda’a. Dabalataanis dandeetii xiyyeeffannaa keenya ni hir’ata.

- Advertisement -

6. Hirriba dhabuuf sababa ta’a

Hirriba duraa yoo xiqqaate sa’aatii lamaaf ilaalaa yoo turre ta’e hirribni yeroo barbaadametti nu qabuu dhiisuu danda’a, kun ammoo hirriba gahaa nu dhabsiisa.

7. Dhageettii gurraa hir’isa

Sagalee ol qabnee ‘head phone’ ykn ‘ear phone’ dhaan Audio/muuziqaa ni dhageeffanna yoo ta’e gurri keenya miidhamaa deema.

8. Suuta suuta ija miidhuu (fuulduratti nu jaamsuu) danda’a

Sa’aatii dheeraadhaaf osoo adda hin kutin bilbila kan faayyadamnu yoo ta’e, keessumaa halkan halkan yeroo dheeraaf yoo fayyadamne iji keenya baay’ee miidhamaa deema.

9. Dhukkubbii harkaa

Yeroo hedduu wa barreessuu fi ‘scroll’ gochuurra kan ka’e harki/qubi keenya nu dhukkubuu danda’a.

Kanaafuu, qabxiilee armaan gadii sirnaan hojiirra oolchuun fayyummaa keessan eeggachaa bilbila faayyadamaa.

Hanga danda’ameen yeroo bilbila keenyarrati dabarsinu haa hir’isnu. Kana jechuunis dhimma barbadnu itti faayyadamnee lafa kaa’uu, fakkeenyaaf ‘facebook’ yoo faayyadamnu ergaa qabnu dabarsinee; odeeffannoo barbaadnu ilaallee bahuun gaarii ni ta’a.

Bilbilaan yoo nama dubbisnuus haasawa gaggabaabaa fi ergaa barbaachisu dabarsuurrati haa xiyyeeffannu. Bilbila yeroo dheeraaf ilaaluu dhiisuu, Daqiiqaa 20 yoo ilaalte sekondii 20 ammoo waan biraa fuul-dura kee jiru ilaalii itti deebi’i. Kana yeroo yerootti gochuun gaariidha. akkasuma ija keetis jidduu jidduun limlim godhi (cufii bani)

Nama wajjin jirta tanaan bilbila akka hiriyaatti hin ilaalin. Hariiroo hawaasummatiif si fayyadaa nama waliin hasa’i. Hiriyaa kee ‘facebook’ irratti itti haasoftu caalaa kan cinaa kee jirutti hasa’uutu bu’aa qaba. Keessattuu haati mana fi abbaan manaa yeroo waliif kennuu qabdu.

Hirriiba dura sa’aatii dheeraadhaf bilbila hin ilaalin, hirriiba si dhowwuu danda’a waan ta’eef. Audio/ Muuziqaa sagalee ol aanaadhan hin dhaggeefatin Bilbila madda ibsa (chaarjii) irra gootanii goonkumaa nama hin dubbisinaa. Akkasuma yeroo akkasii ‘ear phone ykn headphone’ dhaan waa hin dhaggeeffatinaa. akkas gochuun balaa hanga du’aa namarraan gaha. Namoonni sababa chaarjii irra godhanii faayyadamniif du’aniis ni jiru.

Yoo danda’ame bilbila kiisii keessa godhachuurra waan itti qabannu kan akka boorsaa keessa godhachuu osoo amaleeffannee gaariidha. Akkas gochuun raadiyeeshinii bilbila irraa maddee qaama keenya miidhu xiqqeessa. Halkan yoo raftan bilbilli eegdan yoo hin qabaanne cufaa kaa’aa ykn of irra fageessaa kaa’aa. Dammaqsituu (alarm) gootanii warri mataa dura ka’attan akkas gochurraa of qusadhaa.

Ijoollee daa’imaatti goonkuma bilbila hin kenninaa. Keessumaa daa’imman umriin isaanii waggaa 3 gadi warra ta’anitti. yeroon kun yeroo sammuun ijoollee itti guddatu waan ta’eef guddina sammuu isaanii daangessa waan ta’eefi. Xumurre! Galatooma.

- Advertisement -

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time