Passwordi facebook keessanii yoo dagattan maloota ittiin argachuu dandeessan

Baay’een keenya jecha darbii (password) facebook yoo daganne lakkoofsa bilbilaa keenya irratti ‘reset code’ akka ergamu gochuun passwordi haaraatti jijjiirranna. Haa ta’u malee yoo ‘reset code’ SMS dhaan ergamu nuuf dhufuu dide ykn SIM card’n sun nu harka yoo hin jirre passwordi keenya argachuuf rakkanna. Furmaatni maali? karaaleen biroo passwordi keessan argachuu dandeessan kan armaan gadiiti.

Gaaffiiwwan Facebook nu gaafatu tilmaamuu fi deebii kennuu

Mala kana fayyadamuuf fuula seensaa FB keessanii seenuun forgot password ykn can’t login kan jedhu gubbaa harka mirgaa kan jiru cuqaasaa. unka inni isiniif fidu’tti maqaa guutuu, email ykn bilbila facebookicha itttiin banattan galchuun search godhaa. Account dhufan keessaa kan keessan filachuun ‘I forgot my password’ kan jedhu cuqaasaa. Yoo email Facebook keessan wal qunnamsiistan jira ta’e salphamatti email irratti reset code akka ergamu gochuun password haaraa galchuu dandeessu. 

Email FB wajjin wal qunname hin qabdan taanaan immoo “No longer have access to these” kan jedhu cuqaasaa. Haaluma kanaan gaaffilee iccitii tokko tokkoo fi suuraalee hiriyoota keessanii isin gaafachuu mala. Gaaffii gaafatamtan sirriitti yoo deebistan Facebook keessanii seenuu isin dandeessisa.

Malli kan biroon karaa hiriyoota Facebook’tiin furmaata argachuu dandeessu

Kan armaan olii yoo isiniif milkaa’uu dide “Get help from friends” kan jedhu cuqaasun, hiriyoota keessan kan ta’an nama 3 hanga 5 isiniif baasa. isin hiriyoota kanneen affeeruun akka isiniif banamu gochuu dandeessu.

Hubachiisa: karaalee kanaan yaaliin password argachuu keessan milkaa’uu dhiisuun ni mala. kanaaf immoo Facebook Team’tti iyyata barreessuun furmaata argachuuf yaalun gaariidha.

5 Comments
  1. Tarree000 says

    Akkamitti iyyata warra Facebook team if barreessuu dandeenya?

  2. Taju says

    Fb lakoofsan baname
    Nama lama waliin qaba
    Ishen lkks wan harka qabduf password irra jijirate garu na birati fb numa hojata logaut yon godhe Akkamin password
    Issin itti galchite argachuu dandaha me naf deebisi Adara
    Hbibi ko

    1. abdulwasi says

      Rakkisaadha. Garuu yoo Google Chrome keessatti login godhamee ture argachuun ni danda’ama. vidiyoo kana daawwadhu https://youtu.be/-NUk2JJmvkg

  3. Abu Musa says

    Galatoomaa oromia samsung barnoonni isin nuuf qoodaa jirtan heddu nu fayyadaa jira

  4. Dursa Abdi says

    Akkamiti paswardii atkachuu dandaa ni walalee halaa kanati naf banuu didee

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time