Sababa Vaayirasii Koroonaatiif hojii keessan hojjachuuf rakkattanii jirtuu?

Sababa Vaayirasii Koroonaatiif hojii keessan hojjechuuf rakkattaniittuu? Filannoowwan Teknooloojii kana fayyadamaa!!

COVID-19 addunyaa keenyaaf dhukkuba mataa ta’uu isaatiin namoota hedduu dirree hojiirraa ala gochuun isaa kan beekamudha. Namoonni hedduun faffaca’iinsa dhukkubichaa hir’isuuf ajaja mootummaa irraa gadi bu’e hordofuun mana isaanii taa’anii hojii isaanii hojjechaa jiru. Namoonni kaanis wal-qunnamtii isaanii fageenyarratti taasisaa jiru.

Yeroo kanatti sosochiiwwan akkasii raawwachuu fi nageenya keenya eeguuf dhugumatti gargaarsi Teknooloojii nu barbaachisa. Moosaajonnii fi Marsaariitonni kanaa gaditti argitan kunneen sosochiiwwan adda addaa mana teessanii raawwachuu fi hojii keessan salphisuuf kanneen gargaaran yoo ta’an haala biyya keenyaattis yoo fayyadamtan kan isin gargaaruu danda’aniidha.

  • Moosaajonni bu’uura saaphaphuu (Web based Apps) kunneen, qaamaan osoo wal hin argiin odeeffannoowwan waliif erguuf kan gargaaranidha.

    1. Dropbox
    2. Pipebytes
    3. MailBigFile
    4. filedropper
    5. Google drive
  • Moosaajonni bu’uura saaphaphuu (Web based Apps) asii gadii kunneen, wal-gayii fi marii garaa garaa fageenyarratti taasisuuf kan gargaaranidha.

    1. Crowdcast
    2. GoToMeeting
    3. Cisco Webex Teams
    4. Intermedia AnyMeeting
    5. https://zoom.us/download ፡ kun addatti, sooftiweerii beekamaa fuulaa fi fuulatti (video call) haasa’uuf gargaaru yoo ta’u, dabalataanis wantoota adda addaa raawwachuuf ni gargaara; faayiloota erguuf, barreeffama waliif barreessuu fi yeroo wal fakkaataatti namoota lamaa ol wajjin wal qunnamuuf, bakka garaa garaa taa’uun gorsa fayyaa kennuuf, gabaasa dhiyeessuu fi kkf raawwachuuf kan gargaarudha.  
  • Marsariitota barumsoota fagoo Interneetaan argachuu fi barachuuf gargaaran kanneen asii gadiiti.

    1. Adobe Connect
    2. Blackboard Collaborate
    3. WizIQ
    4. LearnCube
    4. BigBlueButton፡ kun addatti, sirna barumsa sarararraa (online) kan namoonni hedduun filatan yoo ta’u, barattoota fageenyarra jiraniif barumsa qulqullina qabu akka argatan gochuuf gosoota barnootaa adda addaa viidiyoo fi sagaleedhaan kan hiruu danda’uudha.
  • Kanneen asii gadii immoo biyya keenya keessatti maallaqa osoo hin baatin herreega kaffaluuf kan nu dandeessisaniidha.

    1. M-birr
    2. Amole
    3. Hello cash
    4. Awash mobile
Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time