Barnoota Telegram kutaa 4ffaa

Hedduun keenya telegraama kan faayyadamnu ergaa namaaf erguu fi fudhachuu qofaafi. Haa ta’uu malee telegraamni qabiiyyee gaarii namoonni baay’een hin beekne of keessaa qaba. Barnoota Telegram kutaa Afraffaa kana keessatti Qabiiyyee Telegraamaa faayidaa gurguddaa qaban kan namni baay’een hin beekne 5 isiniif himna.

Qabiiyyeewwan Telegram ijoo ta’an:

1. Telegram Channel

Chaanaalii telegramaa jechuun wanta ergaa bal’aa irratti/broadcast godhanii dabarsaniidha. chaanaala keessan keessatti hordoftoota daangaa hin qabne horachuu ni dandeessu. wanta post gootan sana namni meeqa akka ilaales beekuu ni dandeessu. namni chaanaalicha gubbatti waa post godhu sun “admin” yoo ta’u, adminii hedduun chaanaala tokko gubbatti kan wal gargaaran taanaanis jala isaatti admini isa kam akka ta’e akkaataan itti beekamus ni jira. yoo fedha keessan tahe chaanaala keessan nama birootiif dabarsitanii kennuus ni dandeessu. chaanaala hawwataa fi gurguddaa yoo ta’e gurgurachuus ni dandeessu.

Telegram irratti yoo barbaaddaniis Garee (Group) akka whatsappii uumun ni danda’ama. Garuu chaanaali fi gareen adda addaadha. channel namoota miliyoonan lakkaayaman fudhachuu danda’a. Gareen immoo hanga nama 200,000 (kuma dhibba lama) fudhata.

Faayidaa chaanaalaa: barnoota garaa garaa irratti kennuu, Ergaalee fi beeksisoota adda addaa hordoftoota keessaniin gahuuf fi kkf ijoo yommuu ta’an faayidaa biroos ni qaba.

Channel Akkaataa itti banattan:

Chaanaala keessan hoggaa bu’ureffattan gosoota chaanaala lameen keessaa tokko filattu ‘private‘ ykn ‘public‘ kan jedhu. Garaagarummaan isaanii public yoo ta’e namni kamuu search godhee arguufi seenuu danda’a. @username chaanaalichaa faayyadamuun jechuudha. Garuu private taanaan nama isin linki ergitaniif ykn ‘add’ gootan malee namni biroo arguufi seenuu hin danda’u.

Channel uummachuuf:

  1. Open telegram
  2. sararoota sadan telegrama gubbaa kan harka bitaa irra jiru tuqaa.
  3. New channel tuqaa
  4. Create channal tuqaa
  5. itti aansun maqaa fi suuraale isiniif ta’u itti galchitani xumurtu. yoo feetan username mataa keessanii itti godhachuun raabsuu eegaluu dandeessu.

2. Telegram Cloud

Telegram akka daraan jaalatamu kan taasisan keessaa tokko Kilaawudii dha. Ergaan (message) namootaf erginuufi nuuf ergamu akka hin banne Telegram biratti nuuf kuufama. yeroo barbaannetti soqnee argachuu dandeenya. Telegram akka tasaa yoo cufamees deeebisnee yoo bannu Faayiloota fi Ergalee kana dura Telegram irraan daddabrsaa turre hunda ni arganna.

Kilaawudii Telegram Kan adda isa taasisu ‘Saved Message’ qaba. kuni kan tahu Fkn, Barreeffama ykn suuraa ol kaayyachuu barbaannu ofuma keenyatti ergina, yeroo kana ‘Saved Message’ jedhee mul’ata. kana jechuun wanta ofuma keenyatti erginu kilaawudii Telegram irratti nuuf kuufamaa jira jechuudha. kuniis karaa gabaabaa Faayila barbaanne akka nu jalaa hin bannetti ol kaayyachuu dandeenyudha. Bilbilli baduus Lakkoofsa (SIM card) teenya qofa jabeeffachuun gahaadha.

3. Telegram Username

Faayidaan username inni guddaan nama bilbila isaa hin qabne quunnamuu nu dandeessisa. Akkasumaas telegramarratti accountii nama biroo namaaf kennuuf karaa salphaadha. Username dhuunfaa keessanii uummachuuf: Settings > Username seenuun uummachuu dandeessu. username eega uummattanii booda Lakkoofsa keessan akka tasumaa hin mul’annee dhoksuu dandeessu. Namoota hundaan wal quunnamuuf username kee faayyadamuu dandeessa.

4. Telegram Lock

Nageenya telegraama keessanii eeggachuuf Appii kan biroo tokkollee osoo hin faayyadamin furtuu itti godhachuu dandeessu.

Furtuu itti godhachuuf:

Open telegram > Settings > privacy & settings > passcode lock kan jedhu tuquun, koodii dhuunfaa keessanii itti galchuun hoggaa seentaniif baatan koodichaan faayyadamuu.

5. Telegram Bot

Bot jechuun gabaabumatti qaama sadaffaa Telegramaa fi  faayyadamtota telegraamaa jidduu kan dalaguudha, Robot osoo jettaniinis ni dandeessu.

Sababaa Telegram miidiyaalee hawaasaa biroo irraa adda akk ta’uufi akka jaalatamu isa taasisan keessa Bot’n kun isa hangafaati yoo jenne kijiba hin ta’u. sababa jenneefis qabna isiniis adaduma hubataa deemtaniin ragaa baatu. Maalummaa Bot, faayidaa isaa, akkaataa Bot dhuunfaa keenyaa itti hojjatannu fi Bot faayidaa gurguddaa qaban kutaalee itti aanan keessatti kan waliin ilaallu ta’a. kutaa 5ffaan itti fufa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time