Mobaayila Ammayyaa gatii jiddu galeessan 2020

Akkuma beekamu yeroo yeroon mobaayioonni ammayyaa gosa hedduutu oomishama, akkuma mobaayilli orjinaalli gabaaf dhihaatu kan fakkeessanii gabaaf dhiheessan ni jiru, Nuti yogguu mobaayilaas tahee waan barbaanne tokko bituu karoorsine dursa search gochuun maalummaa isaa sirritti yoo barre ni gorfama.

Akkasuma kallattiin dhaabbata waan sana oomishe irraa yoo bitanne irra caala ykn suuqa gurguddaa beekamoo ta’an irraa yoo binnees filatamaaadha. yoo ammoo suuqa onilne fi suuqa ganda keessaa kan maalummaan isaanii hin beekamne irraa kan binnu taate kasaaraa nuhirra gahuuf nama biraa komachuu hin qabnu. keessaafuu yeroo ammaa beeksisa maddi isaa hin beekamne facebook fi instagram irratti nutti dhufee “waan akkanaa gatii hanganaan order godhii siif fidna” jedhu baqachuu qabna, Namoota hedduutu karaa kanaan nyaatame.

Maamiloonni keenya biyyoota jiddu galaa bahaa keessa jiraatan gaaffii mobaayila akkamii bitanna? jedhu baay’inaan nu gaafatu, irra caalatti jiraattonni Saudi arabia, UAE/Dubai, Kuwait, Lebanon Beirut fi naannoo kana jiraatan irra deddeebin nu gaafatu. Nutiis kana dura mobaayila ammayyaa bitamuu qaban jenne irratti video tokko hojjannee turre namoota video san ilaalan biratti baay’ee jaalatamee jira, hedduun isaanitis akkaatuma nuti jenneen mobaayila isaanif tahu bitatanii jiru.

Har’a namoota yeroo ammaatti mobaayila bituu karoora qabdaniif mobaayila ammayyaa 4 gatii jiddu galeessaan gurguraman isiniin wal barsiifna. Mobaayiloonni kun hundi 2019- 2020 kan gabaarra oolan yommuu tahu, dandeettin isaanii baay’ee gaariidha, Gatiin isaanitiis kiisa keessan hin miidhu.

Nuti maqaa mobaayilaa fi modeela isaa isiniif kenninaa isin karaa isiniif dhihaatun bitachuu ni dandeessu, Dabalata warroota biyya arabaa keessa jirtaniif amazon SA, noon.com, extra.com jarir.com, irraa ni argattu, yoo isinitti tole online irraa bitachuu ni dandeessu ykn damee naannoo keessan jiru ilaaltanii itti dhaquu ni dandeessu.

Samsung Galaxy M20, 2SIM, 32GB
USA Dollar 145 hanga 160
Saudi Rial 550 hanga 600
kuwait Dinar 45 hanga 50
UAE/Dubai Dirham 540 hanga 590
Ethiopian Birr 4700 hanga 5200
Samsung Galaxy M30s, 2SIM, 64GB
USA Dollar 180 hanga 210
Saudi Rial 700 hanga 800
kuwait Dinar 55 hanga 65
UAE/Dubai Dirham 680 hanga 780
Ethiopian Birr 6000 hanga 7000
Samsung Galaxy A51, 2SIM, 128GB
USA Dollar 300 hanga 320
Saudi Rial 1150 hanga 1200
kuwait Dinar 90 hanga 100
UAE/Dubai Dirham 1130 hanga 1170
Ethiopian Birr 9800 hanga 10,200
Samsung Galaxy A70, 2SIM, 128GB
A70 kuni A51 wajjin garaagarummaa hedduu hin qabu, Gatiin isaanii $10-$20 tahuun wal dhaba. A51 yoo fudhattan gaaridha garuu qarshii muraasa irratti isin dabalchiisa waan taheef irratti dabaltanii A70 yoo fudhattan hedduu bareeda taha.

Maamiloonni keenya biyya keessaafi biyya alaa jiraattan Gatii mobaayila kanneeni Daollar fi Birrii dhan isiniif himne, Dabalata gara biyya keessa jirtanitti jijjiirun baruu ni dandeessu, isin karaa isiniif dhihaatun bitachuu ni dandeessu. Galatooma!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time