Hanna karaa Email’n raawwatamu jalaa bahuuf Of eeggannoo taasifamuu qaban

Hanni odeeffannoo akkaawontii ergaa-E (E-mail) irratti taasifamu kan akkamiiti? Akkamittis ofirraa eeguu dandeenya?

Fiishiingiin (Phishing) miidhaa Saayiberii keessaa isa tokko yoo ta’u, hanna odeeffannoo ergaa-E (email) keenya bu’uura godhachuudhaan taasifamuuf maqaa ogeessitootaan kennameefidha.

Namoonni yakkamtoonni, Fiishiingii fayyadamuun odeeffannoo nama dhuunfaa hatuuf ykn wanta hin barbaachisnerra oolchuuf karaa isaan fayyadaman keessaa isa tokkoodha. Fakkeenyaaf, lakkoofsa dabtara baankii keenyaa ykn jechoota darbii (passwords) keenya nu jalaa hatuuf ergaawwan karaa Email keenyan nuuf ergaman ergaawwan Fiishiingii jedhamu.

Ergaawwan Fiishiingii kanneen karaa Email ergaman fayyadamtootaaf dhugaa kan fakkaatan, hanna addaa fi miidhaa garaa garaa jalaa kan nama baraaranii fi yeroo tokko tokkommoo fayyadamtootaaf waan Lootariin ba’e ykn carraaan barumsa tolaa kan isaaniif kenname fakkeessuun kan dalagamanidha. Kunis, geessituu (Link) ergameef akka bananii ilaalan taasisuun itti aansuun immoo carrichi dhuguma akka kan isaanii ta’e adda baasuuf jechuun akkaawontii isaanii isa sirrii fi jecha darbii isaanii akka barreessan gaafachuun miidhaa irratti geessisu.

Kaayyoon namoota miidhaa Fiishiingii kana geessisanii inni guddaan lakkoofsa baankii isaanii hatuu ykn immoo odeeffannoo dhuunfaa hatuun dabarsanii gurguruudha.

Miidhaa Fiishiingii ittisuuf of eeggannoolee fudhatamuu qaban:

  • Yeroo Mara ergaa nuuf ergamu irratti Dhimma mata duree irra jiru mirkaneeffachuu (Subject Line and Tone)

Ergaawwan Fiishiingii kanneen, Baankiiwwanii fi dhaabbatoota Faayinaansii nuyi yeroo baayyee itti fayyadamnu irraa ergaman fakkaachuun gara Email keenyaatti nuuf ergamu. Yeroo kanatti, ergaawwan kana banuun dura teessoon irra jiru dhugaa ta’uu isaa adda baasuuf gara baankiiwwan ykn dhaabbatoota Faayinaansiitti bilbiluu qabna. Yeroo tokko tokko maqaa teessoo dhaabbata Faayinaansii isa sirrii waliin baayyee wal fakkeessuun ykn qubee tokko qofa jijjiiruun nuuf erguun nu goyyomsuu yaalu.

  • Miiltoo (Attachments)

Namoonni miidhaa Fiishiingii geessisan kun akkaawontii Email keenya hatuudhaaf qalbii keenya hawwachuuf jedhanii Miiltoo adda addaa kan nurratti ergan yoo ta’u, faayiloonni nurratti ergaman kunneen immoo waan sirrii osoo hin ta’iin faayiloota itti yaadamanii nu miidhuudhaaf hojjetaman waan ta’aniif Kompiitara keenya rakkoof saaxiluu danda’u. Kanaafuu, Miiltoowwan nuuf ergaman hundi isaanii faayillota nu fayyadanidha jennee fudhachuu hin qabnu. Dabalataanis, nama nuyi beeknurraa akka nuuf ergame mirkaneeffachuu qabna.

  • Geessituu (Link)

Yeroo mara geessituuwwan karaa Email’n nuuf ergaman banuurratti ofeeggannoo barbaachisaa gochuu qabna. Dursa, geessituuwwan nuuf ergaman kanneen sirrii akka ta’an adda baasuuf koppii gochuun birooseroota akka chrome fi firefox keessatti barbaaduun sirrii fi sirrii akka hin taane adda baasuu qabna. Geessituuwwan Fiishiingii tokko tokko, jechoota akka “click here, preview document, sign in” jedhan fayyadamuun akka nuyi bannuuf nu affeeru.

  • Lakkoofsa Bilbilaa (Phone Numbers)

Dhaamsa dhugoomsaa (confirmation message) lakkoofsa bilbilaa, karaa Email’n nuuf ergame shakkuun barbaachisaadha. Lakkoofsa nuuf ergame, teessoo dabtara baankii keenyarra jirutti bilbiluun adda baasachuu qabna. Kanaan alatti, lakkoofsa karaa Email’n nuuf ergame irratti yoo bilbille, lakkoofsa hattoonni kun jalqaba qopheessan waan ta’eef osoo nuti hin beekiin odeeffannoo bilbila keenya keessa jiru hatuu waan danda’aniif of eeggachuun barbaachisaadha.

1 Comment
  1. […] tokko yoo ta’u, Hanna odeeffannoo karaa Email keenyan nurratti raawwatamuudha. Guutuu dubbisuuf As […]

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time